Yaa'iin Barnootaa Oromiyaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira





(Muddee 09,2015) Yaa'iin barnootaa Oromiyaa 25ffaan iddoo pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Ob.Shimallis Abdiisaa dabalatee abbootiin Gadaafi bakka bu'oonni hawaasa keessaa walitti baba'an itti hirmaatanitti har'a gaggeeffamaa akka jiru beekameera.

Gabaasi OBN akka mul'isetti hirmaattonni yaa'ichaa adeemsa baruufi barsiisuu Oromiyaa waggoota shanan darbaniirratti xiyyeeffachuun kan mari'atan ta'a.

Yaa'iin dhimma barnoota Oromiyaa irratti xiyyeffate kun yeroo finxaaleeyyiin gara garaa adeemsa baruufi barsiisuu biyya keenyaa jeequuf wixiffachaa jiranitti adeemsifaamuun isaa seenaa-qabeessa isa taasisa.

Humnoonni tokko tokko jibba Afaan Oromoo irratti qaban ifatti mul'isaniiru.Afaan Oromoo akka hin dagaagneef kanaan durayyuu ololamaa ture.Qubeedhaan maalif barreesu jechuu irraa eegalee 'Faranjii gurracha'hanga jechuu akka ga'an ni yaadatama.

Haala qabatamaa ammaatiinis 'Finfinnrr keessatti Afaan Oromoo barsiifamuu irratti komii hin qabnu,komiin keenya faaruu Oromiyaafi Alaabaa Oromiyaa irratti'jechuudhaan nutti ololaa jiru.Kun sobadha.Afaan Oromoo akka babal'atuuf akka dagaagaa deemuuf fedhii akka hin qabne gochuma isaaniitu mul'isa.

Humnoonni haala adda addaatiin socho'aa jiran kun ammaan booda Afaan Oromoo gara duubaatti deebisuu akka hin dandeenye waan hubataniif xiiqiidhaan balaaleeffachaa jiru.Oromoonis Afaan Oromoo akka guddatuuf dagaagee sadarkaa amma irra ga'e caalee akka deemuuf kutannoodhaan hojjechuutu irraa eegama.Kun ammoo fedhii qofaadhaan kan dhufu waan hin taaneef ittiin hojjechuun Afaan Oromootiin barreessuun,Afaan Oromoo dubbachuun,kan yeroo kamiyyuu caalaa barbaachisaadha,dhimma murteesaadha!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman