Qormaata biyyaalessaa Kutaa 12ffaa marsaa 2ffaa

 



Qormaanni biyyaalessaa Kutaa 12ffaa marsaa 2ffaan Muddee 18-21 bara 2015tti kan kennamu ta’uu Tajaajilli Madaallii Qormaataafi Barnootaa beeksiseera.

Qormaaticharratti kan hirmaatanis:

=>marsaa jalqabaa sababa da’uumsaa ykn. ulfaa’uutiin qoramuu kanneen hin dandeenye, too’annoo seeraa jala ykn. ammoo manneen amala sirreessaa keessa taa’anii haala tureen fayyadamuu hin kan dandeenye, Miseensa Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaafi Humna Addaa Naannolee ta’anii yeroo sanatti dirqamaarra turan ta’uu eeramera.

=>Kana malees sababa dhukkubaa ykn. ammoo rakkoo humnaa oliin osoo hin qormaatamin hafaniifi Yunivarsiitii Hawaasaatti riqichi jigee balaa mudateen qormaaticha hin fudhatiin hafan kan qoraman ta’uu ibsameera.

=>Kana malees sababa rakkoo Yuniivarsiitii Dabra-Taaboritti umameen qormaata tokko akka qoraman eeyyamameef akkasumas kanneen rakkoolee heeyyama argataniin akka qormaatamaniif murteeffameef qormaaticha irratti kan hirmaatan akka ta’e odeeffannoon Tajaajila Madaallii Qormaataafi Barnootaa irraa argame mul’iseera.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman