Goota Ashaaraa Magariisaatu Badhaafame!

 

 



Finfinnee Muddee 04,2015(TW) Muummichi Ministiraa Dr.Abiy Ahmad Sagantaa Ashaaraa Magariisaa irratti hoggansa qabatamaan mul’isaniin badhaasa “Hooggansa cimaa Afrikaa” jedhu argataniiru.Kan kutannoodhaan carraaqetu xumura irratti badhaafama.Ashuu baga badhaafaman! Kutannoofi deeggarsa Ummata Itiyoophiyaatu muummichi keenya akka badhaafaman taasise.Kanaaf badhaafniifi beekkamtiin kenname kan muummicha ministiraa Dr.Abiy Ahmad qofa utuu hin taane akka biyyaatti kan Itiyoophiyaati.Baga gammadde Itiyoophiyaa!Muummicha keetu badhaafame!

Dr. Abiy Ahmad badhaasicha kan argatan qophii addaa dhaabbileen “American Academy Of Achievement And Global Hope Coalition” jedhaman mata duree “Saffisummaa Sochii Idil Addunyaa Afrikaa” jedhuun qopheessan irratti akka ta’e beekameera.

Ityoophiyaan Akka Lakkoofsa Awurooppaa bara 2019 wayita sagantaa Ashaaraa Magariisaa eegalchiistu waggoottan afur keessatti biqiltuu biiliyoona 20 dhaabuuf karoorfachuun waggaa waggaadhaan hojjechaa akka turte ni beekama.Keessumattuu duula biqiltuu dhaabuu baatiiwwan gannaa keessa taasifamaa tureen qaamoleen hawaasaa gara garaa miliyoonaan lakkaa’aman hojii biqiltuu dhaabuu irratti hirmaataniiru.

Sochii biqiltuu dhaabuu itti fufiinsaan hawaasa hirmaachisuudhaan taasifame kanaanis karooraa ol biqiltuuwwan biiliyoona 25 dhaabuun danda’ameera. Kunis karoora qabame wajjin yoo walbira qabamee ilaalamu biqiltuu biliyoona shaniin caalmaa kan qabudha.

Bu’aa kana akkamitti galmeessuun danda’ame?

Itiyoophiyaan dur biyya qabeenya bosonaatiin beekamtudha.Haata’uutii qabeenyi bosonaa Itiyoophiyaan qabdu sababa lafa qonnaa babal’isuutiin,tajaajila qoraaniifi sababoota kanneen biroo rakkoo diinagdee wajjin walqabatanii beekamaniin qabeenyi bosonaa Itiyoophiyaan ittiin beekamtu mancaafamee akka badu taasifameera.Rakkoon kun sababa hanqina hubannoofi rakkoo maal nadhibeetiin kan mudatedha jechuun ni danda’ama.

Qabeenyi bosonaa jiru sababoota eeraman kanaan yeroo adda addaatti mancaafamuun isaa rakkoon biraas akka dhalatu taasise.Balaan Hoongeefi gogiinsaa Itiyoophiyaan yeroo adda addaatti ittiin dararamaa turte adda durummaadhaan kan mudate sababa mancaatii qabeenya bosonaatiin akka ta’e beekamaadha.Kanaanis lammiiwwan keenya kumaatamaan lakkaa’aman jireenya suukaneessaa keessa turuuf dirqamaniiru.Qabeenyi beeyiladaa qaban jalaa manca’eera.Qayee keessa jiraatan keessaayis godaanuuf dirqamaniiru.

Haalli kun akka jijjiiramuuf  waqtii sirna bulchiinsa ADWUI keessas takka ho’aa takka ammoo qabbanaa’aa qabeenyi bosonaa akka babal’atuuf baatiiwwan gannaa keessa duulaan biqiltuun dhaabamaa ture.Duulli biqiltuu dhaabuu kun hawaasa mariisiisuudhaan amansiisuun kan hirmaachise waan hin taaneef galma yaadame bira ga’uun hindanda’amne.Hojiin biqultuu dhaabuu hawaasni dirqamaan itti hirmaachaa tures kaka’uumsa kan qabu hin turre.

Gootni beekamaan hooggansa jijjiiramaa ta’uudhaan ga’uumsa qabaniin gara hooggansaa dhufuu danda’an muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad rakkoo jijjiirama haala qilleensaa hammaachaa deemeen Itiyoophiyaan miidhamaa akka jirtu waan dursanii qalbeeffataniif erga gara hooggansaatti dhufanii booda moggaasa’Ashaaraa Magariisa’jedhuu waggaa waggaadhaan baatiiwwan gannaa keessa biqiltuuwwan akaakuu gara garaa akka dhaabaman taasisan.

Hojichi nama dirqamsiisuudhaan kan hojjetame miti.Hawaasni haala jiru hubatee itti amanee akka hirmaatu taasifame.Duulli biqiltuu dhaabuu kan haawasni dirqamee ittiin ba’u utuu hin taane kan itti amanee bashannanaa itti hirmaatu ta’aa dhufe.Kunis jijjiirama qabatamaa argamsiisuu danda’e.Qabeenyi bosonaa Itiyoophiyaa mancaafame dhawaataan bayyanachaa dhufe.

Bu’aan hooggansa Dr.Abiy Ahmadiin galmeeffame kun itti fufiinsa kan qabu akka ta’uuf qaamolee dhimmi ilaallatu hirmaachisuudhaan baatiiwwan gannaa keessa biqiltuu dhaabuun amma ‘Aadaa’ ta’aa dhufee jira.Aadaan Biqiltuu dhaabuu kun dagaagaa babal’achaa akka deemu taasisuun barbaachisaadha.Bu’urri cimaan muummicha ministiraa Dr.Abiy Ahmadiin kaa’ame ammoo kanaaf shoora ol’aanaa gumaachee jira.


Biqiltuu dhaabuun carraa hojii uumee jira

Baatiiwwan gannaa keessa itti fufiinsaan biqiltuuwwan dhaabuun baramaa waan dhufeef lammiiwwan Itiyoophiyaa kumaatamaan lakkaa’aman biqiltuuwwan akaakuu gara garaa qopheessan gurgurachuudhaan humna diinagdee isaanii gabbifachaa jiru.Keessumattuu gurgurtaan omisha biqiltuu gannas ta’ baatiiwwan bonaa keessa baramaa dhufee jira.Kun ammoo galiin qaamolee hawaasaa hojii kana irratti bobba’anii daran dabalaa akka deemu taasisaa jira.Wayita ammaa damee hojii kana irratti bobba’uudhaan lammiiwwan jireenya isaanii ittiin gaggeessaa jiran hedduudha.Kutannoon kun kan argame duula Ashaaraa Magariisaa muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad jalqabsiisaniin akka ta’e beekamaadha.Muummichi keenya kaka’uumsi gama kanaan jiru akka dabalu waan taasisaniifis galata guddaa qabu.

Muummichi ministiraa sirna badhaasaa irratti maal jedhan?

Muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad Ameerikaatti badhaasa qophaa’eef erga fudhatanii booda haasawa dhageessisaniin dhaamsa dabarsaniiru.’Seenaan Ashaaraa Magaariisaa Itiyoophiyaa qaroomina haala qabatamaa dachee keenyaa wajjin walsimsiisuudhaan bu’a qabeessa taasisuun Addunyaa akka kakaasu shakkii hin qabnu’jechuun duubbatan.

Muummichi ministiraa haasawa sirnicha irratti dhageessisan kanaan Addunyaan dhibbaa jijjiirama haala qilleensaatiin wal’aansoo keessa yeroo seentu Itiyoophiyaan furmaata  qabatamaa hojiirra ooluu danda’u filachuudhaan hojjechuu akka jalqabde himan.Akka Lakkoofsa Awurooppaa bara 2019 keessa haalli rakkisaan jiraatus lammiiwwan Itiyoophiyaa sochii bal’aa taasisuun biyya isaanii magariisa uffisuuf  biqiltuu qabatanii akka ka’anis yaadachiisan.Itiyoophiyaatti baatii Waxabajjii irraa hanga Hagayyaatti waqtiin jiru kan roobaa waan ta’eef waqtii aduu baatii sagalii booda biyyeen waan jiidhuuf biqiltuu dhaabuuf haalli mijaawaan kan uumamu akka ta’e himan.Dhugaa muummicha afaanuma isaaniitiin ormatti himan kana nuti sirritti beekna,hubannoo gahaas qabna.Hundumaafuu muummichi keenya baga nuuf badhaafaman!’Utuu moortuun mortuu hortuun horti’ Waan dubbiftaniif galatoomaa fayyaa ta’aa!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman