ABO Shaneen Awwaanisa firii qabsoo ummata Oromoo nyaatuudha!



~ Kaayyoon qabsoo Oromoo nageenyaa fi tasgabbii, jaalalaa fi tokkummaa sabaa fi sab lammootaa mirkaneessuun biyya
dinagdeen badhaate uumuudha. Qabsoo isaa kanaaniis injifannoo gonfatee fuula isaa gara misoomaatti deeffatee dinagdeen of utubuun biyyaaf bu’aa buusuufis hojjechaa jira.
'
~ Injifannoo Oromootti kan mufatte murni maqaa Oromoon daldaltu shaneen aarsaa Oromoon kaffalee injifannoo galmeessetti cilee dibuuf tattaaffatti. Ta’us ummanni Oromoo qaama injifannoo isaa xuquun dantaa isaa miidhu kamiifuu obsa akka hin qabne qabatamaan shaneetti mul’isaa jira.
'
~ Saba guddaa kana xinneessanii ibsuu malee seenaa guddummaa isaa himuu hin barbaadan. Gabroomtee malee, bilisoomte jedhanii hin beekan.Warra gabrummaa malee bilisummaa dhagahuu hin feene Shanee agarre,Kanaaf Waayyaaneef gabroomu filatte.
'
~ Humni kun kaleessaa hanga har’aatti kaansarii qabsoo ummata Oromooti. Murna badii gaafa xiiqii rafee; gaafa milkii qabaa nagadhiisaa jedhu. Humna harka guddisaa deebi’ee nyaatu ABO-Shaneedha.
'
Bakka jirutti wal gurmeessee qaamolee nageenyaa waliin ta’uun faallaa injifannoo isaa kan taate shanee irratti tarkaanfii
inni fudhachaa jiruun diinni bittinnooftee bakka seensaa dhabdeetti. Diinni badhaadhina Itoophiyaa kamuu biyya kana
keessatti bakka hin qabaatu.
'
ABO Shaneen Diina Ummata Oromooti!!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman