Soba adii Juneeddii Saaddoofi sinsinnii Dh.D.U.O/A.D.W.U.I-kutaa 1ffaa

Obbo Juneeddii Saaddoo kan baratan waa’ee qabeenya bishaanii akka ta’e dubbatu.Dh.D.U.O/A.D.W.U.I’n mootummaa abbaa irree Darguu erga fonqolchee turtii waggoota kudhanii booda gara iddoo taayitaatti dhufuuf carraa argatan,Jala-bultii haaromsa 1ffaa irratti.Obbo Juneeddii Saaddoo carraa kana kan argatan haala qabatamaa wayita sana jiruun hayyoota gara garaa ogummaa qabaniifi Ummata Oromoo tajaajiluu danda’an gara hooggnsaatti fiduun barbaachisaafi dhimma murteessaa akka ta’e waan itti amaneef akka ture ni beekama.


Hooggantoota dhaabaafi qaamolee dhimmi ilaallatuun adeemsa seera ittiin bulmaataa eeguudhaan gara caasaa dhaabaatti akka makaman erga taasifamee booda garuu ijaarsi barbaachisaan waan taasifameef akka hin taane haala qabatamaa wayita ammaa obbo Juneeddiin irratti argamaniifi olola afarsaa jiran irraa hubachuun rakkisaa miti.

Obbo Juneeddii Saaddoo gara hooggansaatti erga dhufanii asitti iddoo itti gaafatamaa adda addaa irratti ramadamuudhaan Ummata tajaajilaa turaniiru.Namni kun tajaajila waggoota hedduuf kennaniin faayidaan argamsiisan kan dagatamu ta’uu baatus galata Ummata Oromoo bal’aa irraa bara baraan argachuu qabanitti garuu bishaan dhangalaasaniiru.

Obbo Juneeddii Saaddoo sadarkaa Naannoo Oromiyaatiin
  • Hoogganaa biiroo bishaan anniisaafi albuuda Oromiyaa
  • Hoogganaa biiroo maallaqaafi misooma diinagadee
  • Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uudhaan kan tajaajilan yammuu ta’u sadarkaa Mootummaa Federaalaatiin ammoo:
  • Ministira Saayinsiifi Teeknooloojii
  • Ministira siiviil sarvisii
  • Ministira geejibaafi quunnamtii akkasumas walitti qabaa boordii Yuuniivarsiitii Finfinnee ta’uudhaan tajaajilaniiru.
Obbo Juneeddiin tajaajila kana hunda kan kennan dhiibbaa gareen tokko akka isaan jedhanitti wayyaanee TPLF dhaaba adda bilisa baasaa ummata Tigiraayiin jechuun hin danda’amu.

Akkuma beekamu dhaabni isaan jalatti hiriiruudhaan gara hooggansaatti ittiin dhufan Dh.D.U.O’n miseensa adda demookraatawa warraaqsa ummattoota Itiyoophiyaa(ADWUI’ti).Dhaabbanni kun miseensa addichaa ta’uudhaan humnoota demookraatawa wajjin tokkummaadhaan socho’uun faayidaawwaniifi mirgoota Saba Oromoo kabajisiisuuf kan socho’aa jiru ta’uunsaa dhaabbanni dura hundeeffameefi uumama ADWUI’f ka’uumsa ta’e ABUT-addi bilisummaa ummata Tigraay adeemsaafi sochii Dh.D.U.O’n taasisu irratti waan barbaade raawwachuudhaan dhiibbaa geessisa jechuun medaallii kamiiniyyuu waan danda’amu miti,haalli qabatamaan tureefi ittiin hojjetamaa tures kan kana mul’isu miti.

Haa ta’uutii duruma irraa eegalee olola afarfamaa tureefi wantoota sobaan odeeffamaa turan irraa ka’uudhaan gara dhara humnoota adda addaatiin fakkeessuun ololfamaa ture amanuutti akka deemamu taasifameera.Soba irra deddeebi’amee himamu akka dhugaatti fudhachuutu barame.Fakkeenyaaf iddoo hooggansa ol’aanaa caasaa mootummaa Tigireetu qabate,qabeenyi Oromiyaa gara Tigiraay Maqaleetti guuramaa jira,humna waraanaa keessatti Oromoon janaraala hin taane,iddoo loltummaa hin qabanne,hooggansarra hin jiru,Oromoo keessaa kan muummicha ministiraa ta’e hin jiru kkf.jedhamaa tureera,ammas afaanuma Juneeddii Saaddoo dabalatee kanneen birootiin jedhamaa jira.

Dhugaa qabatamaan jiruun garuu

  • Ummanni Oromoo ofiin of bulchaa jira.
  • Mana maree bakka bu’ootaa keessaa keessatti teessoo ol’aanaa kan qabu Oromoodha.
  • Aadaafi seenaasaa dagaagfachaa jira.
  • Afaan Oromoo afaan hojii Mootummaa naannoo Oromiyaafi afaan barnootaa ta’eera.
  • Sadarkaa itti aanaa muummicha ministiraas dhaqqabuun danda’ameera.Oromoon baratee ga’uumsa qabaannaan muummicha ministiraa akka hin taaneef kan dhorkuunii danda’u hin jiru.kutaa itti aanuun walitti deebina.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman