“Harka hanna bare dooluutu socho’a”

Gantuun ummata ofii gante garaa ofiitiif kaachuu malee wanti beektu hinjiru.Gantoonni aanaalee gara garaa godina Shawaa bahaa tokko tokkos hanna baran Ummata irratti utuu raawwachaa jiranuu nidursina jedhanii socho’anis tibbana durfamaniiru.Dhimmichi akkana:

Daandiin saffisaa Mojoo irraa hanga Hawaasaatti ijaaramu hanga tokko lafa qonnaan bulaa tuquun isaa akka hinoolle beekamaadha.Mootummaan ammoo kanaaf fala kaa’uudhaan qonnaan bulaan keenya akka hinmiidhamneef haala mijeesse.
Falli mootummaan kaa’e beenyaa kaffaluudha,akkaataa murtee mootummaatiin qonnaan bulaan sababa ijaarsa daandii saffisaa kanaan lafasaa dhabu hektaara tokkoon birrii miliyoona 2 akka argatuuf murteeffameera.Akkaataa shallaggii kanaatiin qonnaan bulaan naannichaa kamiyyuu hammeentaa lafti qonnaa jalaa tuqameen beenyaa kan argatu ta’a.Waraabeessi kana beekuufi ummata keessa oolee bulu ammoo kana dhageenyaan mala malate.
Qonnaan bultoota Naannawa Mojoo,Alam xeenaafi Maqii sababa hojii daandii saffisaa kanaan beenyaa argatan adda baasuudhaan maqaasaanii tarreessuun barreesse waraabessi.
Qonnaan bultoota keessaa kamtu barate?kamtu harkaan mallatteessa?kamtu dubbisuu danda’a?kamtu hindanda’u?jechuudhaan sakatta’ee adda baase.Caasaan hooggansaa sadarkaa sadarkaan argamuufi neetiwoorkiidhaan walhidhe kun hojiisaa hojjechuu eegale finiinsee itti fufe.
Qonnaan bultootaaf lakkoofsi baankii baname,mahaallaqni beenyaa qonnaan bultootaaf hayyamames hammentaa lafasaanii tuqameen shallagamee beenyaan baankiitti isiniif galfameera koottaa mallatteessaa jedhame.Qonnaa bulaan mahaallaqa argadhe jedhee gammachuudhaan fishiliqes jarjaruudhaan waan mallatteessaa jedhaman mallatteessan,qonnaan bultoonni tokko tokko dhimmicha shakkanii waa gaggaafachuuf onnatan ammoo jeeqamsa kaasise jedhamuun komaand poostiitti akka jalaa gabaafamu doorsifaman.Doorsisa kanaan yaadda’ee mahaallaqa kenni jedhame kan kennes akka jiru beekameera.
Waraabeessi ummata nyaatu ummatuma keessa jira.Haala kanaan saaxilamee seeratti dhiyaachuunsaa ammoo akka hinoolle kunoo qabatamaan mul’ateera.Tibbana hattoonni haala kanaan qonnaan bultoota Mojoofi Naannawashee burjaajessuun soromuuf yaalan too’annoo jala oolfamuudhaan mana hidhaatti naqamaniiru.Poolisiin dhimmicha qorachaa jira.Gocha kana keessaa harka qabu jedhamuun kan shakkaman bulchaafi caasaaleen bulchiinsa naannichaa hundumtuu qabamanii too’annoo jalatti argamu.
Dabtara baankii bulchaa aanaa tokkoo irratti birriin miliyoonni sadi akka galmaa’e beekameera.Bulchaan aanaa tokko mahaallaqa hamma kana eessaa fide?Namni mindaadhaan jiraatu mahaallaqa hanga kana  akkamitti kuufachuu danda’a?Qonnaan bulaa beenyaa miliyoona 1 caalu argate irraa hir’isuun mahaallaqa kuufachuun,qonnaan bulaatti birrii kuma 500 darbachuun hinmormin,yoo mormite koomaandi poostii sitti waamna jechuun doorsisuun maalif barbaachise?Haala walxaxaa kanaan qonnaan bltoota gowwoomsuufi burjaajessuun soromuuf fiiguurra isuma qabaniin gamna ta’anii jiraachuu hinwayyuu?Imimmaan qonnaa bulaa keenyaa guyyaa tokko akka itti gaafatamnu nutaasisa jechuun yaaduun maalif dadhabame?
Hattuun yoomiyyuu hattuudha!hattuu irraa waan gaarii eeguun hindanda’amu.Hattoonni haala kanaan Mojoofi naannawasheetti gocha qaanessaa kana raawwachuudhaan too’annoo jala oolfaman seeratti dhiyaatanii adabbii maluuf argachuu qabu.Mootummaan hojmaata badaa hanbisuudhaan tajaajilli ummanni argatu akka saffisuuf wayita carraaqaa jirutti duuba deebi’anii gocha badii raawwachuun sadarkaa hammamiitiin akka nama gaafachiisu kanneenumti ija baasaanii gocha badii kanatti cuuphaman haatilmaaman.
Karaa birootiin qaamni mootummaa dhimmi isa ilaallatu haala qonnaan bultoonni beenyaa argatan kun galii waaraa argachuun jireenya isaanii itti fufuu ittiin danda’an mijeessuutu irraa eegama.Fakkeenyaaf qonnaan bulaan sababa hojii daandiitiin laftisaa hundi irraa fudhatamee kaffaltii beenyaa argate tokko haala akkamtiitiin jireenya waaraa jiraachuu danda’a?galii itti fufuunsa qabu akkaataa akkamiitiin argachuu akka danda’u yaadamee hojjetamuu qaba.
Qaamni mootummaa dhimmi isa ilaallatu dallaaloota qonnaan bulaan maallaqasaa waan hintaane irratti akka ballessuuf dhiibanis ittisuu qaba.Qonnaan bltoonnis jireenya ofiifi maatiisaaniitiif yaaduu qabu!Haala mijaa’aa argame dhiibbaa qaamolee adda addaatiin of harkaa baasuudhaan deebi’anii mootummaa komachuun fala ta’uu akka hin dandeenye hubatamuu qaba!





አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman