Lammii dhaqqabuun dirqama!

Naannoo Oromiyaatti lammiiwwan keenya balaa hoongeetiif saaxilamaniif deeggarsi  taasifamu cimee akka itti fufuuf hojjetamaa akka jiru himameera.
Biiroon Dhimmoota Koomunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa akka gabaasetti gareen sadarkaa itti aanaa pireezidaantii Naannoo Oromiyaatti hoogganaa Biiroo qonnaafi misooma qabeenya uumamaa Oromiyaa obbo Silashii Geetaahuniin hoogganame godina Booranaatti sababa balaa hoongeetiin miidhama Namaafi beellada irra ga’e daawwateera.
Sababa balaa hoongee  mudateen rakkoo godinicha keessatti mudataa jiruuf furmaata yeroo gabaabaafi dheeraa kennuuf dhimmichaaf xiyyeefannaan guddaan kennamee hojjatamuu akka qabu obbo Siilashiin hubachiisaniiru.
Mootummaan deeggarsa bishaanii,nyaata horiifi namaa dhiyeessaa jiru cimsee akka itti fufus obbo Silashiin mirkaneessaniiru.

Haaluma walfakkaatuun gareen kun adeemsa ijaarsa" Net Workii" bishaan Booranaa daawwateera.Ijaarsa pirojaktii bishaanii hatattamaan xumuramuun rakkoon bishaan dhugaatii hawaasa godinichaa  akka furamuuf kallattii fuula duraa ka’aniiru.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman