Waraabessi guyyaan yuuse beekkachiise!

Biyyi teenya Itiyoophiyaan mootummaa Ummataa heera mootummaatiin hoogganamu erga argatte barana waggoonni 22 lakkaa’amaniiru.Heera mootummaa waan hunda qabateefi sadarkaa idila Addunyaatiin dinqisiifannaa argatedha.Heerri mootummaa keenya madda seerota hundaati,seerri heera mootummaa jala hinjirre kamiyyuu fudhatama hinqabu.Kana jechuun seeronni mirgaafi faayidaa hawaasaa kabajisiisuuf qaama dhimmi ilaallatuun ba’an hundi heera mootummaatii gadidha malee heera mootummaa biyyi ittiin bulaa jirtuu ol ta’uu hindanda’an jechuudha.
Lammiin biyyattii hundumtuu heera mootummaa kabajuufi kabajisiisuuf dirqama qaba.Maqaa demokraasiitiin kan jedhamaa jiru garuu fallaa kanaa akka ta’e mallattoowwan tokko tokko mul’achaa turaniiru.Humnoonni waggoota darban keessa heera mootummaa Itiyoophiyaa haarawaa morman seereffamoonni heera mootummaa akka hojiirra hinoolleef carraaqaa turan.Heerri mootummaa kun biyya kan bittinneesudha jechuun keessumattuu keewwanni heera mootummaa 39ffaan mirga fottoquu hayyamu akka haqamuuf qeeqa daangaa hinqabne dhageessisaa turaniiru.Xiqqaa-guddaan keewwata kana akka balaaleeffatuufis waan danda’an hojjechaa turan,ammas ittuma jiru.
Dhiyeenya kana akkuma dhaga’amaa jiru paartiiwwan mormitoonni paartii biyya bulchaa jiru ADWUI wajjin dhimmoolee adda addaa irratti mari’achuun falmiidhaan jijjiirama fiduuf akka socho’an himamaa jira.Bakka bu’oonni paartiiwwan mormitootaa tokko tokkos ibsa Amajjii 29 bara 2009 Finfinneetti kennaniin falmiin qaama biyya bulchaa jiru wajjin taasifamu hanga heera mootummaa jijjiirsisuutti kan deemu akka ta’e mamii malee wayita dubbatan dhaga’ameera.
Akka ilaalchakootti adeemsi kun gonkumaa hayyamamuu hinqabu!Isaan eenyu heera mootummaa qaama biyya bulchaa jiru wajjin akka mari’ataniif haala isaaniif mijeesse diiguuf kan socho’an?Akkuma beekamu bakka bu’oonni paartilee mormitootaa ADWUI wajjin dhimmoota biyyaa irratti akka mari’ataiif haala kan mijeesse rakkoo tasgabbii dhabuu Naannolee tokko tokko keessatti kanaan dura mudatee darbedha.Bu’aan filannoo bara 2007 galmeeffames caalmaa sagalee ummataatiin ADWUI’n akka itti fufuuf waan murtaa’eef kana booda kaka’uumsuma ADWUI’tiin waltajjiin maree akka mijaa’u ta’eera.Paartiiwwan mormitoonni dhimma biyyaa irratti quuqamaan mari’achuuf qophaa’uun isaanii kan deeggaramudha,kana mormuun hindanda’amu isaanis ilaalcha hawaasa bakka bu’anii qabachuudhaan yoo socho’an aadaan demookraasii biyya keenyaa gabbachaa akka deemu hinshakkamu.
Haala mijaa’aa uumame faayidaa biraatiif fayyadamuun garuu balaaleeffatamuu qaba.Humni adeemsa kanatti fayyadamuudhaan qabiyyee heera mootummaa hir’isuuf socho’u humna Saboota sab-lammootaafi Ummattoota Itiyoophiyaatiif yaaduufi quuqamudha jechuudhaan yaaduun doofummaadha.Haala qabatamaan jiru irraa hubachuun akka danda’amutti kiraa sassaabdoonni caasaa ADWUI keessa riphanii jiranis adeemsa paartiiwwan mormitootaa kana deeggaruudhaan biyya teenya guddittii Itiyoophiyaa balaadhaaf saaxiluudhaan faayidaa dhunfaa kabajisiifachuu akka danda’an shakkamuu qaba.
Adeemsa faalla’aa heera mootummaatti bu’u kamiyyuu dura dhaabbachuu kan qabu bakka bu’aa ummata bal’aa ADWUIfi ummatuma bal’aadha.Heerri mootummaa fedhii ummata bal’aa jiddu galeessa taasifachuudhaan irratti mari’atamee ragga’e dhuunfoota ilaalcha of tuulummaafi dhiphummaatiin xaxamaniin akka irraa qunxuramuuf hayyamamuu hinqabu!
Hooggansi ADWUI kutannoo qabu faayidaa ummata bal’aa dabarsee akka hinkennine kan beekamu ta’us sababoota adda addaatiin jilbiinfattoonni tokko tokko jiraachuu danda’u waan ta’eef gama hundumaanuu ofeeggannoo taasisuun barbaachisaadha!




አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman