ከ4 ሺህ በላይ አመራሮች ላይ እርምጃ መወሰዱን የክልሉ ኮሙኒኬሽን ጉዳዮች ቢሮ አስታወቀ

በኦሮሚያ ክልል በተካሄደው የመጀመሪያው ዙር የጥልቅ ተሃድሶ ንቅናቄ ከ4 ሺህ በላይ አመራሮች ላይ እርምጃ መወሰዱን የክልሉ ኮሙኒኬሽን ጉዳዮች ቢሮ አስታወቀ
የቢሮው ኃላፊ አቶ አዲሱ አረጋ ዛሬ በሰጡት መግለጫ ከክልል እስከ ወረዳ ባለው አደረጃጀት በ4ሺህ 460 ላይ እርምጃ ተወስዷል ብለዋል
በክልሉ ቀበሌዎች ደረጃ ደግሞ 13ሺህ 578 አመራሮች ላይ ነው እርምጃ የተወሰደው
ከክልል እስከ ወረዳ በነበሩ አመራሮች ቀጥሎ በተዘረዘሩት  አራት ምክንያቶች እርምጃ የተወሰደ መሆኑን አቶ አዲሱ አረጋግጠዋል
1.በብቃት ማነስ 2ሺህ 587 አመራሮች
2.በኪራይ ሰብሳቢነት 964 አመራሮች
3.በስነ ምግባር ችግር 397 አመራሮች
4.በግል ችግር 512 አመራሮች ላይ እርምጃ ተወስዷል

Naannoodhaa hanga aanaatti hoggantoota kiraa sassaabdummaadhaan tarkaanfiin irratti fudhatame 964 keessaa hoggantoota 260 irratti ragaan qulqullaa'ee seeratti dhiyaataniiru jedhe Biiroon Dhimmoota Koomuniikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa.
Hoggansa sadarkaa naannoo hanga aanaatti jiran 4,460 irratti tarkaanfiin fudhatame sababa gahumsa dhabuun namoota 2,587 (58.3%), kiraa sassaabdummaan 964 (21.6%), rakkoo naamusaa 397 (8.9%), rakkoo dhuunfaa 512 (11.5%) akka ta’e hogganaan Biiroo Dhimmoota Koomuniikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Addisuu Araggaa ibsa har’a kennaniin beeksisaniiru.
Sadarkaa gandaatti ammoo hoggansa kuma 13fi 578 irratti tarkaanfiin fudhatameera.
Obbo Addisuun ibsa kennan kanaan akka jedhanitti, sadarkaa gandaatti namoota 2,470 seeratti dhiyeessuuf hojiin qulqulleessuu hojjetamaa jira.
Obbo Addisuun akka jedhanitti, Birriin miliyoonni 7fi kumni 100fi kumni 49fi saantimni 32, konkolaataan 4, gamoon 2, manni jireenyaa 40, lafa magaalaa kaaree meetira kuma 200fi kuma 44fi 356, lafti bosonaan uwwifame heektaarri 54.8 dhorkamee jira.
Hoggantoota hafan irratti immoo himata banuuf ragaan qindaa’aa jira.
Sosochii haaromsa gadi fageenyaa taasifameenis caasaa deebisanii ijaaruunis geggeeffamee jira jedhan.Haaromsa kana irrattis qaamoleen hawaasaa gara garaa miiliyoona 6 fi kuma 400 caalan hirmaataniiru.
Haluma kanaan, sadarkaa naannotii hanga aanaatti hayyootni 5,832 haaraan gara hoggansaatti makamanii jiru.
Qabeenyi kiraa sasaabdotaan qisaasames faayidaa uummataatiif akka oolu, ummanni mootummaa waliin akka hojjetu obbo Addisuun waamicha dhiyeessaniiru.


አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman