Dura taa'aa ADWUI haarawaaf ibsa gammachuu erguun eegalameera

Emiira Kuwaataar dabalatee qondaaltonni biyyattii Olaanoo Dura-taa’aa ADWUI ta’uun kan filataman Doktar Abiy Ahmediif ibsa gammachuu ergan.
Ibsa gammachuu kana kan erge Emiira Kuwaataar Sheek Tamiim Biin Ahmed Altaanii, Itti- aanaa Emiira Sheek Abdallaah Biin Ahmad Al-Taanii fi Ministira Muummee Biyyattii akkasumas Ministira Biyya Keessaa Sheek Abdallaah Biin Kaalifaa Altaaniidha.
Qondaaltonni Olaanoo guyyaa kaleessaa ibsa gammachuu erganiin Dura-taa’aa ADWUI Doktar Abiy Ahmadii hawwii gaarii qabaniif ibsaniiru.
Manni-maree ADWUI Kibxata darbe Doktar Abiy Ahmadiin Dura-taa’aa Dhaabbatichaa godhee filachuunsaa kan yaadatamudha.
Waajjirri ADWUI ibsa kaleessa kenneen akka hojimaatichaatti Doktar Abiy Ahmad Dura-taa’aa Dhaabbatichaa ta’uun akka filataman eereera.
Haala kanaan Doktar Abiy Ahmad Mana-maree Bakka-buutota Uummataatti Ministira Muummee Mootummaa Federaalaa Dimookraatawaa ta’anii kan muudaman ta’a.
Madda: www.gulf-times.com

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

invastimantii Oromiyaa caalmatti cimsuuf qajeelfamni dambii haaraan ba'ee hojiirra ooluu eegaleera

Nuu jiraadhu Oromiyaa!!

ቤተ መንግሥት ድረስ ገብተው ጉድ ሊሰሩን የነበሩ የሠራዊቱ አባላት መኖራቸውን ካሰብን......