Dura taa’aa ADWUI ta’uun kan filataman Dooktor Abiyyi Ahimad eenyu?

Dura taa’aa ADWUI ta’uun kan filataman Dooktor Abiyyi Ahimad qophaa’ina barumsaa muuxannoofi seenaa isaanii akka ittaanu kanatti qindeessineerra.
Doktor Abiyyi Godina Jimmaa magaalaa Aggaarootti bara 1968 dhalatan. Barnoota isaanii sadarkaa 1ffaadhaa amma 2ffaatti godinichumatti hordofanii xumuran. Barnootasaanii bara 2001 Diigrii jalqabaa “Computer Engineering”dhaan Microlink Information Technology College,Finfinnee irraaa argataniiru. Maasteersii isaanii bara 2005 gosa barnootaa Koompitaraa “Cryptology” jedhamun, “Mashihe Dynamics Cipher-ED Pretoria South Africa” irraa fudhataniiru. Bara 2003 gosa barnootaa “Transformational Leadership and Change” jedhamun, “Greenwich University, London in collaboration with International Leadership Institute Addis Ababa,Ethiopia” irraa argataniiru.
Itti aansuunis bara 2005 “MBA”, gosa barnootaa “Master of Business Administration” maastersii isaanii biroo Yuunvarsiitii, “Ashland Lead Star” irraa argataniiru. Yuunvarsiitii Finfinneetti “Institute for peace and security studies” keessatti PHD (Diigrii saddaffaa) isaanii gosa barnoota “peace and security studies” jedhamuun Doktereetii isaanii fudhataniiru.
Muuxannoo hojiitinis, Miseensa raayyaa ittisaatti gulantaa Leetanaal Koloneelii argataniiru. Nagaa kabachiisaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti; Kiigaalii Ruwaandaatti filatamanii tajaajilaa turaniiru.
Bara 2002 irraa eegalee hanga ammaatti miseensa koree giddu galleessa DhDUO ta’uun tajaajilaa turaniiru. Bara 2007 irraa eegalee koree hoji raawwachiiftuu DhDUO ta’uun tajaajiluu irrattii argamu.
Akkasumas bara 2005 irraa eegalee hanga ammaatti miseensa koree hoji raawwachiiftuu ADWUI ta’uun tajaajiiluu irratti argamu.
Gama mootummaatin sadarkaalee adda addaatti ittii gaafatamummaa garagaraatiin kan hojjatanii fi hojjachaa kan jiran yeroo ta’uu, bara 2002 irraa eegalee godina Jimmaa magaalaa Aggaaroo bakka bu’uun miseensa manamarii bakka bu’oota ummataa ta’uun tajaajilaniiru.
Bara 2000 hanga bara 2002tti miseensa boordii Dhaabbata Raadiyoofi Televiizhinii Ityoophiyaa, bara 2001-2002tti miseensa boordii Koorporeshiinii Teeleekoominikeeshiinii Ityoophiyaa ta’uun hojjataniiru.
Bara 2000 -2002tti sadarka maanajarummaatin “Ethiopia Media and Expansion, National Electronics Id System, Computer Based Data Communication System” dhaan dhaabbilee gara garaa keessaa fi “Automation of Banking System in Ethiopia” keessatti maanaajara ta’uun kan tajaajilan yoo ta’u, bara 2007 irraa eegalee walitti qabaa boordii intarpiraayizii daandii saffinaa, akkasumas baruma kanatti walittii qabaa boordii waldaa hojiilee ijaarsaa, diizaayinii fi suupparviizhiinii Ityoophiyaa ta’uun tajaajilaniiru.
Bara 1999 irraa hanga 2002tti hundeessaa fi daayreektara “INSA(Information Network Security Agency)” ta’uun kan tajaajilan yoo ta’u, bara 2005 irraa eegalee immoo dayreektara Giddu Gala Odeeffannoo Saayinsii fi Teeknooloojii Biyyoleessaa ta’uun tajaajilaniiru.
Bara 2007tti Ministira Ministeera Saayiinsii fi Teeknooloojii, bara 2008 irraa eegalee hanga xumura bara 2009tti sadarkaa ittii aanaa preezidaantiitti hogganaa Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa ta’uun tajaajilaniiru.
Jalqaba Fulbaana bara 2010 irraa eegalee hanga dura taa'aa DhDUO ta'anii filatamanitti sadarkaa ittii aanaa preezidaantitti hogganaa Waajjira DhDUO giddu galeessaa ta'uun tajaajilaniiru. Dhiyeenya kanammoo dura taa'aa DhDUO ta’uun tajaajiluu irratti argamu. Ammammoo dura taa'aa ADWUI ta'uun filatamaniiru.Muummicha ministiraa Itiyoophiyaa ta'uudhaanis toora ADWUI keessatti kan debe sirreessuun hunda hirmaachisuun,garaa bal'achuudhaan badhaadhina biyya keenya Itiyoophiyaatiif kutannoodhaan hojjetu jedhamee eegama.
Hayyuun keenya kun karoorri jijjiiramaaf qabatan galmasaa akka ga'uuf Ummanni Oromoo bal'aan Dargaggoonni(Qeerroon) Sabaafi sab-lammoonni biyya keenyaa hundi lammiiwwan biyya keenyaa biyyaalee alaa jiraatan deeggarsa hin qusatamne taasisuutu irraa eegaama.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman