invastimantii Oromiyaa caalmatti cimsuuf qajeelfamni dambii haaraan ba'ee hojiirra ooluu eegaleera
Finfinnee Eebila 15/2012(TW) Sochii misooma invastimantii Oromiyaa caalmatti cimsuuf qajeelfamni dambii haaraan bahee hojitti galameera- Komishiinara komishiinii Invastimantii naannoo Oromiyaa Obbo Hayluu Jaldee.
Sochii misooma invastimantii bu’a qabeessa ta’e lafa qabsiisuuf qajeelfama danbii haaraa boordiin mirkanaa’ee hojitti galamuu isaa obbo Hayluu Jaldee ibsa guyyaa har’aa miidiyaaleef kennaniin ibsaniiru.
Dambiin haaraan kun karaa Qonnaan bulaa fi Horsiisee bulaa fayyadamaa taasisuu danda’uun tumamuu isaa kan dubbatan Obbo Hayluu Abbootii qabeenyaa sadarkaan jiran hojitti galchuu keessattis xiyyeefannoon kan itti kenname ta’uu dubataniiru.Qajeelfama kana keessatti facaatii tajaajiltummaa seektaroota gara garaa keessatti argaman gara tokkotti fiduun tajaajila iddoo tokkoo akka argataniiif haala kan mijeessudha jedhan.
Qonnaan Bulaa fi Horsiisee Bulaa karaa liizii fi kiraa irraa bilisa ta’een gara invastimantiitti galchuu fi Lafti Qonnaan bulaa invastimantiif kan barbaadamu taanaan karaa qonnaan bulaa fayyaadamaa taasisuu danda’uun ta’uu akka qabu dambicha keessatti kan ka’aame ta’uun ibsameera.
Walitti qabaan koree Oditii invastimantii fi Hooganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabalee gamasaanitiin invastimantii karaa sirrii ta’een hojitti galchuun sochii diinagdee fooyya’aa ta’e fiduuf hojjatamaa jiraachuu dubbataniiru.
Invastimantii guddina diinagdee bu’ura qabeessa ta’ee fi qonnaan bulaa fayyadamaa taasisu mirkaneessuuf yeroo kamuu caalaa qindoominaan hojjatamaa jiraachuu ibsuun Abbootii qabeenya biyya keessaa dhibbeenta 90 kan hammate ta’us Obbo Dhaabaan dubbataniiru.
Abbootiin qabeenya gara Invastimantiitti galan qorannoon kan taasifamu ta’us dubbatan.Hoji dhabaa hojitti galchuu keessattis xiyyeefannoo guddaan qaama invastimantii keessatti hammatame ta’us kaa’ameera.
Maddi:BDhKMNO
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ