Diina Keessaafi Alaa,Hunduu Diinoota Keenya! kutaa 4ffaa
Raayyaan Ittisa Itiyoophiyaa duula birmadummaa biyyaa kabajisiisuuf Tigraay ture,naannicha keessaa kan ba’e xumura baatii waxabajjii bara 2013 yoo ta’u murtee mootummaa Kanaan ummanni bal’aan mamii cimaa keessa seene.maalif?gaaffiin jedhu gamaa-gamanaa dhaga’ame.Gungumatu baay’ate. Booda irra mootummaan sababa raayyaan ittisaa Itiyoophiyaa Naannoo Tigraay keessaa ba’uudhaan gara ummata da’oo ta’uufitti akka deebi’uuf mootummaan sababa ittiin murteesse ummata hubachiisuun eegalame. Keessumattuu ibsa yeroo adda addaatti muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmadiifi qondaalli loltummaa duraanii janaraal/Ambaasaaddar Baacaa Dabalee kennaniin Ummanni gaaffii kaasaa tureefi mamii keessa gale qabbanaa’aa dhufe.Garuu qondaaltoonni wayyaanee miidhaan ol’aanaan akka ga’uuf haala mijeessan utuu hin ajjeefamin yookan booji’amanii utuu too’annoo jala hin oolfamin deebi’uun sirrii miti jechuun gungummiin qaamolee hawaasaa adda addaatiin eegalame guutummaatti dhaabbateera jechuun hin danda’...