Diina Keessaafi Alaa,Hunduu Diinoota Keenya! kutaa 4ffaa

  

Raayyaan Ittisa Itiyoophiyaa duula birmadummaa biyyaa kabajisiisuuf Tigraay ture,naannicha keessaa kan ba’e xumura baatii waxabajjii bara 2013 yoo ta’u murtee mootummaa Kanaan ummanni bal’aan mamii cimaa keessa seene.maalif?gaaffiin jedhu gamaa-gamanaa dhaga’ame.Gungumatu baay’ate.

Booda irra mootummaan sababa raayyaan ittisaa Itiyoophiyaa Naannoo Tigraay keessaa ba’uudhaan gara ummata da’oo ta’uufitti akka deebi’uuf mootummaan sababa ittiin murteesse ummata hubachiisuun eegalame.

Keessumattuu ibsa yeroo adda addaatti muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmadiifi qondaalli loltummaa duraanii janaraal/Ambaasaaddar Baacaa Dabalee kennaniin Ummanni gaaffii kaasaa tureefi mamii keessa gale qabbanaa’aa dhufe.Garuu qondaaltoonni wayyaanee miidhaan ol’aanaan akka ga’uuf haala mijeessan utuu hin ajjeefamin yookan booji’amanii utuu too’annoo jala hin oolfamin deebi’uun sirrii miti jechuun gungummiin qaamolee hawaasaa adda addaatiin eegalame guutummaatti dhaabbateera jechuun hin danda’amu.

Qondaaltoonni mootummaa ibsa dhimmicha irratti kennaa turaniin Raayyaan ittisaa Naannoo Tigraay keessaa akka ba’u kan taasifame ummata da’oo ta’uufitti akka dhiyaatuuf yaadameeti jedhan.Kana jechuun ummanni Naannoo Tigraay Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaatiif da’oo ta’uu hin dandeenye,inumaatuu diina itti ta’e jechuudha.

Dhimmi kun yeroo jalqabaa irra dibaan kan bira darbame ta’us boodarra qaamoleen hawaasaa gara garaa Naannoo Tigraay murna wayyaanee deeggaruudhaan raayyaa ittisaarra miidhaan akka ga’u taasisuun isaanii himameera.Miseensoonni raayyaa ittisaa ummatatti dhukaasuu mannaa jechuun of ajjeesuudhaan wareegaman hedduun akka jiranis odeeffannoo kennameen mirkanaa’eera.

Sababiin lammaffaan raayyaan ittisaa naannichaa akka ba’u ittiin taasifame kan biraa qonnaan bultoonni Naannoo Tigraay yeroo haara galfii argachuudhaan qonna gannaatiif xiyyeeffannoo kennuudhaan akka qotataniif akka ta’e himamee ture.Bulchiinsa yeroo Tigraayitti hundeeffame irrattis wayyaaneen yeroo adda addaatti gochaa ajjeechaa raawwachuu jalqabuunshii akka sababaatti kan ka’aa turedha.

Battala kanatti wayyaaneen hidhattoota jalaa bibittinnaa’an walitti qabattee qophaa’uudhaan Naannoo Tigraayiifi Naannoo Affaar weereerte.Keessumattuu gocha wereeraa Naannoo Amaaraa irratti raawwatameen hidhattoonni wayyaanee miidhaa himamee hin dhumne geessisan.Hidhattoonni Tigraay moggaafni maqaa ‘TDF’jedhu kennameef lubbuu jiraattoota Naannoo Amaaraa kumaatamaan lakkaa’aman balleessan.Qabeenya mootummaafi namoota dhuunfaa saaman.Kan saamanii fudhachuu dadhaban gubuudhaan,caccabsuudhaan akka manca’u taasisan.


‘TDF’raayyaa  ittisaa Tigraay jechuudhaan kan hooggantoonni wayyaanee moggaasanidha.Abjuu Tigraay akka biyyaatti hundeessuuf isaan gargaaru qaban waan ta’eef dursuudhaan raayyaa ittisaa moggaafatan.Maqaan motummaatis akka Kanaan duraa Mootummaa Naannoo Tigraay jedhamuun akka hafu taasisuudhaan ‘Mootummaa Tigraay’jedhamee moggaafame.Jarri dursitee waan qophaa’aa turteef fagoo akka deemte hubatame.

Akkuma Naannoo Amaaraatti naannoo Affaar irrattis hidhattoonni wayyaanee miidhaa laakkaa’amee hin dhumne geessisan.Akkuma Naannoo Amaaraatti raawwatan Affaarittis lubbuun namoota hedduu akka badu taasisuudhaan qabeenyas barbadeessuun miidhaa ol’aanaa geessisan.

Gochi wereeraa Naannoo Affaaritti raawwatan akka kan Naannoo Amaaraatti raawwataniitti salphaa ta’uufii dide.Jiraattoonni Naannoo Affaar dhiiraafi dubartiin hidhatanii ba’uudhaan bakka bakkatti daaraa isaan gochuu eegalan.Sababa kutannoo jiraattoota Naannoo Affaariin hidhattoonni wayyaanee akka hin taane ta’uudhaan barbadeeffaman.Qolannaan Naannoo Amaaraatti isaan mudates salphaa miti.Hooggantoonni wayyaanee namoota umurii dheeraa qaban dabalatee ummata mara gara adda waraanaatti akka galchaniif isaan dirqamsiise.Kana boodahoo maaltu ta’e?kutaa 5ffaa barreeffama kanaa keessatti kan ilaallu ta’a.Dubbisa gaarii!Nagaan turaa!

Yaadachiisa!

Barreeffamoota itti fufiinsaan dhiyaachaa jiran kana irratti yaada qabdan kennuuf ykn.barreeffamoota ergaa adda addaa qaban,kan afaan Oromoofi afaan Amaaraa kan isinumti barreessitan ergitanii gulaalamee fuula kana irratti maqaa keessan wajjin akka isiniif ba’u yoo barbaaddan email: brehuri1@gmail.com irratti erguu dandeessu.Hirmaadhaa!dandeettii waa barreessuu keessan guddifadhaa.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman