Diina Keessaafi Alaa,Hunduu Diina Keenya
Biyyi teenya Itiyoophiyaan diina keessaafi alaa hedduu qabdi.Diinoonni keessaa isaan kamidha?Diinonni alaahoo isaan kamfa’i akka ta’an adda baafachuudhaan beekuun barbaachisaadha.Waa’ee diinaa dursuudhaan beekan malee diina kamiyyuu moo’achuun rakkisaa ta’a.Kanaaf maalummaa diinoota keessaafi alaa addaan baafachuudhaan beekuun dhimma murteessaa ta’a.
Barreeffama Kanaan waa’ee diinoota biyya keessaafi biyya alaa Itiyoophiyaatti gamanii waa danuu walhubachiifna,jedheen yaada.Maalummaa isaanii xiinxaluudhaan beekuun ammoo hunduma fayyada waan ta’eef itti xiyyeffachuun barbaachisaadha
Haala qabatamaa amma jiruun diinni keessaa kan jalqabaa garee shororkeessaa TPLF jedhamuudhaan beekamuufi ergamaasaa maqaa saba Oromoo nyaatee maqaa Saba Oromootiin daldalu ABO shaneedha.
TPLF qabsoo hadhooftuu Sabni Oromoo keessumattuu Qeerroofi Qarreen, sabaafi sab-lammoonniifi kutattoonni caasaa ADWUI keessa turan taasisaniin mamii malee taayitaa irraa fonqolfamte.Gareen shororkeessituun tun waggoota 27’f bara 1983 hanga bara 2010’tti wayita biyya bulchaa turtetti iccitiidhaan biyya diiguuf waan raawwachaa turte beekti waan ta’eef akkaataa salphaa ta’een taayitaa barteetti deebi’uu waan dandeessu itti fakkaachuudhaan akka malee wixiffatte.
Wixiffannaa hoggantoonni TPLF gara Magaalaa Maqaleetti erga deebi’anii booda taasisaniin wanti ergamtoota bobbaasuudhaan Naannoleefi magaalota gara garaa keessatti raawwatamaa ture maal akka ta’e kan miidhaan irra ga’e hundaan ni dagatama jedhamee waan yaadamu miti.’Kan waraane irraanfatus kan waraaname hin irraanfatu’jechuudhaan akkuma Oromoon mammaaku miidhama ga’e,dararama danuu lakkaa’amuudhaan hin dhumne akkamitti irraanfachuun danda’amaa?
Hoggantoonni garee shororkeessaa TPLF Itiyoophiyaa diiguuf kan onnatan sababa gara garaatiin akka ta’e ni beekama.Sababiin jalqabaa waggoota 27’f wayita Itiyoophiyaa bulchaa turanitti waan dhoksaadhaan hojjechaa turaniin humna diinagdeetiinis ta’e humna loltummaatiin sirritti akka of ijaaran beeku.Gama diinagdeetiin qabeenya biyyaa akka barbaadanitti saamaniiru.Mahaallaqa biliyoonaan lakkaa’amu baankiiwwan alaa keessa kaawwataniiru.Biyya keessattis kan isaanitti dhiyaatuufi maatiiwwan isaanii jireenya badhaadhinaa irraan ga’aniiru.Kanaaf humna diinagdee guddaa qabna jechuudhaan onnatan.
Damee loltummaatiin shira raawwachaa turaniin caasaan loltummaa saba Tigreetiin akka guutamu taasisaniiru.Miseesa loltummaa sabaafi sab-lammoota gara garaa keessaa dhufe sababa adda addaa uumuudhaan caasaa loltummaa keessaa akka ba’u taasisaniiru.Qondaaltoonni loltummaa irra jiraan saba isaanii keessaa kan ba’anidha.Murteen kun raayyaan keenya waan ta’eef homaa hin taanu jechuudhaan onnatan.
Garaa garummaan sabaafi sab-lammoota jidduutti uumanis lammiiwwan Itiyoophiyaa waliif galuu hin danda’an waan ta’aniif humnaan taayitaa dhabnetti deebi’uu dandeenya jechuudhaan akka onnataniif isaan gargaare.
Sababoota gurguddoo tarreeffaman Kanatti abdachuudhaan waggoota sadiif iddoowwan gara garaatti ergmatootatti fayyadamanii bobbaasuun jeeqamsa erga uumaa turanii booda qophaa’aa turuudhaan Onkololeessa 24 bara 2013 raayyaa ajaja kaabaa Tigraayitti argamu se’atan.Tarkaanfii miseensoota raayyaa ittisa biyyaa irratti dhoksaadhaan fudhataniinis loltoota hedduu ajjeesan,reeffe loltoota haala suukaneessaa ta’een ajjeesan irra konkolaataa Siinoo Tiraak oofan.Kutaa 2ffaa barreeffama kanaa qabadheen deebi’ee dhufa.Dubbisa gaarii!Nagaan turaa!
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ