Diina Keessaafi Alaa,Hunduu Diina Keenya! kutaa 2ffaa

 

Qondaalli loltummaa Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaa Janaraal Ababaaw Taaddasa jedhaman odeeffannoo miidiyaadhaaf kennaniin akka mirkaneessanitti wayyaaneen Maqalee taa’uudhaan walakkeessa bara 2010 booda Naannolee Itiyoophiyaa keessatti iddoowwan gara garaatti jeeqamsawwan 113 akka uumaman taasiftee jirti.

Jeeqamsawwan iddoowwan gara garaatti wayyaaneen ergamtoota mindeessitee ergiteen raawwatte kanneeniin lubbuun lammiiwwan hedduu darbeera,qabeenyi hedduunis haala suukaneessaadhaan barbadaa’eera.Lubbuun lammiiwwanii bade kan bakka buufamuu danda’u miti.Qabeenyi barbdaa’es waggoota hedduu booda kan horatame waan ta’eef kan barbadeeffame bakka buusuuf yeroo hedduu gaafata.

Wayyaaneen miidhaa kana itti yaaddee karoorfachuudhaan raawwatte.Kaayyoon durama qabdu biyya diigdee Tigraay akka biyyatti hundeessuudha waan ta’eef waanuma karoorfatte raawwattee,raawwachiifte.Diinagdeen biyyaa akka laamsha’u taasisuun humni dura dhaabbatee qolatuun akka hin jiraanne taasisa.Mana qonnaan bultootaa gubuun,lubbuu namootaa itti fufiinsaan balleessuun waanuma wayyaaneen raawwachaa turtedha.

Ergamtoota gochoota badii kana raawwataniif mahaallaqni birrii miliyoonan lakkaa’amu iddoo jiranitti baankiidhaan ergamaafii ture.Kanaaf ragaan namoota hedduu mahaallaqa ol’aanaa ni qabaatu jedhamanii hin yaadamne harkatti birriin miliyoonaan lakkaa’amu argamuusaati.Dabtara namoota dhuunfaa birrii hedduu ni qabaatu jedhamanii hin yaadamne irrattis ragaan qabatamaan yeroo gara garaatti argamuun beekamuudhaan,gochi kun kan wayyaaneen raawwachaa turte akka ta’e waan mirkanaa’eef Baankiiwwan Itiyoophiyaa keessatti argaman sochii maallaqaa irratti hojmaatasaanii jijjiiruuf dirqamaniiru.

Kana malees Mootummaan Itiyoophiyaa Noottii birrii bara sirna ADWUI keessa tajaajilaa ture kan jijjiire hanqinoota dhimmuma kana wajjin wal qabatanii jiraniin akka ta’e amanama.Murtee bulchiinsa Mootummaa muummicha ministiraa Dr.Abiy Ahmadiin hoogganamuun darbe Kanaan Wayyaaneen dhiphina ol’aanaa keessa galte.Birriin biliyoonaan lakkaa’amu kan dursuudhaan awwaallatan gatii dhabe.Isaan warra shiraati waan ta’aniif birrii saaman gara Doolaaraatti akka jijjiiran shakkama.Ta’ullee wanti biyya keessa kaawwatan gatii akka dhabuuf murteen mootummaan Itiyoophiyaa nootii birrii jijjiiruudhaan fudhate shoora ol’aanaa gumaacheera.


Sababa murtee kanaatiin jeeqamsi wayyaaneen ergamtoota bobbaasudhaan naannoleefi magaalota gara garaa keessatti dhiitee bariitee kaasaa turte battalumatti dhaabbate,lammiiwwan iddoo jireenyaa irraa buqqa’an gara qayeesaaniitti deebi’uuf haala mijaawaa argatan.

Hooggantoonni wayyaanee ‘Itiyoophiyaa keessatti Naannoo Tigraay qofaatu Nagaa qaba’ jechuudhaan qoosaa turan,tarkaanfii mootummaan tooftaadhaan fudhateen isaanuu dhiphina cimaa keessa galan.Birriin awwaalan gatii jalaa dhabe,doolaara baankiiwwan biyya alaa gara garaa keessa kaawwatan dhaqanii fiduuf karaa ittiin ba’an dhaban.

Waan godhan dhabnaan hooggantoonni wayyaanee murteewwan mootummaa Itiyoophiyaa gara waraanaatti dhiibu fudhachuu eegalan.Murteen jalqabaa adeemsa heera mootummaa Itiyoophiyaatiin ala Naannoo Tigraayitti utuu tamsa’inni vaayirasii koronaa jiruu filannoon akka adeemsifamu taasisan.Boordiin Finalloo Itiyoophiyaa Tigraayitti filannoon adeemsifamuun sirrii miti,waan fudhatama qabus miti jechuudhaan akeekkachiise.

Hooggantoonni wayyaanee of tuulummaadhaan dhiita’an akeekkachiisa Boordiin Filannoo Itiyoophiyaa kenneef kana wayittuu hin lakkoofne.Tuffachuudhaan waan karoorfatan raawwatan.Filannoo adeemsifameenis TPLF sagalee ol’aanaa argachuudhaan akka moo’ate labsan.Kutaa 3ffaa barreeffama kanaa qabadheen dhufa.dubbisa gaarii! Nagaan turaa!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman