Diina Keessaafi Alaa,Hunduu Diinoota Keenya! kutaa 3ffaa
Mootummaan FDRI obsasaa itti fufuudhaan callisus hooggantoonni wayyaanee tuffiidhaan dhiita’an filannoo seeraan ala ta’een adeemsisaniin moo’achuusaanii erga labsanii boodas adabachuudhaan taa’uu hin dandeenye.Sababa adda addaa uumuudhaan himannaa mootummaa Federaalaa irratti dhiyeessan finiinsuudhaan itti fufan.
Waraanaaf akka of qopheessanis agarsiisawwan adda addaa qopheessuudhaan mul’isan.Qophii waraanaaf taasisaa turan erga xumuranii booda yakka suukaneessaa yoomiyyuu dagatamuu hin dandeenye miseensoota Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa Maqaleefi naannawashii jiran irratti Onkololeessa 24 bara 2013 halkan tarkaanfii fudhatan.
Miseensoota Raayyaa Ittisaa saba Oromoofi Amaaraa keessaa ba’an adda baasuudhaan ajjeesan.Caasaa raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa Tigraay jiru hundarratti tarkaanfii qindaa’aa turtii daqiiqaa 45 hin caalle keessatti fudhataniin injifannoo akka goonfatan himan.Miidiyaa isaaniitiin olola sobaa qindeessaa kan ture Seekkoo Getaachaw(ajjeefameera) haqa kana miidiyaa isaaniitti ba’uudhaan addunyaatti hime.’Daqiiqaa muraasa keessatti haleellaa cimaa fudhanneen daaraa isaan goone’jedhe.
Muummichi ministiraa Itiyoophiyaa Dr.Abiy Ahmad halkan Onkololeessa 24 bara 2013 Televizyiinii Itiyoophiyaatiin ibsa kennaniin raayyaa ajaja kaabaa irratti tarkaanfii fudhachuudhaan hooggantoonni wayyaanee gocha biyya ganuu akka raawwaatan ifoomsan.Humna gocha kana raawwates Juuntaa jechuun moggaasan.Duulli ofirraa ittisuu akka eegalameefi birmadummaa biyyaa eegsisuun akka itti fufus mirkaneessan.
Sochii bormtiitti itti fufeen hundumtuu xiiqii keessa gale.Waraanni wayyaaneen karaa naannoo Amaaraatiin bante duula qindoominaan raawwatameen qolatame.Loltoonni Itiyoophiyaa sababa haleellaa wayyaaneetiin gara daangaa Eertiraa deemanis gurmaa’ani as deebi’uudhaan wayyaanee albaasuu eegalan. Hooggantoonni wayyaanee shira xaxaa turuudhaan haala kana uumanis baqachuudhaan gammoojjii Tambeen keessa dhokachuuf dirqaman.
Tarkaanfii itti fufiinsaan isaan irratti fudhatameenis loltoota Itiyoophiyaa humnaan danqanii fudhatanii deeman gadi lakkisuuf dirqaman.Hooggantoota wayyaanee keessaayis adda durummaan kan beekaman Abbaay Tshaayee,Siyyuum Masfiniifi kanneen biroos tarkaanfii Raayyaan Ittisa Itiyoophiyaa fudhateen ajjeefaaman.Mataan wayyaanee Sibihaat Naggaafi kanneen biroo ammoo gammoojjii itti dhokatan keessaa qabamanii too’annoo jala oolfamuudhaan harkisaanii hidhamee seeratti akka dhiyaatan taasifame.
Haleellaan humna hidhataa wayyaanee irratti raawwatamu humnoota poolisii addaa Naannoleefi milishoota iddoo gara garaa irraa walitti baba’aniin akka cimee itti fufu taasifame.Dargaggoonni naannolee gara garaa xiiqii keessa galan kan kumaatamaan lakkaa’amanis waamicha mootummaa fudhachuudhaan leenjiidhaaf gara jiddu galawwan leenjii loltummaa Itiyoophiyaatti qajeeluu eegalan.Dargaggoonni kun wayita ammaa leenjiisaanii xumuruudhaan Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaatti makamuudhaan hidhattoota wayyaanee daaraa akka taasisan ni beekama.
Hooggantoonni wayyaanee baqachuudhaan gammoojii Tambeenitti yoo galanillee miidhaa Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa irratti hidhattoota isaanii ergauudhaan dhokatanii geessisan hin dhaambne.Mootummaan Itiyoophiyaa kana dandamachuudhaan Naannoo Tigraay deebisee ijaaruuf sochii eegale.Bulchiinsi yeroo Naannoo Tigraayis akka hundeeffamu taasisuudhaan ummataaf deeggarsa taasisuun jalqabame.
Odeeffannoon Mootummaan Itiyoophiyaa irra deddeebiidhaan kennaa ture akka mirkaneessutti Naannoo Tigraay deebisuudhaan ijaaruuf miidhaa waraanaan mudate dandamachiisuuf akkasumas jiraattoota Tigraayiif gargaarsa ittiin jiraatan dhiyeessuuf birriin biliyoona 100 caalu baasii ta’eera.
Kan yaadameefi barbaadame garuu akka karoorfametti hojiirra oolluu hin dandeenye.Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa Tigraay seene Ummata achi jiraatu irraa deeggarsa dhabe.Inumaatuu gurmaa’uudhaan caasaa wayyaanee wajjin raayyaa irratti lammata miidhaa geessisuun eegalame.Sababa Kanaan Mootummaan Itiyoophiyaa yeroo haara galfiitiif Raayyaan Ittisaa gara Ummata da’oo ta’uufitti dhiyaachuu qaba,kanneen Tigraay keessatti fincilanis yeroo itti yaadan haa argatan yaada jedhuun xumura baatii waxabajjii bara 2013 irra Raayyaan Ittisa Itiyoophiyaa Naannoo Tigraay keessaa akka ba’uuf murteesse.
Murteen mootummaa Itiyoophiyaa kun maal fide mirri ummattoota Itiyoophiyaahoo akkamitti ibsame?Mootummaan sababa amansiisaa maal kenne?Barreeffama kutaa 4ffaa gaaffilee kanaaf deebii ta’u qabadheen dhufa.Dubbisa gaarii!Nagaan turaa!
Yaadachiisa!
Yaada qabdan kennuuf ykn.barreeffamoota ergaa adda addaa qaban,kan afaan Oromoofi afaan Amaaraa kan isinumti barreessitan ergitanii gulaalamee fuula kana irratti maqaa keessan wajjin akka isiniif ba’u yoo barbaaddan email: brehuri1@gmail.com irratti erguu dandeessu.Hirmaadhaa! dandeettii waa barreessuu keessan guddifadhaa.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ