Diina Keessaafi Alaa,Hunduu Diinoota Keenya! kutaa 5ffaa

 Wayyaaneen Ummata Naannoo Tigraay olola sobaatiin burjaajessuudhaan gara adda waraanaatti oofte.Manguddoo umuriin waggaa 60 lakkoofsisan dabalatee dhiiraafi dubartiin,dargaggeessi,shamarraniifi daa’imman umuriin isaanii waraanaaf hin geenye marti gara adda waraanaatti oofaman.

Odeeffannoowwan ba’an akka mul’isanitti jiraattoota Naannoo Tigraay humnaan ykn.ololaan burjaajeeffamuudhaan gara adda waraanaatti oofaman kanaaf ga’ee hojii kennuudhaan akka duulan taasifame.Qawwee qabachuudhaan kan falman,gocha qabeenya saamuu kan raawwatan,meeshaa saamame gara Maqaleetti konkolaataadhaan kan fe’an jedhamuudhaan qooddannaan hojii taasifame.

Magaalota Naannoo Amaaraa weereeran qabatan hunda keessatti humna saamichaa bobba’een haala suukaneessaa ta’een gochoonni saamichaa raawwatamaniiru.Mana jireenyaa jiraattoota magaalaafi mana qonnaan bultoota Naannoo Amaaraatti daakuun midhaanii,akkasumas shiroofi barbareenillee saamamuudhaan fudhataman.

Beeladoonni iddoowwan weereeramanitti argaman qalamanii nyaataman,kan qalanii nyaachuu dadhaban ammoo rasaasaan haleeluudhaan ajjeessan.Miidhaan weereertoonni Tigraay gara jabeenyaan raawwatan kun godinaalee Walloo kaabaafi Walloo kibbaa guutummaatti,akkasumas godina Goondar aanaalee muraasa akkasumas godinaaleen Naannoo Amaaraa kanneen biroo akka malee dararaman.

Qondaaltoonni wayyaanee keessumattuu Getaachoo Raddaa akkuma Amaaraa wajjin gatii herregaa buufannu qabna,jedhee ololetti Ummata Amaaraa irratti herrega isaanii buufataniiru.Lubbuu namaa balleessuun,dubartoota gudeeduun gochoota suukaneessaa hidhattoonni wayyaanee baatiiwwan shaniif Naannoo Amaaraa iddoowwan weereeranitti raawwachaa turanidha.

Kana malees haleellaa bataskaanoota gara garaa irratti fageenya irraa raawwataniin bataskanoonni diigamaniiru,akka barbadaa’an taasifamaniiru.Niitiin lubootaa barbaadamanii gudeedamaniiru.Jiraattoonni nyaata qoheessanii isaaniif dhiyeessuu hin dandeenye haala suukaneessaa ta’een ajjeefamaniiru.Daa’imman abbaafi haadhasaanii akka dhaban taasifamaniiru.Jiraattoonni kumaatamaan lakkaa’aman ammoo qayeesaanii keessaa baqachuudhaan jireenya gadadootiif akka saaxilaman taasifamaniiru.Herraga buufachuun kanuma mitiiree?

Hooggantoonni wayyaanee yakkoota suukaneessaa ta’an kana hidhattoota isaaniitiin raawwachiisaa erga turanii booda gara Magaalaa Daseetti dhiyaachuusaanii mirkaneeffachuudhaan waraanni xumurameera jechuudhaan hololuu eegalan.


Qondaalli loltummaa Kanaan duraa Tsaadiqaan Gabratansaay ammaan booda eenyu wajjin mari’annaa?waraanni xumurameera jedhe.Dura taa’aan wayyaanee Dabratsiyoon Gabramikaa’elis haaluma walfakkaatuun olole.Inumaatuu Dabratsiyoon Ummata Itiyoophiyaatiif filannoo sadi kenne.Akkana jechuudhaanis filmaata sadeen tarreessee hime.’Ammaan booda Ummanni Itiyoophiyaa filannoo sadi qaba.1ffaa harka kennachuu,2ffaa baqachuu,3faa du’uu’jechuudhaan sadeen kana filchuun dirqama Ummata Itiyoophiyaa akka ta’etti ololasaa sobaa diddiguudhaan hime.

Akkuma jedhan sussuka isaanii itti fufuudhaan hidhattoonni wayyaanee Naannoo Amaaraa godina shawaa kaabaa weereeruudhaan qabatan.Walloo keessa darbanii dhufuudhaan shawaa kabaa waan ga’aniif Mootummaan Naannoo Amaaraa hojiin idilee akka dhaabbatu taasisuudhaan ummanni hundi gara adda waraanaatti akka duuluuf murteesse.Finfinnee dabalatee iddoowwan biroo irraayis hojjettoota mootummaa dabalatee dargaggoonni kumaatamaan lakkaa’aman raayyaa ittisaa Itiyoophiyaa deeggaruuf diina afaan banatee dhufe qolachuuf duulan.Kana boodas wanti ta’e baay’eetu jira.Barreeffama kutaa 6ffaa keessatti argattu.Dubbisa gaarii!Nagaan turaa!

Yaadachiisa!

Barreeffamoota itti fufiinsaan dhiyaachaa jiran kana irratti yaada qabdan kennuuf ykn.barreeffamoota ergaa adda addaa qaban,kan afaan Oromoofi afaan Amaaraa kan isinumti barreessitan ergitanii gulaalamee fuula kana irratti maqaa keessan wajjin akka isiniif ba’u yoo barbaaddan email: brehuri1@gmail.com irratti erguu dandeessu.Hirmaadhaa!dandeettii waa barreessuu keessan guddifadhaa.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman