Fayyisaa Lalisa waamicha dhiyaateef gammachuun fudhate


Gootni Atileet Fayyisaa Lalisa waamicha dhiyaateef gammachuun fudhachuun gara biyyasaatti akka deebi’u yaada kenneen mirkaneesseera.

Goota gara biyyasaatti deebi’u kanaaf simannaan gootaa taasifamuu qaba!Qabsoon farra gabrummaa sadarkaa idila addunyaatiin beekkamtii akka argatuuf shoorri inni gumaache ol’aanaadha waan ta’eef shoorri Atileet Fayyisaan gumaache akka waan salphaatti kan ilaalamu miti.
Qabsoon farra gabrummaa akka finiinuuf shoora ol’aanaa kan gumaachite Atileet Fayyisaa Lalisaa maatiikee jaallattuun wajjin gara biyyakeefi ummatakee jaallattutti garaa gutuudhaan deebi’i.
Amma gufachiiftoonni jijjiiramaa waan jiraniif kaayyoon qabsookee fashalaa’ee duubatti akka hin deebineef biyya keessatti kanneen qabsaa’aa jiran wajjin qabsookee finiinsuutu sirraa eegama.
Keessumattuu Tokkummaa Saba Oromoo daran jabeessuu keessatti namni akkakee beekkamtii ol’aanaa horate shoorri gumaachuu danda’u ol’aanaa waan ta’eef tokkummaa Oromoo cimsuuf hojjechuu qabda.Qabsoon kunis kan si boonsu malee kan ittiin qaanoftu hin ta’u.



አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa