Qaamoleen lamaan tiruu waliin nyaataniiru,Labsiinis labsameera!

Mootummaa fi ABO lolaa fi olola akka dhaaban labsame
Finfinnee, Amajjii 16,2011(FBC)- Koreen teeknikaa araaraa mootummaa fi Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) lolaa fi olola dhaabuu garee lamaanii labse.
Koreen teknikichaa Kibxata darbe magaalaa Finfinnee Giddugala Aadaa Oromootti marii garee lamaan hirmaachiserratti hundaa'un isaa ni yaadatama.
Koreen hundaa'es har'a Amajjii 16,2011 eegale lolli gama lamaaniinuu akka dhaabbatu labseera.
Korichi guyyaa har'aa marii isaa magaalaa Ambootti taasiseera.
Marichaanis karoora baasee, yeroo itti raawwatus kaa'uun murteewwan dabarseera.
Murteewwan darbanis;
1/Ololli miidiyaa gama lachuunuu akka dhaabbatu,
2/ Komii yoo qabaatan, miidiyaaf ibsa kennuu hin danda'an.
3/Komii yoo qabaatan koree hundaa'e qofaaf gabaasu.
4/Badii amma ammaatti WBOn raawwateef dhiifamni godhameera.
5/ WBO gara kaampiitti galchuun guyyoota 20 giddutti xumurama.
6/Guyyoota kurnan jalqabaatti korichi qophii godha.
7/Kurnan lammaffaatti waraanni hidhannoo hiikkatee kaampitti gala.
8/Jalqaba aanaaleetti sassaabbamu. Sana booda gara mooraa galu. Bakka qooda fudhattoonni marti argamanitti simannaan ni taasifamaaf.
9/Guyyaa waraanni galu danqaan akka hin jiraanne, raayyaan ittisa biyyaa guyyoota 3f daandii akka banaa godhu jedhameera.
10/Yeroo kanatti WBOn hidhannoo qabatanii hin socho'an. Yoo kun cabe mootummaan olaantummaa seeraa akka eegsisu eeyyamameera.
11/Kaampiiwwan waraanni itti qubatus bakkeewwan lolli itti turerraa akka fagaatu.
12/Dhimma qabiinsa waraanaa koreen teeknikaa yeroo yeroon dhaqee akka hordofu.
13/Kaampii keessa ji'a 2 ol akka hin turrellee murtaa'eera.
Marii araaraa har'aa irratti sangaan araaraa kan qalame yoo ta'u, qaamoleen lamaan tiruu waliin nyaataniiru.
Walitti Qabaan Gumii Abbootii Gadaa fi abbaa Gadaa duraanii Dooktarri Kabajaa Bayyanaa Sambatuun ''Araarri kan xumuraati; kormas qalanneerra,'' jedhaniiru.
Mariin araaraa kan xumurame yoo ta'u, wanti hafe murtii kaa'ame hojiirra oolchudha jedhameera.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman