Siyaasaan moo'anneerra,diinagdee irratti haa cimnu!


Sabni Oromoo siyaasaan moo'ateera.Injifannoo boonsaa galmeessiseera.Kanneen injifannoo culuqaa kana duubatti deebisuuf wixxiffatan irratti qabsaa'uun fashaleessaa diinagdee keenya guddifachuun ajandaa saba keenyaa guddicha ta'uu qaba.

Akkuma siyaasaan injifannoo guddaa arganne damee diinagdeetiinis injifannoo cululuqu galmeessisuuf hundumtuu kutannoodhaan hojjechuu qaba.Hojii tuffachuu keessaa ba'ee lammiin hundi kutannoodhaan hojjennaan akkuma qabsoo bara hedduu booda injifannoo siyaasaa hunda ajaa'ibsiise galmeessine diinagdeedhaanis waan ijaan mul'atu qabaachuu qabna.

Kana gochuuf ammoo Oromiyaan mijooftuudha.Qabeenya lafaafi humna namaa ol'aanaa qabna.Humni namaa qabnu siyaasa oliif gadi afarfamu keessaa ba'ee dhimma diinahgdee irratti xiyyeeffatee akka socho'u taasifamuu qaba.Guyyaa guyyaadhaan waan humna diinagdee keenya guddisu maal hojjenne? jennee of gaafachuu qabna.Gaaffiin kun nama dhuunfaa irraa kaasee hanga dhaabbilee mootummaa damee adda addaatiin jiranitti kan gaafatamu ta'uu qaba!

Yoo kana goone yeroo gabaabaa keessatti bu'ura guddina diinagdee keenyaa bal'isuudhaan guddina diingdee amansiisaa galmeessisuu dandeenya.Kanaanis hunda hawwachuudhaan ol'aantummaa siyaasaan arganne utuu addaan hin citin itti fufsiisuu dandeenya.Booyicha barame keessaa hatattamaan baanee guddina diinagdee keenyaatiif haa sochoonu!

Amma yeroon kan itti wal komannu miti.Kan qaawwa uumuuf socho'aa tures sammuu qaba waan ta'eef yaadee of haa sirreessu! Kan dogongore dogongora keessaa haa ba'u! Kan karaarraa ba'ee karaatti haa deebi'u! Tokkummaan Saba Oromoo haa lalisu! kanaaf ammoo Oromoon hundi kutannoodhaan hojjechuu qaba!

Warraaqsi diinagdee Oromiyaa eegalame haa finuunu! Mootummaan waan karoorfate haa raawwatu! Abbootiin qabeenyaa lammiidhaaf carraa hojii haa uuman,of fayyadanii biyyas haa fayyadan! Namni dhuunfaan kamiyyuu waa'ee guddina diinagdee yaadee yaa hojjetu yaa carraaqatu.Kanaaf ammoo Nagaan haa bu'u Nagaan hundaaf haa babal'atu! hundumtuu socho'ee yaa hojjetu.Yaa sabaa kana qalbeeffadhu hunda hammadhu! Ati ni gorsita malee hin gorfamtu!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman