
Addaggeefi Guddis-Baddeetu gufuu ta'aa jira Oromoon naamusa qaba.Naamusni Oromoo hundaaf tola.Kaanitti gufuu hin ta'u.ILaafi ilaameetti fayyadama.Ana qofatu beekaadha hin jedhu.Hunda hirmaachisa,hammachuu beeka. Bara Oromoon hawwii taayitaa biyya bulchuu guuttateefi mirga abbaa biyyuummaa goonfate kanatti gufuu ta'aa kan jiru addaggeefi guddis-baddeedha. Kanneen kun Oromoo keessaa ba'anii kaaniif ergamuudhaan aadaafi safuu Oromoon qabu qarxam godhanii kan cabsanidha.Addaggeefi guddis-baddeewwan kun adabatanii akka taa'an gochuun inuma danda'ama.Addaggeen fuula ilaaluun sochooti.Fuula ilaaluudhaan mataarra koruuf wixiffatti.Haalli Addaggeen ittiin deemtu kun sadarkaa gadii hanga olitti jira. Waan kana fakkeenyaan ilaalluun barbaachisaadha.Jijjiirama mootummaa biyya keenyaa akka fakkeenyaatti haa fudhannu.Sirni bulchiinsa ADWUI jijjiiramee Paartiin Badhaadhinaa haa dhufu jedhamnaan addaggeen keenyaafi warra kaanii walitti dhuftee waca dhageessisaa akka turte hun...