Baacoofi waamicha kashlabbootaa

Finfinnee Hagayya 12/2012(TW) Baacooniifi waamichi kashlabboonni 12 12 12 jedhanii moggaasan fudhatama akka hin qabne mul'ateera.
Kashalabboonni biyyaalee alaa taa'anii ololaa jiran Ummanni yeroo hunda gowwoomfamuu akka danda'utti amanu.Gowwaan isaani malee Ummata bal'aa miti.
Waamicha fincilaa isaan dhiitee bariitee taasisaniif gurri kennamu hin jiru.Ummanni Finfinnee ganama kana kanuma mul'ise.Barraaqarra Rooba cimaatu ture.Ganama sa'aatii 12 booda Roobni cimaan roobaa ture gara tiifuutti jijjiirame.Dhawaataanis caame.Akkuma kanaan duraatti konkolaattoonni Daandii asfaaltii Finfinnee irra danbali'uu eegalan.
Akka waamicha,lallabaafi fedhii kashlabbootaatti har'a kun hin ta'u ture.Kashlabboonni ofii biyya alaa taa'nii diddaa ummata bal'aatiin sochiin diinagdee biyya keenyaa akka miidhamu barbaadu.
Waamichi maqaa Qeerroo Oromoo da'eeffachuudhaan taasisan kun guutuu Oromiyaattis fudhatama akka hin qabne haaluma ammaan tana Magaalaa Finfinnee keessa jirutu qabatamaan mul'isa.
Daandiin gara Finfinnee geessu hundi akka cufamuuf waamicha taasisuun humna aantummaa ummata bal'aan qaba ofiin jedhu irraa waan eegamu hin turre.
Ergamtoonni kun ergama garee TPLF'fi dhaadheessitoota saba Amaaraatiin itti kenname hojiira oolchaa jiru.Ergamni kun ammoo ergama Ummata bal'aa fayyaduufi biyya jijjiiru waan hin taaneef yoomillee milkaa'uu hin danda'u.
Akkuma weellisaan "Yaa baallee sarariitii,namni yartuun nama miiti" jedhe san yartuuwwan kun abdii waan kutataniif nama miidhuu danda'u waan ta'eef of eeggannoo barbaachisu mara gochaa sochii misoomaafi guddinaa eegalame finiinsuutu fala waaraa nuuf fida.
Kaleessa Mootummaan Naannoo Oromiyaafi poolisiin Federaalaa waamicha kashalabboonni 12 12 12 jedhanii taasisan ilaalchisuudhaan ibsa baasan wayitan dhag'etti ta'uu hin qabu,kun kashlbbootaaf akka beekkamtii kennuutti lakkaa'ama jechuun yaadaan ture.Booda ammoo lakki Ummanni of eeggannoo akka taasisuufi kanneen seeraan ala socho'anis saaxilee seeratti akka dhiyeessuuf gargaara jedheen amane.
Humnoonni biyya diiguuf socho'aa jiran kun milkaa'ina hooggansi jijjiiramaa argachaa jiruun abdii kutannaa cimaa keessa jiru.Amma malaafi tooftaa kamittuu fayyadamuudhaan biyya diiguuf hojjechaa jiru.
Maqaa Qeerroo Oromoo da'oo taasifachuudhaan moggaasa 12 12 12 jedhuun waamicha marsaa 3ffaa dhiyeessan.Humni kashlabboota kana duuba jiru waggoota 27f biyya humnaan bulchaa wayita turetti mahaallaqa biliyoonaan lakkaa'amu saamee kuuffateera.Amma diinqa taa'ee mahaallaqa kuuffate kashlabbootaaf ramaduudhaan hojjechaa jira.
Karaa hundaan Ummataafi biyya dhiphisuudhaan yoo danda'e taayitaa irraa fonqilfametti deebi'uu barbaada, yoo dadhabe ammoo biyya diiguuf kutannoodhaan hojjechaa jira.
Ummanni bal'aan ammoo injifannoo qabsoosaatiin of harka galfate of harkaa hin baasu."Yaa Gowwaa siduubaan bowwaa" #Oromiyaa #Ethiopia
30
People Reached
1
Engagement
1

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman