Addaggeefi Guddis-Baddeetu gufuu ta'aa jira

Oromoon naamusa qaba.Naamusni Oromoo hundaaf tola.Kaanitti gufuu hin ta'u.ILaafi ilaameetti fayyadama.Ana qofatu beekaadha hin jedhu.Hunda hirmaachisa,hammachuu beeka.
Bara Oromoon hawwii taayitaa biyya bulchuu guuttateefi mirga abbaa biyyuummaa goonfate kanatti gufuu ta'aa kan jiru addaggeefi guddis-baddeedha.

Kanneen kun Oromoo keessaa ba'anii kaaniif ergamuudhaan aadaafi safuu Oromoon qabu qarxam godhanii kan cabsanidha.Addaggeefi guddis-baddeewwan kun adabatanii akka taa'an gochuun inuma danda'ama.Addaggeen fuula ilaaluun sochooti.Fuula ilaaluudhaan mataarra koruuf wixiffatti.Haalli Addaggeen ittiin deemtu kun sadarkaa gadii hanga olitti jira.
Waan kana fakkeenyaan ilaalluun barbaachisaadha.Jijjiirama mootummaa biyya keenyaa akka fakkeenyaatti haa fudhannu.Sirni bulchiinsa ADWUI jijjiiramee Paartiin Badhaadhinaa haa dhufu jedhamnaan addaggeen keenyaafi warra kaanii walitti dhuftee waca dhageessisaa akka turte hundatu beeka.Hojiidhaan caalamtullee ammas wacashii barame hin dhiifne
Addaggeefi guddis-baddeen gamaa-gamanaa walitti yaatee yoo waccu wacishee sirritti dhaga'ama.Biyya keenyatti kanatu ta'aa jira.Kan sagalee dhokfatee hojjetuufi biyya tajaajilaa jiru hin mul'atu.Hundumaafuu sochii guddinaafi badhaadhinaa biyya keenyaatti gufuu ta'aa kan jiru addaggeefi guddis-baddeewwan akka ta'an hubachuudhaan fuula dhowwachuun barbaachisaadha.Ol'aantuummaa seeraa kabajisiisuuf kanatu furmaata waaraa fida.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman