Dhugaadha,Hawaasni Dammaqeera!

Finfinnee Hagayya 13/2012(TW) Isaan biyya alaa taa’anii Bargarii ciffachaa biyya keessatti sochiin diinagdee akka hin jiraanne gochisiisuu barbaadu.Yoo onnee qabaatan maalif biyyuma keessa taa’anii waan harka nama biraatiin gochuu barbaadan kana ofumaaf hin goonee?

“Harka namaatiin ibidda qabachuun nama hin dhibu” Humnoonni badii baandaa ta’nii socho’aa jiran haala qabatamaa amma jiru hin beekan.Hubannoon fedhii Ummataa irratti qabanis hin jiru.Ummanni Nagaa,Misooma,Badhaadhina barbaada.
Daandiin cufamee,sochiin diinagdee dhaabbatee faayidaan argamu tokkollee akka hin jirre Ummanni bal’aan sirritti hubateera.Hawaasni marti dammaqeera.Hawaasni dammaquun dhugaa jiru hubate ammoo waamicha kashlabbootaatiif gurra kennuu akka hin dandeenye qabatamaan mul’ateera.
Humnoonni moggaasa 12 12 12 jedhuun waamicha sochii ugguruu marsaa 3ffaa taasisan salphataniiru.Salphina tarkaanfii hawaasa dammaqeen haguuggatan kana keessaa yoomiyyuu ba’uu hin danda’an.Sochiin Ummanni jijjiiramaafi guddinaaf taasisaa jiru ammoo finiinee itti fufa.
Yaalii hanga tokko gara bahaatti taasifameen ala kaleessa Oromiyaan nagumaan ooltee-bulte.Hawaasni waamicha humnoota badii ni xireeffate.Hojiif malee fincilaaf yeroo hin qabu jedhee kallattumaan itti hime.
Photo credit:BDhKMNO

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman