Hidhi Haaromsaa Guddichi mallattoo walabummaa biyyoolessaa keenya

Hidhi Haaromsaa Guddichi mallattoo walabummaa biyyoolessaa keenya jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy kana kan jedhan yeroo gabaasni ijaarsa hidhichaa bakka miseensonni boordii fi hoggansi proojaktichaa argamanitti yammuu dhiyaatefitti.

Ijaarsi hidhichaa akkaataa karooratiin hojjetamuu isaatin raawwin isaas %75rra qaqqabuun ibsameera.

Dooktar Abiy ummanni milkiiwwan egereerratti xiyyeeffachuun hojjechuu akka qabus ibsaniiru.

Qaamni hidhicharratti gufuu ta’u, faayidaa biyyoolessaa Ityoophiyaa dabarsee laachaa akka jiru hubatamuu qabas jedhan.

Hanga ammaattis Birrii biiliyoonni dhibbi 1 fi biiliyoonni 20 baasii ta’eera.

Hoji gaggeessaa olaanaan hidhichaa Injiinar Kiflee Horroon proojakticha xumuruuf Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 60 kan barbaadu ta’uus eeraniiru.

Bishaan kiyuubiik biiliyoona 10.5 qabachuuf kan barbaachisu keessaa hojiin siiviilii %88 xumuramuu eeraniiru.

Hojiin elektiroo meekaanikaalaa %46 irra, hojiin sibiilotaa %33 irra ga’eera.

Hidhichi amma 560 guutuun kan eerame yoo ta’u, gara 595tti ol guddisuuf ni hojjetama jedhan.

Hidhichi bishaan hanga ammaatti qabate kiilo meetira 80 kan uwwisu ta’uun ibsameera.

Muummee ministiraatis hidhichi harkifachuun daballii gatiitif saaxilamuu ibsuun, akkaataa karoora qabameen 2015tti xumuramuu qaba jedhan.

Maddi:FBC Afaan Oromoo


Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama kiyya   https://t.me/tolawaaqwaarii  subiskiraayib godhaa.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman