Olaantummaan seeraa yoomiyyuu kabajamuu qaba!


Finfinnee Adoolessa 30/2012(TW) Olii-buliin hawaasaa,jiruufi jireenyi lammii hundaa adeemsa sirrii qabatee itti fufiinsa qabaachuu kan danda'u olaantummaan seeraa yoo jiraate qofaadha.
Seeraafi heerri kabajamu malee ba'anii galuun,daldalanii buufachuun,qotanii omishachuun baratanii qaroomuun gonkumaa waan danda'amu miti.
Mootummaan olaantummaan seeraa akka kabajamuuf ga'ee olaanaa qaba.Garuu ammoo olaantummaa seeraa kan kaabajisiisu mootummaa qofadha jechuun yaaduun dogongoradha.Olaantummaan seeraa akka kabajamuuf Mootummaan dirqama guddaa qaba.Mootummaan dirqama gama kanaan qabu mamii malee ba'uu qaba!Hawaasnis olaantummaan seeraa akka kabajamuuf waan gamasaatiin hojjetamuu qabu yerootti hojjechuutu irraa eegama.
Hawaasni yakkamtoota of keessa dhoksuun,da'oo ta'u nagaa argachuu hin danda'u.Mootummaan olaantummaa seeraa kabajisiisuu dadhabes mootummaa ta'ee itti fufiinsa qabaachuu akka hin dandeenye beekamaadha.
Kanaaf Mootummaanis,hawaasnis ofumaaf jecha olaantummaa seeraa kabajisiisuuf dirqama yoomillee hin dagatamne qabu!
Mootummaafi Ummanni qindoomanii olaantummaa seeraa yoo kabajisiisan,yakkamtoonni eessumayyuu ga'uu hin danda'an. Qindoomina Mootummaafi Ummataatiin olaantummaan seeraa yoomiyyuu kabajamuu qaba!
No photo description available.
1
People Reached
0
Engagements
Like
Comment
Share

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman