‘’Ummataan ummataaf; Oromiyaa dirree misoomaa ni taasifna’’-Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Rakkoo fedhe keessa yoo jiraanne, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf akeeka qabannee kaane milkeessurraa humni nu dhaabu tokkollee hin jiru jechuun ibseera.
Mootummaan naannichaa haala yeroorratti ibsa laateera.
Guutuun ibsichaas akka argaman gaditti dhiyaateera:-
Rakkoo fedhe keessa yoo jiraanne, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf akeeka qabannee kaane milkeessurraa humni nu dhaabu tokkollee hin jiru. Imalli keenya waggoottan sadan darbaniis kanuma mirkaneessa. Waggoottan sadan darban keessatti seerootaa fi hojimaatoota hawaas-dinagdee fi siyaasaa fayyadamummaa ummata keenyaa sakaalanii turan rifoormiidhaan sirreessuu qofaan kan daanga'e osoo hin taane, humna fi qabeenya qabnu walitti fiduun qabeenya dabalataa horachuu jalqabnee jirra. Ilaalama dinagdee haaraan bu'uuraalee misooma hawaas-dinagdee hedduu hojjenne agarree jirra. Hirmaannaa ummataatiin ummataan ummataaf misooma fiduun, bonaan qamadii misoomsanii omishtummaa guddisuun akka danda’amu mirkaneessinee jirra.
Bal’ina keessa jiraachuu baannus, qalbiin karoorsinee, qalbeeffannee raawwachuun rakkisaa turullee, waadaa ummata keenyaaf seenne milkeessuuf tumsa walirra hin cinne taasifneen harka tokkoon baandoota birmaddummaa fi fulla’iinsa biyya keenyaarratti qormaata ta’an qolachaa harka biraatiin misoomsuu dandeenyee jirra. Kanarraa ka’e waggoottan sadan darban keessatti galiin naannoo keenyaa dachaa sadiin kan dabale yommuu ta’u, kunis qabeenyi dabalataa uumamaa jiraachuu mirkaneessa.
Mul'ata badhaadhinaa dhugoomsuuf imalli jalqabne qajeelaa fi kan nugeessu ta’uu jalqabbiin keenya ni mirkaneessa.
Garuu ammoo, rakkoo wal-xaxaa keessa jiru keessaa bahuuf qajeeltoo misooma hunda galeessa, hundaan hundaaf jedhurratti cichinee yoo hojjenneen alatti saffina barbaadamuun bakka yaanne gahuu hin dandeenyu.
Sioomina misooma keenyaatiif, ammallee hojimaatoonni sirrachuu qaban hedduun jiraatanis, dhimmi galii mootummaa garuu xiyyeeffannaa addaatiin ilaalamuu qaba. Naannoo keenyaaf qabeenya horachuu duwwaan gahaa miti. Hojimaanni qabeenya qabnuun qabeenya biraa ittiin horannu sirrachuu qaba. Kunis rifoormiiwwan sassaabbii galii mootummaa qajeeltoon hojiirra oolchuu gaafata. Gama kanaan rifoormiin maddoota galii mootummaa babal’isuu galii mootummaarratti taasifame waggoottan sadan darban keessatti galii mootummaa dachaa sadiin guddisuun jijjiirama guddaa kan fide ta’ullee, ammallee hannaa fi waliindhahiinsa galii mootummaarratti taasifamu bu’uurarraa fala argachuu qaba.
Rakkoon nageenyaa fi tasgabbii dhabuu sassaabbii galiirratti dhiibbaa mataa isaa danda’e kan qabu ta’uun kan hin haalamne ta'ullee, haala qabatamaa kana akka carraa gaariitti fayyadamuun caasaa mootummaa keessaa fi alaa walitti hidhamiinsa hin malle uumuun carraa misoomuu ummata keenyaa kan danqan xiqqaa miti. Humnoonni mul’ata hin qabne mul'ata akka biyyaa fi naannootti qabanne dukaneessuun yeroodhaaf kan fayyadaman itti fakkaatullee, yeroo gabaabaa keessatti saaxilamanii seeratti akka dhiyaataniif Mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannaa ol’aanaadhaan hojjechaa jira.
Rakkoo hannaa fi waliindhahiinsa galii mootummaa irratti raawwatamu maqsuuf hojimaata seeraatiin kallattii qabsiisuuf hojiin jalqabame cimee itti fufa. Bu'uuruma kanaan, sosochiin sassaabbii galii mootummaa fi maddoota galii babal’isuu fi duguuganii sassaabuu bakka hundatti cimuu akka qabu Mootummaan Naannoo Oromiyaa waamicha dabarsa.
Galiin mootummaa kan dirqamne kaffallu duwwaa osoo hin taane, horata qabnuun qabeenya caalmaa horachuuf bu’uura cimaa kan ittiin buufannu; qajeeltummaa fi amanamummaa olaanaadhaan jaalannee kan kaffallu ta’uu qaba.
Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Bitooteessa 19/2014
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ