Haala yeroo irratti ejjannoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Haala yeroo irratti ejjannoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa ilaalchisuun ibsa Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin kenname Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiiwwan roga maraan hojjetamu keessatti faayidaafi fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf duraa duubaan tarreessee itti hojjechaa jira.bu’aawwan gurguddoos galmeessaa jira. Dhimmi Finfinnees tahe dhimmoonni kana waliin wal qabatan hunduu duraa duubaan deebii akka argatan haaroomsaan kan irratti walii gala mee hojiitti jijjiiramaa jiru. Dhimmi daangaa bulchiinsaa magaalaa Finfinnee fi Oromiyaa gidduu jiru furmaata waaraa hamma argatutti manneen jireenyaa daangaa Oromiyaa darbanii ijaaramanii fi Mootummaan Naannoo Oromiyaa gaaffii irratti dhiyeessaa jiru fala otoo hin argatin fayyadamtootaaf carraadhaan dabarsuun sirrii akka hin taanee mootummaan Naannoo Oromiyaa ni amana. Waan ta’eefiis murtoon kun akka hojiirra hin oolle Mootummaan Naannoo Oromiyaa ejjannoo cimaa qabatee jira, ejjannoon kun adda duru...