Carraa Mana Waliinii Finfinnee?


Finfinnee Gurraandhala 27/2011(Tolawaaq Waarii) Wiixata darbe bulchiinsi Magaalaa Finfinnee manneen jireenyaa waliinii lakkoofsaan kuma 51 caalaniif Roobii Gurraandhala 27 bara 2011 carraa akka baasu ilaalchisuudhaan ibsa baase.
Itti gaafatamtuun bulchiinsa misooma manneenii Finfinnee Inijinar Sannaayit Daamxaw ibsa kaleessa Addis tv qofaaf kennaniin manneen carraan ittii ba’uufi gatii isaanii tarreessanii dubbatan.Qondaalli tun manneen ijaaramaa turaniif abbootii carraatiif carraan akka ba’u himuudhaan ala dabalanii dhimma wal xaxaa nannawa kana jiru irratti hin dubbanne,rakkoofi falasaas hin kaafne.
Sababa kanaan dubbiin dhugaa duubaan dhufaa jira.Daangaan Finfinneefi Oromiyaa adda ba’ee utuu hin beekamin manneen qonnaan bulaa Oromoo lafasaa irraa buqqisuudhaan ijaaramaniif carraa baasuun sirrii miti jedhamaa jira.Qaamoleen hawaasaa adda addaas yaadasaanii kennaa jiru.
Yaadawwan kallattii adda addaatiin kennamaa jiran akka mul’isanitti adeemsi bulchiinsa Magaalaa Finfinnee balaaleeffatamaa jira.Mormiifi balaaleeffannaan  qaamolee hawaasaa adda addaa utuu dhaga’amaa jiru karaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiinis ta’e bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin gadi ba’uudhaan ibsa hawaasa tasagabbeessu hanga ammaatti hin kennamne.Kun dogongora guddaadha.
Waan ta’aa jiru irratti hawaasaaf odeeffannoo gahaa kennuun barbaachisaadha,dirqamadhasi.Maal nadhibeedhaan callisuun,booda abiddi erga qabatee booda abidda dhaamsuuf fiiguun gatii hin qabu.
Mormii dhaga’amaa jiru irraa hubachuun akka danda’ametti manneen jireenyaa waliinii naannawa Tulluu-Diimtuu Kooyyee Faccee jiran irratti carraan baafamuu hin qabu.Fallii waaraa utuu hin argamnin qonnaan bulaafi ijoolleensaa buqqa’an haalli ittiin fayyadaman utuu hin mijaa’in tarkaanfii fudhachuun waan ta’uu hin qabne dhalaa waan jiru natti fakkaata.Lammiiwwan keenya mormaa jirrus tasgabbiidhaan wayya jarjaruun hin barbaachisu.

Odeeffannoo halkan edaa weeb saayitii hawaasummaa irratti namoonni adda addaa kennaa turaniin ammoo carraan ba'u qonnaan bultoota Oromoo lafa isaaniirraa buqqa'an jiddu galeessa taasifata jechaa turan.Inumaatuu namoonni tokko tokko madda amanamaa irraa arganne jechuun akka barreessaa turanitti qonnaan bultoonni buqqa'anii turan carraa malee manneen kondominiyamii akka argataniif haalli mijaa'eera.Manneen kennaman keessaa dhibbentaan 50'n kan qonnaan bultoota buqqa'anii akka ta'us himamaa ture.Inni kun dhugaa ta'uufi dhiisuun isaa sirna carraa baasuu irratti ibsa qondaaltoonni kennaniin kan mirkanaa'u ta'a.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman