Ibsa ejjannoo Ayyaana Hundeeffama ODP waggaa 29ffaa


Ibsa ejjannoo Ayyaana Hundeeffama ODP waggaa 29ffaafi kabaja adeemsa jijjiiramaa waggaa 1ffaa ilaalchisee kenname
“Ilaafi ilaameen milkaa’ina Egereetiif”!
ODPn Boqonnaa qabsoo seenaan yaadatu kamuu keessattuu loogummaa fi cunqursaa taasifamaa ture keessatti gaaffiiwwan bu’uuraa Ummata Oromoo deebisuuf paartii bu’aa ba’ii hedduu keessa cehee as gaheedha.
Falmiin mirga siyaasaa,diinagdee fi hawaasummaa Ummanni Oromoo fi Qabsaawoonni Oromoo,Oromoo fi Oromummaaf gidiraa itti argan akka milkaawee firii godhatuuf qabsoo hadhaawaa taasiseen hojiiwwan boonsaan seenaan yaadatu galmeessuun danda’amera.
Sabni akka sabaatti ijaarsa biyyaa keessatti ga’ee gumaachaa bahe seenaan isaa dhookfamuu bira darbee gaaffiiwwan bu’uraa isaa dhageettii dhabuu isaan qabsoo dhufaa darba seenaa qonnaan bultootaarraa jalqabee wareegamameef akka deebii argatuuf darbees qabsoo sabaa mataa walitti qabuun ceesisuu giddu galeessa godhatee paartii rakkoo keessatti hundaawee, rakkoon qoramee saba rakkoo baasee tahuun isaa yaadannoo dhalootaati.

Biyya kana keessatti qabsoonii fi gaaffiin ummataa sirnaan akka deebi’uuf hojii hoojjateeniis yeroo jalqabaaf ummanni oromoo mirga mootummaa ofii hundeeffatee ofiin akka of bulchu taasifame.
Dhaloonni afaan isaan akka baratu darbees afaan hojii mootummaa naannichaa afaan Oromoo akka tahee tajaajilu xurree qabsoo Paartii keenyaan banameen afaan keenyaan heera Murree caffee teenyee malkaa jaarraa cehu ijaarre.
Adeemsa keessatti guddinni hawaas diinagdee fi fedhiin hawaasaa dabaluu waliin wal qabatees gaaffiiwwan adda addaa ummatarraa ballinaan dhiyaachuu eegalan.

Biyyoonni har’a addunyaarratti guddatanii lammiileen isaanii qananiin akka jiraatan taasisan seenduubbeen isaanii yoo qoratamu komiifii diddaa ummata isaaniirraa isaan mudate,fincila dargaggoonni isaanirratti kaasan karaa dimookiraatawa taheen hiikuun misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuu dandahuu isaaniiti.
Paartiin keenyaas rakkoolee fedhii guddinaa waliin wal qabatanii ka’an deebisuuf aadaa ummata dhaggeeffachuun hanqinoota mudataniifii akka sirratan akeekaman fudhachuun sirreessaa deemuun beekkama.

Aadaan dimokiraasummaafii ummatummaa paartii kun komiiwwan karaa kamiinuu ummata biraa ka’an dhaggeeffachuu, onneerraa dhiifama gaafachuuniifii tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuun barbaachisaa tahuu isaas itti amanee hojitti jijjiiruu dagaagfachaa dhufeeniis haaroomsa gadifagotti galee imala isaa haaroomsate.
Gaaffiiwwan siyaasaa ummata Oromoo ijoo fi hundeeffama paartichaafillee sababaa ta’an tarreessuun kallattii qabsiisuu,dirree siyaasaa ballisuun afaan qawweefi wal jibbaan injifachuun akka hin danda’amne falaaasama ida’amuun yaadaan wal moo’achuun akka danda’amu qabsoo keessoo gaggeessuun paartii qabsaawoota seenaa hoojjatan horachuu danda’eedha
Kanaaniis biyya mana hidhaa lammiilee jedhamuun hamatamtu diigumsarraa baraaruun xinsammoo sabaafi sablammii biyya kanaa hidhaa hiikuun danda’ame
Oromummaan wal mariif tokkummaa tahuu paartiileen maqaa Oromoon sochoowan marti kan hidhame hidhaa akka hiikkamu kan godaane biyya abbaasaatti akka galu paartii hoojjateedha.
Lammiileen kumaatama mana hidhaatti gidiraa argan akka gadilakkifaman hirmaannaan hayyootaa akka guddatu paartii biyya kana keessatti bu’ura cimaa kaa’e ta’uu isaa sabaan gamatti addunyaan ragaa ba’uufii danda’era.

Fayyadamummaa diinagdee haqa qabeessa mirkaneessuu, hirmaannaa siyaasaa qixxee fi haqa qabeessa naamusa cimaan raawwachuun fedhii ummata Bal’aa Oromoo guutuun tarkaanfiiwwan hattootarratti fudhatamaniifi warraaqsi diinagdee Oromoo hojii lammitti abdii horeedha.
Kabajniifii wajji jireenyi Obbolummaa Duudhaa hundee ummanni Oromoo ummatoota biyyattii waliin qabufii biyya ijaaruu keessatti ga’ee qabu duudhaa sirna gadaa araara biyyarra darbee biyyoota ollaatiif taasiseen paartiin keenya hooggansa addunyaan dinqisiifatte uumuu danda’ee dha.

Rakkoo siyaasaafi diinagdee furuun gamatti rakkoo bulchiinsa gaarii hundeerraa furuuf rifoormiin gurmaa’insa caasaa mootummaa, kenniinsa tajaajila haqaa fooyyeessuuf tarkaanfiiwwan fudhatamn fedhii ummata keenyaa bu’uura taasifachuu bira darbee heegaree naannoofi biyya keenyaa mirkaneessaa kan jiruudha.
Gochoota diinagdee quncursan keessattuu kanneen akka malaanmaltummaa,kootorobaandii,naanneessa maallaqaa seeraan alaatiifii xaxaawwan badii sirna gabaa gurgurataa gufachiisan cicciruun hojimaata iftoominaafii itti gaafatummaa qabu diriirsuun rifoormii sirna daldalaa si’eessuuf kallattiin taa’e bu’aa buusaa jira.

Madda galii ballisuu, sirna bulchiinsa maallaqaa fooyyeessuun lammiileef carraa hojii uumuun dhimmi warraaqsa diinagdee keessatti addatti laalamu tahuun isaa ammaas toora xiyyeeffannoo ODP ta’ee kan itti fufu ta’a.
Akka naannoottiis ta’e biyyaatti nageenyaafi ol’aatummaan seeraa akka mirkanaa’u waan qabuuf daldaltoonni siyaasaa karaa adda addaan abdiin harra mullate isaan miidhuufi gufachiisuu barbaadaniin akka hin gufanne ijjannoo cimaa paartiin keenyaafii mootummaan paartii keenyaan hoogganamu fudhachaa jiruun nageenya amansiisaa mirkaneessaa jirra.

Gaaffiiwwan Ummata Ormoo fi ummattoota biyya keenyaa duura duubaan qorannoo irratti hundaa’uudhaan karaa tasgabbii qabun deebii waara’aa akka argatu ODPn hojiiwwan eegale hiramaannaa ummata Itiyoopiyaa guutuudhaan cimsee kan itti fufuf ta’a. Cehuumsi jijjiiiramaa wareegama qaqqaaliifi tumsa walootiin argame aggaammii kamiinuu kan of booda hin deebine ta’uu isaa ODPn irra deebi’ee mirkaneessaa, warageema qabsoo kanaaf barbaachisu hunda kaffaluun qabsoo eegalame injifannoo caalmaatti ceesisuun faayidaa fi mirga ummatoota biyya keenyaa kabajichiisuuf ODP-n kutannoo ol’aanaadhaan qabsoo eegale yoomiyyuu caalaa cimsee kan itti fufuf ta’a.
ODPn paartii ummata isaa irkoo godhatee sochoowu waan ta’eef buubbeen kamuu isa hin raaftu, yaaliin badii kamuu isa hin gufachiiftu ,ODPn paartii egeree ummata biyyattii ifa godhuuf hojjetadhudha!

Kabajamaa ummata Oromoo
Ummatni Oromoo ummatoota biyyaatti kan biro waliin ta’uun qabsoo mirgaa yeroo dheeraa fudhate geggeessaa turtee jirta. Qabsoo hadhaawaa geggeessitee fi wareegama qaqaalii kaffalteenis injifannoo cululuqaa egeree biyyaattiif abdii horee fi injifannoowan cululuqaan yeroo gabaaba keessatti galmaa’e addunyaan raga bahe argamsiftee jirta.

Abdiin injifannoowwan ati wareegamteen argaman dhufanillee rakkoowwan amaluma jijjiirama keessa nama mudatanirraahiis tahe hojimaatoonniifii ilaalchoonni jalqabbii abdii heegaree mullate kana gufachiisuu danda’aniis hunduu waan karaa hin qabatiniif rakkoowwan abdii kana dukkansuu barbaadan mullachaa jiru. Kanaafuu, gufuu guddina keetii tahan kanaas sirreessuuf qabsoo eegalte cimsitee itti fufuun aadaafi duudhaa ilaaf ilaa mee addunyaaf badhaafteen addunyaan raga siif bahaa jira.
Boqonnaa qabsoo seenaan yaadatu kamuu keessattuu loogummaafii cunqursaa gita bittaatiif gonkumaa jilbiifachuu diddaaf Obbolaawwan ummattoota biyya keenyaa waliin wareegama kafalaa injifannoo gonfachaa akkuma turte hunda ammaas rakkoowwan mudachaa jiran aadaa boonsaa waltajjii dimokiraatawa,haqaafii dhugaa waldhageettiifii dimokiraatawa dhalee dhalloota keetii kan tahe kan sirna gadaatitti fayyadamtee qabsoo hadhaawaa yeroon gaafatu kana ummatoota biyyattii jaalalaan hammattee waliin akka itti fuftuufii jalqabbii heegaree biyya hunda keenyaaf taatuu eeguun jijjiirama roga maraa galmaawaa jiran itichitee itti fufsiisuun akka ceesiftu ODPn waamicha siif dhiyeessa.
Kabajamtoota Qeerroo fi Qarree Oromootiif
Jjjiiramoonni akka naannoo keenyaattiis tahe biyyaatti galmaawuu eegale wareegama qaqqaalii adda kee waraanaaf kennuun kafalteen kan dhufeedha, kanaafuu ODPn jijjiiramoonni hamma yoonaa akka naannoottiis tahe biyyaatti mullatan qabsoo hadhaawaafii hirmaannaa ballaa qeerroo fi qarreetiin kan dhufan jadheeti amana.
Jijjiirama wareegama qaaliin dhufe kana warri of booda deebisuu barbaadu harraas akkuma kaleessaa boo’ichaafi miirri gad aantummaa akka nutti dhaga’amu nu tuttuqanii miira keessa nu galchuu barbaadu.

Ol’aantummaan seeraa cabee jijjiiramichi akka gufatu nu kakaasuu barbaadu kanaaf Qeerroo fi qarreen keenyaas qabsoo taasisu kamuu karaa gurmaaween, karaa miira irraa bilisa ta’een, bilchinaafi tasgabbii ,karaa dimokiraatawa taheefii jijjiiramoota jiran kunuunfachaa abdii heegaree fi tokkummaa Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf akkuma kaleessaa harraas adda durummaa qabsoo keessan akka itti fuftan paartiin keenya waamicha isiniif dhiyeessa.
Kabajamtoota, saboota, sablammootaafii Ummattoota biyya keenyaa hundaaf
Saboonni sablammoonniifii Ummattoonni Itoophiyaa rakkoofii gammachuu dhufaa darbaa hunda obbolaa isaa kan tahe ummata Oromoo waliin Rakkoo isaan mudatu hunda irkoo walii tahuun waliin qabsaawanii waliin wareegamanii jiru.
Daldaltoonni siyaasaa harra obbolaa lamaan walitti buusuun yoo sabni ibiddaan gubatu isaan moggaa taa’anii qaqqaammachuu barbaadu
Ummanni Oromoo, Mootummaafi ODPn harraas akkuma kaleessaa obbolummaafi wajjin jireenyi akkanumaas aadaan waan gaarii waliin qooddachuu rakkoo ammo waliin furachuu ummattootaa cimee akka itti fufu kutannoo cimaa qabu, kanaafiis kutannoon hoojjetu.
Kanaaf Oromiyan handhuura sabaaf sablammootaati, Oromooniis saba hammachuun beekkamuudha daldalli siyaasaa fi shira siyaasaa sabaafi sablammoota walitti buusuuf aggaamamu akka iddoo dhabu saaxiluun akkuma kaleessaa Obbolaa keessan Ummata Oromoo waliin tahuu tumsa ijaarsa biyyaaf eegaltan cimsitanii akka itti fuftan ODPn waamicha isiniif dabarsa.
Biyya abbootiin keenya itti wareegamanii nuun gahan tana tokkummaa isii eegnee itti fusiisuuf itti gaafatamummaa seenaati qabna. Itti gaafatamummaa kana akka bahannuufii walitti dhufeenya ummatummaa cimsuufii duudhaalee waliinii keenyaa dagaagsuuf muuxannoo gaarii paartiin keenya eegale waliin taanee milkaawina isaaf akka tumsinu ODPn waamicha dabarsaa, paartiin keenya ODPn qabsoo sabaa fi sablammoota biyyatti qindeessuun gara injifannootti akkuma ceesise, ammas hirmaannaa keessaniin ala qabsoon geggeeffamu akka galma hingeenye ni hubata. Qabsoo itti aanuu keessattis paartiin keenya isin wajjin ta’ee fedhii fi faayidaa keessan tiksuuf adda durummaan niqabsaa’a.
Kabajamtoota Hayyootaa fi hojjetoota mootummaatiif
Boqonnaa seenaa qabsoo biyya walqixxumaan keessatti mirkanaawee waldorgommiin beekkomsaafi yaadaan qofa akka tahu hoojjetamaa jiru kessatti paartii keenyatti makamuuniis tahe deeggaruun yaanni bilchaataan burqisiisaa jirtan jijjiiramicha ceesisuuf dhagaa bu’uraa ta’aa jira Ammaas Ummataafii paartii keessan ODP waliin tahuun yaada haaraa burqisiisuuniifii qorannoofii qo’annoon toora xiyyeeffannoo qabsichaa agarsiisuun ga’ee keessan bahachuu qabdu.
Jijjiiramicha beekkomsaan hooggannee yaa ceesifnu jechuun ODPn hayyootaaf waamicha isiniif dhiyeessa.

Komiiwwanii fi rakkoo bulchiinsa gaarii ummanni keenya qabu hundeerraa furuuf gurmaa’insaa fi hojimaata manneen hojii mootummaa bifa haaraan gurmeessuun keenya ni yaadatama.
Caasaan diriire rakkoo ummata keenyaa hiikuu kan danda’u hoojjataa mootummaa beekkomsaafii naamusa cimaa qabuun alatti waan yaadamuu miti.
Kanaaf jijjiiramni mullachaa jiru ititee fullahuu kan danda’u tajaajila saffisaafi qulqulluu ummata keenyaaf kennuun itti quufinsa lammii mirkaneessuun waan taheef miira aantummaa fi itti gaafatamummaatiin dirqama ogummaaf lammummaa keessan bakka jirtanitti akka bahattaniif adda duree taatan paartiin keenya waamicha isiniif dhiyeessa.
Kabajamtoota Qaamoolee Nageenyaa hundaaf
Naannoo fi biyyaa keenyatti Nagayaafii Tasgabbii kabajsiisuuf ummata keenya waliin tahuun aggaammiifi tuttuqqaa bakka gara garaatti bifa jijjiirrachaa ummata keenyatti aggaamamu,haleellaa karaa gurmaaween kira sassaabdoonni jijjiirama mullachaa jiru gufachiisuuf nurratti aggaaman ofirraa qolachuun adda durummaan wareegama seenaa bara baraan yaadatamu kafalatanii jirtu. Aarsaa kaffaltaniis adeemsa cehumsaa kana tiksaa jirtu. Hojii boonsaa hoojjettan kanaaniis abdiin heegaree naannoo fi biyya keenyaa akka itti fufu ga’ee keessan gumaachuun ummata keessa balaarraa oolchaa jirtu.

Naannoo fi biyya keenyatti nagayaafii tasgabbiin mirkanaawee mirgi lammiilee akka kabajamuufii al seerummaan akka hin jiraanne olnaantummaan seeraa karaa amansiisaa taheen akka mirkanaawu,amaanaa ummatummaa isinitti kenname ummata bira dhaabbachuun miira ummatummaatiin akka bahattan ODPn waamicha isiniif dhiyeessa.
Kabajamtoota Dhaabbiilee Obbolaa ADWUI fi Dhaabbbilee Deggertoota qabsoo keenyaa
Dhaabni keenya ADWUI waanjoo gabrummaa ummatoota biyya keenyaarratti fe’ame fonqolchuun injifannoowwan abdachiisoo galmeessuu kan eegale rakkoo keessoo isaa sakatta’uuniifii furuudhaani.
Biyyi akka biyyaatti itti fufuu kan dandeessu adeemsa kaleessaarraa barannee fedhiif faayiddaa ummata keenyaa karaa seeraaf seenaan hiiknee kabajaafii yoo deemne qofaadha
Gaafa nu wal dhageenyu ummata keenyaaf fakkeenya taana gaafa nu yaadaan wal jala dabarru ummata keenyaaf rakkoo taana kanaaf waan hunda dura fedhii ummataa durfannee ilaaf ilaa meen marihachaa ijaarsa biyyaatiif waliin yaa hoojjennuu!
Kabajamtoota Paartiilee siyaasaa morkattootaa hundaaf
Biyya teenya hedduminarratti hundoofteef dhimmi dimokiraasii dhimma murteessaa tahuun isaa beekkamaadha. kanaafiis hojimaataafii addaa addummaa fedhiif yaadaa jiru kana karaa qixa taheen keessummeessuu danda’uutu nu barbaachisa.
Dirree siyaasaa ballatetti fayyadamanii dimokiraasii waaraa mirkaneessuuf ga’een paartiilee siyaasaa iddoo ol’aanaa qabaata.
Keessattuu rakkoo fi danqaa yeroo cehumsaa kana keessatti mudatuu malu ittisuuf wal dhageettiin jaarmayaalee siyaasa morkattootaa murteessaa waan ta’ee fi sochii siyaasaa taasifnu hunda keessatti faayidaa uummata keenyaa dursuun heeraa fi seera kabajnee, qabsoo karaa nagaa fi dimokraatawaa qofaan akka sochootan waamicha keenya cimsinee dhiyeessina! 
Kabajamtoota Miseensoota ODP 
Paartiin keenya ODPn injifannoowwan baayyee galmeessisaa rakkoo keessoo isaas qulqulleessaa kufee akka ka’u ka’ees akka of haaroomsee raajii hoojjetu qabsoo keessoo gaggeessaa turtaniin jijjiirama paarticha keessatti taasifameef ga’ee bakka bu’ummaa hin qabne gumaachitanii jirtu.
Paartii cimaa duuba miseensi cimaan akka jiruus raga baatanii mulliftanii jirtu ODPn yeroo ammaa itti gaafatama seenaa itti kenname galmaan akka gahu akkuma kaleessaa harraas hirmaannaan adda durummaa keessan murteessaadha.
Qabsoo ummanni keenya sadarka sadarkaan gaggeessaa jiru keessatti hirmaachuufii hoogganuun rakkoo jiranillee hiikuuf itti gaafatamummaa olaanaa qabdu. Waltajjiin Qabsoo yeroon gaafatu dura bu’uun kaayyoo paartiif wareegamuun hojii irratti bobbaatan hundarratti adda duree tahuun gaaffii ummata keenyaa hatattamaan deebisaa tokkummaafi miira jaallummaa yeroo kamuu caalaa cimsachuun aggaammii nu cabsuuf aggaamamu beekkumsaaf gamnummaan dura dhaabbachuun jijjiiramicha akka ceesifnu paartiin keessan waamicha isiniif dabarsa.

ODPn Tokkummaa Itiyoophioyaa, Kabaja biyyoolessaa, Haqa, Nagayaa, Dimokraasii, badhaadhina mirkaneessuuf yoomiyyuu caalaa kutannoodhaan qabsaa’a!
Waajjira GGODP
Bitooteessa 16 Bara 2011
Finfinnee



አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman