Dhimma Finfinnee irratti hawaasni nagaan jiraatu yaadda'uu hin qabu!

Finfinnee, Bitootessa 04,2011(Tolawaaq Waarii) Dhimma Magaalaa Finfinnee irratti falmiin abbummaa wajjin wal qabatee jiru sabaafi sab-lammootaafi hawaasa nagaadhaan jiraachuu barbaadu yaaddoo keessa akka hin galchineef of eeggannoon taasifamuu qaba.
Sabaafi sab-lammiin Finfinnee keessa jiraachaa tureefi ammas jiraachaa jiru Nagaadhaan jiraachuu danda'uu qaba.Nagaan ba'ee nagaan galuu,hojjetatee jiraachuu akka danda'u taasisuu qabna.
Kana yoo goonu humnoota waa'ee Finfinnee guyyuutti olkaasanii lallabuudhaan awwaara kaasuu barbaadan hawaasa nagaadhaan jiraachuu fedhu irraa adda baasuu dandeenya.
Humnoota wacan kana bu'aa dhabsiisuun kan danda'amu hawaasa nagaan jiraachuu barbaaduuf aantummaa qabnu mul'isuudhaan yoo sochoonedha."Malaan Bishaan Waaddan"
Humnoonni akka dhabanii akka malee wacaa jiran qullaatti hafuu kan danda'an deeggarsi hawaasa nagaan jiraachuu barbaaduuf taasifnu qabatamaan yoo mul'atedha.
Kanaaf nama dhuunfaa irraa eegalee caasaan mootummaafi qaamni dhimmi isa ilaallatu hundi humnoota badiif deeman saaxiluudhaan hawaasni bal'aan waa'ee Finfinnee irratti dhugaa qabatamaan jiru akka hubatuufi abdii fuulduroo akka beekuuf hojjechuu qaba.
Mirga abbummaa Finfinnee irratti qabnu mirkaneessuuf sochiin taasifnu kamiyyuu hawaasa nagaan jiraachuu barbaadu shakkii keessa akka hin galchineef of eeggannoo gahaa taasisuun barbaachisaadha jedheen yaada.Isin maal jettu?

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman