Haala yeroo irratti ejjannoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Haala yeroo irratti ejjannoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa ilaalchisuun ibsa Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin kenname
Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiiwwan roga maraan hojjetamu keessatti faayidaafi fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf duraa duubaan tarreessee itti hojjechaa jira.bu’aawwan gurguddoos galmeessaa jira.
Dhimmi Finfinnees tahe dhimmoonni kana waliin wal qabatan hunduu duraa duubaan deebii akka argatan haaroomsaan kan irratti walii galamee hojiitti jijjiiramaa jiru.

Dhimmi daangaa bulchiinsaa magaalaa Finfinnee fi Oromiyaa gidduu jiru furmaata waaraa hamma argatutti manneen jireenyaa daangaa Oromiyaa darbanii ijaaramanii fi Mootummaan Naannoo Oromiyaa gaaffii irratti dhiyeessaa jiru fala otoo hin argatin fayyadamtootaaf carraadhaan dabarsuun sirrii akka hin taanee mootummaan Naannoo Oromiyaa ni amana.

Waan ta’eefiis murtoon kun akka hojiirra hin oolle Mootummaan Naannoo Oromiyaa ejjannoo cimaa qabatee jira, ejjannoon kun adda durummaadhaan faayidaa fi dantaa ummata keenyaa kabajchiisuurraa kan maddu malee walii wajjiin jireenya sabaa fi sablammoota biyya keenyaa waliin qabnu jibbuurraa kan maddu akka hin taane hubatamuu qaba.
Mootummaan keenya ajandaa Finfinnee waliin wal qabatee ka’uu fi hojii raawwatamu kamuu ija faayidaa fi fedhii Ummata keenyaatiin qofaan ilaala.
Finfinnee fi naannoo Finfinnee waliin wal qabatee hojiin hojjetamu beekkamtii Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Ummata Oromootiin alatti raawwatamuuf yaadamu seera qabeessa jennees hin amannu.
Kan kaleessa ummata keenya wajjiin qabsoofneef roorroo ummata Oromoorraa qolachuufi, Ummata Oromoo badhaadhinaafi qananitti ceesisuu fi har'as waan kaleessa waadaa ummata keenyaaf gallee injifannoowwan boonsaa galmeessisaa dhufne cimsinee itti fufuudhaan gaaffiiwwan ummata keenyaa kamiyyuu qabsoodhaan deebisuuf aarsaa barbaachisu kamiyyuu kaffaluuf qopha’aadha.
Oromoo fi Oromiyaa faayiddaafi mirgi guutuun kabajamee fi badhaadhinaaf qananiitti cehan ijaaruuf hojjenna, gaaffii seeraa Ummata Oromoo kamuu seeraan deebifna, Finfinnee daangaaf faayidaa manaan olitti faayidaa abbaa biyyummaa Oromoo karaa mirkaneessuun akka raawwatamu hojii eegalle cimsinee itti fufna.
Ummata keenyaa waliin hojjenna, ummata keenya kabajnee ummata keenyaaf hojjennee kan dabe sirreessina, gufuu ummata keenyaa kamiyyuu waliin furra, rakkoo kamuus mariin kallattii qabsiifna.
Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Guraandhala 28 Bara 2011
Finfinnee

Ibsi kun ba'uusaatiin dura BBC Afaan Oromoo waan gabaase ammoo liinkii itti aanee jiru kana cuqaasuun dubbisaa

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman