Dimokraasii dhugoomsuuf daangaa seeraa keessatti yaada bilisaan ibsachuun sirriidha -ODP



Finfinnee, Bitootessa 3/2011(Tolawaaq Waarii) Dimokraasii dhugoomsuuf waan qabsoofnef, daangaa seeraa keessatti namuu yaada isaa bilisaan ibsachuun sirriidha jedhe Oromoo Demokraatiik Paartiin(ODP).

ODPn haala yeroorratti ibsa baasen, tibbana ajandaa jajjabaan lama xiyyeeffannaa argachuu ibseera.

Akka ibsa paartichaatti waa guguddaa lamatu deemaa jira. Tokko mirga Oromoon Finfinnee irraa qabu; inni lammataa ammoo hooggansa ODP abaaruu ta'uu eerera.

Lachuu deemsa ummata gufachiisuuf karoora bahetti hidhata kan qaban ta'uus ibseera ODP.

Kanaaf gufuu buqqisaa fi hiree baldhisaa lafa yaanne gahuun dubbii kana hiddaan hubachuu gaafata jedheera.

Mirga Oromoon Finfinnee irraa qabu ilaalchisee sagaleen sadi dhag'amaa jiraachuu ibseera.

Gareen tokko tuuta Oromoo saboota biraatin walitti buusuuf baajata guddaan halkanii guyyaa kan hojjatu ta'uu eeree, kunis gama tokkoon "Oromoon isin balleessuu heda" jechuun ummata nagayaa yaaddessa. Cinaa biraatin ammoo kora yaamee dhaadannoo Oromoo fi hooggansa isaa arrabsu dhageechisa. Lola sanyii kaasee dhiiga namaa dhangalaasuuf eegee mirmirsa jedheera ibsichi.

Gareen lammataa harcaatuu sirna abbaa lafaati jedheera ODP. Tuutni kun maqaa, aadaa, duudhaa fi mirga sabummaa dhagahuu jibba. Walqixxummaa fi haqa waan jedhu yoo dhagaye mataa dhukkuba. Keessattuu kabajamuun mirga Oromoo garaa isa guba. Olantummaa aadaa, amantaa fi eenyummaa tokkootiif sirba jedheera. 

Gareen sadaffaa tuuta ololaan dhiibamee itti seenedha; kun warra kakaasii garee lamaanitiin kallattii hin malle qabate hammata. Olola sobaa kan miidiyaa hawaasaa, miidiyaa idilee fi harka dhoksaatiin afarfamutu yaaddessee karaa dabse jedheera paartichi ibsa haala yeroo isaatin. 

Dhugaa himuun firooma hin kuttu kan jedhe ibsichi, mirgi namiituu kabajamuu qabaan eereara. 

Mirgi wal-dhiitu hin jiru. Mirga Oromoo kabachiisuun mirga saba biraa sarbuu miti. Mirgi hayyamaan hin kabajamu. Oromoon mirga isaa kabachiifatuuf hayyama namiituu isa hin barbaachisu jedheera ODPn. 

Injifannoo haga ammaa gonfates hayyamaa fi kadhaan hin arganne. Ofii fi ilmaan ofii itti wareegee diina isaa cabsuun injifate. Warri gaafii fi mirga Oromootti qoosuu fedhan dhugaa kana hubatuu qabu jedheera. 

Obboleeyyan keenya hunda waliinuu nagaya, tokkummaa fi jaalalaan jiraachuu jabeessinee feenan ibseera paartichi. 

Tokkummaa fi walqixxummaa ummata Ityoophiyaaf humna guutuu fi qalbii qulqulluun hojjanna. Garuu firoomni keenya qajeeltoo sirrii irra dhaabbachuu qaba. Wirtuun qajeeltoo sanii mirgaa fi fedhii haqaa waliif kabajuudha jedheera.

Namiifuu mirga seeraa fi mirga uumaa kabajuun dirqama. Qajeeltoo kana irraa maquun hin ta'u. Kan wallaalatti irraa gore ni hubata. Kan beekaa yakke ammoo seeratu gaafata. Olaantummaa seeraa fi wal-qixxummaa sabaa fi sab-lammootaa kabajuun qajeeltoo lammataati waan ta'eef jedheera.

Ibsichi akka eeretti warri hooggansa ODP abaaru tuuta lama. Tuuti tokko ODP diiguuf karoorfatee kan hojjetu yoo ta'u saniif hooggansatti xiyyeeffata. Hooggansa qoodee tokko tokkoon balleessutu kaayoo isaati. Tokko abaaraa kaan eebbisa jedheera. 

Tuuti lammaffaan fayyaaleyyii duuba dubbichaa hin hubatin laallata jdhee, jarri kun maaltu maaliif akka deemu otoo hin laaliin ajandaa argame duuba deemu jedheera.

ODPn akka waliigalaatti, keessattuu ammoo hardha gaafa bitaa mirgaan bineensi nutti amoommatu kana Oromoon wal irratti duuluun caba jedhee amana jedheera ibsichi. 

Kanumaaf jecha olola maqa-balleessi hoggansarratti gaggeeffamu obsaan ilaalaa jirra jedhee, garuu ammoo hunduu daangaa qaba. Namaaf jennee otoo hin taane faayidaa sabaa fi biyyaaf jecha seera fi heera kabachiisuun dirqama taati jedha ibsichi. 

ODP diiguun abadan hin danda'amu; ODPn paartii jalaa fi gubbaadhan gubachuudhan bilchaate, ololaa mitii abiddaanuu hin diigamu; kana ammoo firris diinnis ni beeka jedheera.

Namni hundi seera jalatti buluu qaba; hojiinis abbaa qaba. Seera fi sirna eeganii deemuun dirqama nama hundaati jedheera ODP. 

Yeroo fedhan akka fedhanitti bakka fedhan seenuun hin ta'u, dura qaama dhimmi ilaalu waliin dubbachuu feesisa. Yeroo fedhan bakka fedhan dhaqanii yoo gufuun nama mudate "wandaboo aayaatu na sakaale" jechuun waan hin taane. Seera cabsanii maqaa namaa xureessuun akka nama gaafachiisus namuu beekuu qaba jedheera ibsichaan. 

Akka paartiitti ODPn mudaa hin qabu hin jennu, hooggansas ta'ee miseensi rakkoo qabu ni jiraata jedheera ibsichi.

Akka waliigalaatti dimokiraasii dhugoomsuuf qabsoofne waan ta'eef, namuu yaada isaa bilisaan ibsachuun sirrii dha jedhee; mirga ofii fayyadamuun dhoowwaa hin qabuun ibseera. 

Garuu dimokiraasiin gadhiisaa miti; daangaa seeraa keessatti raawwatama waan ta'eef jedheera. 

Yaada ofii ibsachuun saba ykn nama dhuunfaa arrabsuu hin dabalatu; ololaan waraana sabaa kaasuun nama gaafachiisa jedheera. 

Kabaja nama dhuunfaa fi garee sarbuunis akkasuma. Olaantummaa seeraa kabajuun dirqama. Namiifuu mirgi guutuun ni kabajama jedheera paartichi. 

Tuuti ykn namni yakka raawwatee fi mirga nama biraa tuqe seeraan gaafatama. Kana dhugoomsuu baannan mirgi hin jiraatu; dhugaan kun namiifuu hubatamuu qaba jedheera ODPn.

Oromoof yeroo hunda tokkummaatu tola; keessatti hardha tokkummaa sibiila caalaa jabaatutu nu barbaachisa jedheera paartichi. 

Haala akkasii keessatti ajandaa diiggaa afarsuun qaanii guddaa dha; kanaafuu qaamooliin beektaniis ta’ee osoo hin beekiin olola diiggaa fi maqa-balleessii ooftan gocha kanarraa akka deebitan gaafanna. Yoo sun ta'uu baate seerri akka jiru jabeessinee hubachiifna jedheera ODPn.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman