ልጥፎች

ከሴፕቴምበር, 2017 ልጥፎች በማሳየት ላይ

"lammiin lammiif" mata duree jedhuun koonsartiin qophaa'aa jira

Ogeeyyoonni aartii Oromoo mata duree lammiin lammiif jedhuun qophiilee bashannanaa adda addaafi koonsartii muuziqaa qopheessuuf akka karoorfatan himame. Koonsartiin muuziqaafi qophiilee bashannanaa kun ogeeyyoota artii Oromootiin kan qophaa’e sababa da’oo daangaatiin lammiiwwan keenya miidhaman gargaaruf galii walitti qabuufi jedhameera. Qindeessaan sagantichaa obbo Mootummaa Asaffaa ibsa har’a galma aadaa Oromootti kennan irratti akka jedhanitti Ogeeyyooni aartii Oromoo ogummaa gara garaa qaban qophii kana irratti kan hirmaatan ta’a. Sagantaan koonsartii muuziqaafi qophiilee bashannaa gara garaa kun dhuma baatii   Fubaanaa kanaa eegalee hanga baatii sadaasa dhufuutti godinaaleefi magaaloota gurguddoo Oromiyaa irratti akka adeemsifamudha obbo Mootummaan kan mirkaneessan. Ogeeyyoonni aartii Oromoo galii sagantaa kana irraa argamuunis lammii isaanii gargaaruuf akka karoorfataniifi adeemsa eegala imala isaanii torban dhufu keessa galma jiddu gala aadaa Oromootti agarsiisa ko

Irreechi Irree keenya-Ob.Lammaa Magarsaa

ምስል
Irreechi Oromoo iddoo miidhaginaafi tokkummaa keenya itti mul’ifnu ta’uu qaba jedhan pireezidaatiin bulchiinsa mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa. Ob.Lammaan ibsa Oromiyaa biroodkaastiing Neetiwoork(OBN) kennaniin. Oromoon hundi mallaattoo eenyummaa keenyaa kabajachuufi kabajisiisuun akka irra eegamus dhaamaniiru. Tokkummaan wayita ammaa Saba Oromootiin uumame Irreecha irratti qabatamaan akka mul’achuu qabus himan. Dogongorri barreeffamaa siidaa yaadannoo lammiiwwan waggaa darbe du’aniif ijaarame irratti barreeffames akka sirraa’e beeksisan. Dhimmi rakkoo Naannoo Oromiyaafi sumaalee Itiyoophiyaa sababiinsaa daangaa akka ta’e Mootummaan naannoo Oromiyaa hin amanu kan jedhan pireezidaantichi balaballii malaammaltummaa waan cufameef harka kiraa sassabdotaafi saamtotaatu keessa jira jedhaniiru. Mootumman naannoo Oromiyaa hawaasa iddoo jireenya isaa irraa buqqaafame dandamachiisuuf hojjechaa akka jirus obbo Lammaan beeksisaniiru.  Obbo Lammaan ibsa OBN'f

Sirnichis biyyis keenyuma

ምስል
Sirna mootummaa misoomawaa Demookraatawaa irraa Ummanni Oromoo faayidaawwan hedduu argateera.Sirni Federaalaa amma jiru kun injifannoowwan Saba Oromoofis ta’e saba,sab-lammootaafi ummattoota Itiyoophiyaatiif argamsiise lakkaawwamee kan xumuramuu danda’u miti.Akka saba Oromootti har’a irra ga’uun kan danda’ame haala mijaawaa sirni amma jiru kun mijeesseen akka ta’e beekamaadha. Oromoon Aadaafi seenaasaa cunqursitootaan jalaa awwaalamee ture bakka awwaalamee baasee awwaara irraa hurgufuudhaan gara dagaagsuutti seenuu kan dandanda’e qabsoo ijoolleensaa humnoota demookraatawa kanneen biroo wajjin qindaa’uudhaan taasisaniin haala mijaawaa uumameen akka ta’e kan wallaale jiraa laata? Afaan saba bal’aa Afaan Oromoo ittiin qaana’amaa tureefi gadi qabamaa ture cunqursaa suukaneessaa keessaa ba’ee dhawaataan gara babal’achaafi dagaagaa deemuutti kan ce’e yoom irraa eegalee akka ta’e kan hin beekne jiraa laata?Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa Naannoo Oromiyaafi afaan hojii barnootaa

OBN Sagalee Ummataa!

ምስል
Finfinnee, Fulbaana 11,2010(Tolawaaq Waarii) Ummanni bal'aan Oromoo utubaa Itiyoophiyaati.Dhugaa kana kanneen haalan maxxantoota of tuulan qofaadha.Dhugaan ammoo yoomiyyuu dhugaadha waan ta'eef isaan haalanis akkuma baran gadi qicuuf yaalanis gonkumaa jijjiiramuu hin danda'u. Maxxantoonni kan isaan caale akka jiraatu hin fedhan.Kanaafi, kan isaan caaletti maqaa adda addaa itti moggaasuudhaan busheessuufi maqaa gurraachesuuf kan yaalan.Egaa hanga barbaadaniifi danda'anitti haawacan malee imalli dhugaa Ummanni Oromoofi Oromiyaa bal'oon irra jirtu gonkumaa duubatti kan deebi'u hin ta'u. Tibbana waanan taajjaben qabaafan kana jedhe.Muummichi ministiraa Hayilamaariyaam Dassaalany turus bubbulus rakkoon dhimma daangaa da’eeffachuudhaan iddoowwan daangaa Naannoo Oromiyaafi Sumaalee Itiyoophiyaa jidduutti mudate akka   dhaabbatuuf raayyaan ittisa biyyaa ajaja isaaniitiin bobba’uusaa jalqaba torban Fulbaana bara 2010’tti iftoomaan himan.Obbo Hayilamaariyaa