"lammiin lammiif" mata duree jedhuun koonsartiin qophaa'aa jira



Ogeeyyoonni aartii Oromoo mata duree lammiin lammiif jedhuun qophiilee bashannanaa adda addaafi koonsartii muuziqaa qopheessuuf akka karoorfatan himame.
Koonsartiin muuziqaafi qophiilee bashannanaa kun ogeeyyoota artii Oromootiin kan qophaa’e sababa da’oo daangaatiin lammiiwwan keenya miidhaman gargaaruf galii walitti qabuufi jedhameera.
Qindeessaan sagantichaa obbo Mootummaa Asaffaa ibsa har’a galma aadaa Oromootti kennan irratti akka jedhanitti Ogeeyyooni aartii Oromoo ogummaa gara garaa qaban qophii kana irratti kan hirmaatan ta’a.
Sagantaan koonsartii muuziqaafi qophiilee bashannaa gara garaa kun dhuma baatii  Fubaanaa kanaa eegalee hanga baatii sadaasa dhufuutti godinaaleefi magaaloota gurguddoo Oromiyaa irratti akka adeemsifamudha obbo Mootummaan kan mirkaneessan.
Ogeeyyoonni aartii Oromoo galii sagantaa kana irraa argamuunis lammii isaanii gargaaruuf akka karoorfataniifi adeemsa eegala imala isaanii torban dhufu keessa galma jiddu gala aadaa Oromootti agarsiisa koonsartii muuziqaa akka eegalan qindeessaan sagantichaa himaniiru.
Lammiin lammiif mata duree jedhuun koonsartiin muuziqaafi qophiilee bashannanaa qophaa’e kun ogummaan aartii nama bashanninsiisuun ala yeroo gaddaas irkoofi gargaartuu taatee akka dhiyaattu ni agarsiifna kan jedhan obbo Mootummaan hawaasni bakka koonsartiifi qophiileen bashannanaa dhiyaatanitti argamuun deegarsaafi tumsa  gamasaa akka taasisuuf waamicha dhiyeesaniiru.
Koonsartii muuziqaafi qophiilee bashannanaa kana irraayis deeggarsi maallaqaa lammiiwwan miidhman bayyanachiisuuf dandeessisu ni argama jedhamee kan eegamu yammuu ta’u kanaaf ammoo abbootiin qabeenyaa, akkasumas dhaabbileen mootummaafi miti mootummaa hawaasa faana tumsa akka taasisaniif qindeessaan sagantichaa obbo Mootummaa Asaffaa gaafataniiru.Kan gabaase Faanaa Biroodkaastiingi Korporeeti.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman