Oromiyaatti haalawwan dheekkamsa Ummataa finiinsan mul’achaa jiru
Ummanni
bal’aan Oromiyaa sabaafi sablammoota kanneen biroo wajjin waliigaluudhaaniifi
waldanda’uudhaan akkaataa ittiin jiraatu sirritti beeka,Oromoon gama kanaan
muuxannoo bal’aa kanneen birootiif ta’uu danda’us qaba.Ummanni bal’aan sabaafi
sablammoota kanneen biroo wajjin obbolummaafi waljaalalaan jiraateefi ammas jiraachaa
jiru kun humnoota adda addaa bu’ura Itiyoophiyaa ta’uusaa hubataniin miidhamaa
akka jiru qabatamaan mul’achaa jira.
Oromoofi
Oromiyaan utubaa Itiyoophiyaa akka ta’an namni shakku kamiyyuu sammuunsaa fayyaa
ta’uusaa shakkuu qaba.Miidhaa sirnoonni cunqursitoonni kanaan duraa irraan
gahaa turan ilaaluudhaan Oromoon ammas miidhama ofirraa qolachuu hin danda’u
jechuun humni yaadu kamiyyuu umuriisaa gabaabsaa akka jiru beekuutu irraa
eegama.
Dhiyeenya
kana aanaalee godinaalee Harargee bahaafi lixaa,aanaalee gammoojjii godina
Baalee akkasumas godina Booranaa aanaa Moyyaaleetti hidhattoonni Moqaadishoo
irraa dhufan,milishoonni Naannoo Sumaalee Itiyoophiyaafi humni poolisii addaa
naannichaa gocha qaanessaa lammii irratti raawwataniin lubbuun Namaa darbeera, qabeenyi
barbadaa’eera,jiraattoonni hedduunis qayee isaaniirraa baqachuuf dirqamaniiru.
Lammiiwwan
hidhattoota dhokatanii socho’aniin haleellaan itti aggaamamee lubbuun isaanii
darbe malees namoonni hedduun madaa’anii wal’aanamaa akka jiran odeeffannoon
biiroo dhimmoota koomunikeeshinii mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa argame
mul’iseera.
Lubbuun
lammiisaa ergamtootaan yoo dhabamsiifamu Oromoon callisee ilaalu godinaalee
Oromiyaa 20 keessa akka hin jirre beekamuu qaba!Mootummaan Demookraatwa
Federaalawaan keenya dhimma kana of eeggannoodhaan hordofuun fala waaraa
argamsiisuu akka danda’u ni hubatama.
Haa
ta’uutii haalli qabatamaan jiru wal amantaa kana kan mul’isu akka hin taane
namoota baay’eetu dubbachaa jira.Mootummaan Federaalaa tumsaafi miseensummaa
mootummoota naannoleetiin dhaabbate bu’urrisaa yoo diigamu maal nadhibeedhaan
qarqara dhaabbatee kan ilaalu yoo ta’e ergaan diinoota Itiyoophiyaa biyya
keessas ta’e biyya alaa jiraniif darbu maal akka ta’e hubachuun
barbaachisaadha.
Dhiyeenya kana
biiroon dhimmoota koomunikeeshinii Oromiyaa akka ifoomsetti Namni suuraan
daawwachaa jirtan kun Doolaara Ameerikaa kuma 500fi kuma 41fi 841 qabatee
imalaa utuu jiruu poolisoota Oromiyaatiin too’annoo jala oolfameera.Namni kun
seeraaf dhiyaatee dhimmisaa ilaalamaa jira.Haa ta’uutii maallaqni hammi kun
hordofamee utuu too’annoo jala oolfamuu baate Oromiyaa jeequufi Nagaa
booressuuf kan oolu akka ta’e shakkamuu hin qabu.
Amma dhimmi
dhimma Daangaa akka hin taane hubatameera.Lolli hidhattoonni moqaadishoodhaa
dhufanii itti hirmaatan dhimma waldhabdee daangaa Oromiyaafi Sumaalee
Itiyoophiyaat jedhamuu hin danda’u.
Dhuguma Ummanni
Oromiyaafi Sumaalee Itiyoophiyaa walfuudheera,wal irraa horeera,waliin
jiraateera,ammas walumaan jiraachaa jira.Haala amma jiruun Ummata Oromoofi
Sumaalee Itiyoophiyaatu waldhabe jechuun hin danda’amu.Oromoofi Sumaaleen
boruus akkuma kanaan duraa waliin jiraata.Humnoonni maqaa ummattoota kanaatiin
fedhii dhuunfaa guuttachuuf wixiffatan garuu qofaatti hafuusaanii garanumaa
hubachuu qabu!
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ