Sirnichis biyyis keenyuma



Sirna mootummaa misoomawaa Demookraatawaa irraa Ummanni Oromoo faayidaawwan hedduu argateera.Sirni Federaalaa amma jiru kun injifannoowwan Saba Oromoofis ta’e saba,sab-lammootaafi ummattoota Itiyoophiyaatiif argamsiise lakkaawwamee kan xumuramuu danda’u miti.Akka saba Oromootti har’a irra ga’uun kan danda’ame haala mijaawaa sirni amma jiru kun mijeesseen akka ta’e beekamaadha.
Oromoon Aadaafi seenaasaa cunqursitootaan jalaa awwaalamee ture bakka awwaalamee baasee awwaara irraa hurgufuudhaan gara dagaagsuutti seenuu kan dandanda’e qabsoo ijoolleensaa humnoota demookraatawa kanneen biroo wajjin qindaa’uudhaan taasisaniin haala mijaawaa uumameen akka ta’e kan wallaale jiraa laata?
Afaan saba bal’aa Afaan Oromoo ittiin qaana’amaa tureefi gadi qabamaa ture cunqursaa suukaneessaa keessaa ba’ee dhawaataan gara babal’achaafi dagaagaa deemuutti kan ce’e yoom irraa eegalee akka ta’e kan hin beekne jiraa laata?Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa Naannoo Oromiyaafi afaan hojii barnootaa ta’uudhaan hanga digirii sadaffaatti ittiin barsiisuun afaan hojii qorannoofi afaan teeknooloojii ta’uun tajaajiluu akka danda’u haalli kan mijaa’e yoom irraa eegaleetii? Oromoo ta’ee kana kan wallaalu jiraa laata?

Ummanni Oromoo mirgoolee siyaasaafi namoomaa qabsoo isaatiin kabajisiifate hundatti mamii malee fayyadamuu kan eegale yoom irraa eegaleetii? Ijoolleen Saba Oromoo dirqamaan adda waraanaatti oofamuun kan irraa dhaabbate yoomii?Oromoon fayyadamaa dafqasaa ta’uu kan eegalee yoomii?Midhaan oomishe qaama biraatiin saamamee qullaatti hafuun yoom irraa eegalee irraa dhaabbatee? Oromoon hundi diinagdeesaa bilisa ta’ee yaaddoo tokko malee guddifachuu kan danda’e haala mijaawaa sirna federaalaa kanaan mijaa’een akka ta’e yoomillee dagatamuu hin qabu!Oromoon bara 1983 asitti abbaa sirnaafi biyya kanaati!Ummanni Oromoo sirna federaalawaa kanaan faayidaawwan hedduu eeraman kanaafi kanneen biroos argateera.Kanaaf Ummanni Oromoo bal’aan abbaa sirnaafi biyya kanaa ta’uudhaan adeemsa dabarse keessatti bu’ii ba’ii hedduu keessa darbeera.
Akkuma beekamutti Ummanni Oromoo faayidaawwan sirna kana keessatti argachuu qabu hunda argateera jechuudhaan dubbachuun gonkumaa waan danda’amu miti.Fakkeenyaaf Sabni bal’aan kun sababoota adda addaatiin mirgoolee heera mootummaatiin beekkamtii argataniif utuu hin mirkaneeffatin waggoonni lakkaa’amaniiru.Mirgi faayidaa addaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee irraa argamuu qabu rakkoo hooggansaafi maal nadhibeedhaan utuu lafa irra harkifatu waggoota lakkoofsiseera.Kun maalif ta’a jedhamee utu hin gaafatamin hafee hin beeku.
Oromoon saba isaatiif quuqamu hundi ittiin bulinnaa irraa bilisa ta’ee waa’ee dhimma faayidaa addaa kana gaafachaa ture.Qabsoon haala adda addaatiin taasifamaa tures gara firii argamsiisuutti ce’uudhaan waa’een faayidaa addaa Naannoon Oromiyaa Finfinnee irraa argachuu qabu labsii wixinee ta’uun hanga ba’uutti ga’eera.Waca gamaa gamanaan tibba labsiin wixineen ifoomsame sanatti mudachaa ture beekna,maalif waan jedhamaa tureefi gamaa gamanaan aggaamamaa ture agarreerra,dhageenyeerrakaa.Ammas dhimmi faayidaa addaa kun waan xumura argate miti.Gunguma hedduu akka qabu beekna,Tokkummaa Saba Oromoo amma uumamaa jiruun garuu  fala xummuraa argachuunsaa waan hin oolle akka ta’e ni beekama.Kanaafis qabsoon taasifnu gamnummaadhaan kan deeggarame ta’uu qaba.
Faayidaan Ummanni Oromoo argachuu qabu akka hin argamneef,karaatti fashalaa’ee akka hafu kan barbaadu humnoota baay’eetu jira.Humnoonni kun diina Ummata Oromoofi biyya keenya Itiyoophiyaa akka ta’an beekamaadha.Kanaan dura mirgi heera mootummaa irratti beekkamtii argatee bule qabatamaan akka hojiirra hin oolle sababa adda addaa uumuudhaan lafa irra akka harkifamee turu taasifameera.Haala amma jiruun inni kun lammata dabalamuu hin qabu hindanda’usi!
Dhimmi daangaa da’oo taasifattee dhiyeenya kaanaa asitti finiinuudhaan naannawaa daangaa ummata waliin jiraate jidduutti dhiigni lammii akka dhangala’u taasifte ka’uumsishee maalfa’i akka ta’e shakkuun barbaachisaadha.Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa ibsa tibbana OBN’f kennaniin sababa dhimma kanaa keessaa waan muraasa tuttuqaniiru(Ob.Lammaan ibsa kana OBN qofaaf kennuu hin qaban ture.Odeeffannoofi haqni itti  amanamu kun Ummata bal’aa Oromoo bira akka ga’u ni barbaadama taanaan haala mijeessuudhaan sab-quunnamtiileen Afaan Oromootiin biyya keessatti hojjetaniifi kanneen biroonis  akka argatan taasifamuu qaba ture.qoollifannaan kun eenyuyyuu hin fayyadu,ni sirraa’e jedheen amana)
Pireezidaant Lammaa magarsaa ibsa kennan sanaan Naannoo Oromiyaafi Sumaalee Itiyoophiyaa jidduutti mudannoon mul’ate sababiinsaa rakkoo daangaa miti jedhaniiru.Dhimma kana keessa harki malaammaltootaafi saamtotaa akka jiru dubbatan.Ejjennoon mootummaa Naannoo Oromiyaa kun ejjennoo sirriidha!Ejjennoon kun Saba bal’aa Oromootiin deeggaramuu qaba.
Eyyeen kan dhiiga Ummata keenyaa xuuxuu bare adeemsi kun akka dhaabbatuuf balballi yoo itti cufamuuf deemamu callisee taa’a jechuun hin danda’amu.Sabaaba adda addaa uumee wixiffachuudhaan umurii dheereeffachuuf socho’uunsaa hin oolu,kan ta’es kanuma.”waa malee manni hin aaru” Waan kana xiiqii kiraa sassaabdotaafi warra garaa isaanii qofaaf yaadantu humna horataniifi caasaa qabanitti fayyadamuun uume.Kan of qofaaf yaadu lammiin du’e dhiignisaa dhangala’e dararameen dhimmasaa miti,Inni kan yaaduu danda’u garaa isaa qofaadhaafikaa!
Kan darbe darbeera,baruumsas irraa argannee jirra.lolli keenya Ummata Sumaalee waliin jiraanneefi wal irraa horre wajjin miti.Lolli keenya cimaan kiraa sassaabdoota keessaafi alaa daandii keenya irra dhaabbatan wajjin akka ta’e beekamuu qaba.Andaaqqoon ykn.lukkuun “nyaachuu baadhus nan bittinneessa”jette jedhan!
Qabsoon ammaan boodaa waan kana sirritti qablbeeffachuudhaan taasifamuu qaba jedheen amana.Gamnummaan keenya yeroo gufuun jirtu karaa keenya irraa maqxee injifannoo akka sabaatti galmeessisuu barbaannu galmeessifne qofaadha.Injifannoowwan fuulduratti galmeessisuuf jirru kan hanga ammaatti galmeessine wajjin  yoo wal bira qabamanii ilaalaman kan caalanidhaa malee kan hanqatan miti.Kana qalbiitti qabachaa hunduu malaan socho’uu qaba
“Irreechi Irree keenya” jedhan kabajamaa pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Maagarsaa.Irree keenya Irreecha keenya irratti mul’isuun gamnummaadha!Irreechi Oromoo kan milkaa’inaafi injifannoowwan itti aananiif bu’ura bal’aa kan ittiin kaawwannu nuuf haatau!
Humnoota sirna Federaalizmii keenya gufachiisuu barbaadan dura dhaabbachuu qabna.Federaalzmiitu waldhabdee fide jechuun ololaa jiru,bittaa humnaa baran sanaaf foolachaafi haala mijeeffachaa akka jiran hunduu hubachuu qaba.Oromoon sirna Federaalaa kanaan fayyadamaadha.wanti hanga ammaatti bira hin ga’amnes adeemsuma sirna Federaalaa kanaan  milkaa’a malee waan gara biraatiin akka hin taane beekuu qabna.Kanaaf warra sirna keenya busheessaniifi maqaa xureessan balaaleeffachuun injifannoowwan hanga ammaatti sinra federaalaa keessatti galmeessifne eegaafi kunuunfachaa,injifannoowwan dabalataa ammoo galmeessisuuf tokko taanee socho’uun yeroonsaa ammadha!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman