OBN Sagalee Ummataa!




Finfinnee, Fulbaana 11,2010(Tolawaaq Waarii) Ummanni bal'aan Oromoo utubaa Itiyoophiyaati.Dhugaa kana kanneen haalan maxxantoota of tuulan qofaadha.Dhugaan ammoo yoomiyyuu dhugaadha waan ta'eef isaan haalanis akkuma baran gadi qicuuf yaalanis gonkumaa jijjiiramuu hin danda'u.
Maxxantoonni kan isaan caale akka jiraatu hin fedhan.Kanaafi, kan isaan caaletti maqaa adda addaa itti moggaasuudhaan busheessuufi maqaa gurraachesuuf kan yaalan.Egaa hanga barbaadaniifi danda'anitti haawacan malee imalli dhugaa Ummanni Oromoofi Oromiyaa bal'oon irra jirtu gonkumaa duubatti kan deebi'u hin ta'u.
Tibbana waanan taajjaben qabaafan kana jedhe.Muummichi ministiraa Hayilamaariyaam Dassaalany turus bubbulus rakkoon dhimma daangaa da’eeffachuudhaan iddoowwan daangaa Naannoo Oromiyaafi Sumaalee Itiyoophiyaa jidduutti mudate akka  dhaabbatuuf raayyaan ittisa biyyaa ajaja isaaniitiin bobba’uusaa jalqaba torban Fulbaana bara 2010’tti iftoomaan himan.Obbo Hayilamaariyaam dhimmicha irratti xiyyeeffachuudhaan manguddoota Oromoofi Sumaalee wajjin wayita mari’atanitti miidhaa ga’eef gadda cimaa onnee irraa itti dhaga’ame ibsaniiru.
Kanaaf ummanni Oromoo bal’aan galata guddaa qaba.Muummichi ministiraa haala kanaan miidhaa ga’eef gadda isaanii erga ibsanii booda qaamoleen muraafnis gaddasaanii ibsaniiru.Kanneen keessaa gumiin abbootii amantaa Naannoo Oromiyaafi koreen jiddu galeessaa sochii demookraasummaa Saba Amaaraa adda durummaadhaan kan eeramanidha.Qaamoleen kanneen hafanhoo meerre?Akka ilaalchakootti qaama kamiifiyyuu utuu hin loogin miidhaa ga’eef gadda ibsuudhaan lammiiwwan gama kamiinuu miidhamaniif deeggarsa barbaachisaa taasisuudhaan kan rakkate rakkoo keessaa akka ba’u taasisuun ni danda’ama.Maaltu nadhibee kana maaltu fide?Qaamoleen mootummaa gara garaa dhaabbileen miti mootummaa waldaaleen gara garaa gocha gara jabeenyaan raawwatame balaaleeffachuudhaan lammata miidhaan akka kanaa akka hin geenyeef dhaamsa dabarsuu qabu jedheen yaada?
Yeroo rakkoo kana wal bira kan hin dhaabbanne yoom walbira dhaabbannaree?Miidhaan ga’e haala kamiiniyyuu kan deeggaramu miti,kan balaaleeffatamudha malee.Lammiin qayeefi qabeenya isaa irraa buqaa’auu hin qabu,lubbuun lammii kanneen humnaan socho’aniin galaafatamuu hin qabu.Qabeenyi lammiin horate carraa argameen hattootaafi saamtotaan fudhatamuu hin qabu.Oromoonis Sumaaleenis lammii Itiyoophiyaati,gochi akkanaa lammata uumamuu hin qabu jechuun balaaleeffachuun eenyutti ulfaate?
Akka beekamutti waldhabdeen kun wal jibbiinsa Ummata Oromoofi Ummata Sumaalee Itiyoophiyaatiin kan mudate miti.Humnoonni kana keessaa harka qaban akka jiran shakkamuu hin qabu.Humnoonni kun eenyufa’i isa jedhuuf Mootummaan Federaalawa Demokraatawa Riippaabliika Itiyoophiyaa caasaa qabuun qulqulleessee ummataaf akka ifoomsuufi kanneen yakka raawwatanis seeratti akka dhiyeessu waan waadaa galeef kana yeroo sana kan beeknu ta’a. Nagaan haabu’u jedhamee utuu carraaqamuu carraa kanatti fayyadamuuf jidduutti abidda kan qabsiise  eenyu akka ta’e gaaf-tokko beekamuunsaa waan hinoolledha.
Amma lammiiwwan sababa rakkoo mudateetiin iddoo jireenya isaanii irraa buqqa’aniif deeggarsa taasisuufi jireenya waaraa akka jiraachuu danda’aniif keessumattuu Naannoo Oromiyaatti hawaasniifi qaamoleen gara garaa tumsa bal’aa taasisaa jiru.Keenya kan dhiyoo jiru qofaaf utuu hin taane kan fagoo jiruufuu kan dhaqqabuu dandeenye waan ta’eef birmannaa lammiiwwaniif taasifamaa jiruun ni boonna.Aadaa walgargaaruufi miidhama irraa walbaraaruu qabna waan ta’eef birmannaan taasifamaa jiru haala qindoomina qabuufi lammiiwwan rakkatan rakkoo keessaa ba’uu ittiin danda’aniin cimee itti fufuu qaba.
Qaamoleen deeggarsa kana qindeessaa jiranis dirqamaafi itti gaafatama itti kenname haqummaafi itti gaafatamummaadhaan ba’uutu irraa eegama.
Maallaqni lammii rakkoo keessaa baasuuf ummataafi quqamtoota hunda irraa walitti  qabame fayyadamtoota bira akka ga’uuf hojjetamuu qabu.Dhimmi kun booda irra waan komii kaasisu akka hin taaneef of eeggannoon  cimaan taasifamuu qaba.Gama kanaan akka biyyaattis waan beekamutu jira waan ta’eef deeggarsa taasifamuun hojimaanni iftoomaan diriirfamuu qaba.Deeggarsa lammiiwwaniifi dhaabbileen mootummaa adda addaa miidhamtoota Qosheetiif kanaan dura taasisan booda waan dhaga’amaa ture yaadachuun barbaachisaadha!
Hojmaanni iftoomaan akka jiru hordofuudhaan gurra Ummataatiin ga’uu kan danda’um sab-quunnamtiileedha.Kanaan ammoo Oromiyaan amma humna gahaa horattee jirti,gallanni qabsaa’oota haalli kun akka uumamuuf wareegamanii darbaniif haata’u!OBN!

OBN Sagalee Ummataa!
Dur akka jedhamaafi himamaa turetti Afaan Oromoo Raadiyoonii cabsa jedhamuun baacamaa ture.Isa kana irratti xiyyeeffachuudhaan akka weellifames ni yaadatama.Diinni ummata Oromoo sirni naftaxanyaa kanaan duraa jibba Oromoo irratti qabu mul’isuuf kana qofaa miti waan baay’ee jedhee jechisiise.kana beekna.Garuu amma goddaannisa yaadachuudhaan haala madaa sana ittiin hooqnurra akka hin jirre beekamuu qaba.Amma waan hunda moo’annee injifannoo Ummanni Oromoo qabsoosaatiin mirkaneeffate itti fufsiisuuf socho’aa jirra.Sochii kana deeggaruudhaan ummata bal’aa Oromoo kakaasuun injifannoo dabalataatiif akka dhaabbatu taasisuu kan danda’u ammoo dhaabbata guddicha Oromiyaa Biroodkaastiing Neetwoork(OBN) sagalee Ummataati.
Dhaabbnni miidiyaa kun Dhaabbata Ummata Oromooti.Oromoon hundi dhaabbata isaa kanatti boonuufi fayyadamuu qaba.Moggaasuma isaa irraa yoo kaanu dhaabbanni kun sagalee Ummataati.Ummanni keenya miidiyaawwan afaan isaatiin tajaajilan kanneen biroofi OBN’tti sirritti fayyadamuu danda’uu qaba.
OBN jalqabbii gaariirra jira.Kaka’uumsi ogeeyyoota dhaabbata kana keessa tajaajilaa jiranis adda babayiitti ba’ee mul’achaa jira.kaka’uumsa kana mindaafi faayidaa yeroof argamu qofaan gonkumaa argachuun hin danda’amu.Kutannootu barbaachisa.Haala amma ittiin hojjetamaa jiruun kutannoon cimaan waan jiru fakkaata.Amma akka kanaan duraa jalqabanii duubatti deebi’uun hayyamamuu hin danda’u!hayyamamuu hin qabu.Aantummaa ummataa qabachuun hojjechuun dirqama ta’uu qaba.
Haala wayita ammaa ittiin hojjetamaa jiruun dhimmoota ummata bal’aa Oromoo kaasuudhaan OBN carraaqqii eegale cimsee yoo itti fufe umuriinsaa dheeraadha,galanni Ummata bal’aa Oromoo irraa argatus kan daangaa qabu miti.Carraaqqiin taasifamaa jiru guutuu akka ta’uuf teeknooloojiiwwan jiran hundatti fayyadamuunis barbaachisaadha

Gaazexeessitoonni dhaabbata kana keessatti mindeeffamtanii Ummata Oromoo haqaan tajaajiluuf carraa argattan dhugumatti gammaduu qabdu.Hojiin isin hojjettanis mirgaafi faayidaa Ummata bal’aa jiddu galeessa taasifatee yoo itti fufe isin seenaa hojjettan.Akka beekamutti haala kanaan dura tureen sochiin jiru faayidaa jiddu galeessa yoo taasifate ammoo dubatti deebi’uuniifi ummataanis komaatamuun keessan hin oolu.Maal jechuu akkan barbaade isiniif ifaadha.Kana irraa of eeguun barbaachisaadha.Naamusa gaazexeessummaatiin dhugumaan sagalee Ummataa ta’anii tajaajiluun carraa guddaa eenyuyyuu argachuu hin dandeenye akka ta’e beekuudhaan socho’uun barbaachisaadha,dirqama akka ta’ettis fudhatamuu qaba.
Hooggansa OBN!Hooggansi dhaabbata kanaa sardarkaa sadarkaan jiru kutannoodhaan Ummata bal’aa tajaajiluun akka barbaachisu kutannoodhaan akka ka’e haaluma qabatamaan jirutu mul’isa.Kutannoon kun takka ho’ee takka ammoo kan deebi’ee diilallaa’u ta’uu hin qabu.Hooggansi gaasexeessitoota haqaan hojjetaniifi carraaqaniif gama hundaanuu haala kan mijeessuu danda’u ta’uu qaba.Kanaaf ammoo hojmaata sirriifi iftoomaatu diriirfamuu qaba.Haala kanaan hojjechaafi hojechiisaa akka jirtanin hubadha.Jabaadhaa.Sochii guddinaafi badhaadhinaa Ummanni Oromoo bal’aan eegale finiinsuudhaan itti fufsiisuu kan danda’u isini,motora akka taatan beekuu qabdu.Ciminnis hanqinnis yeroon qoratamuu qaba.
Meeshaan hammayyaa’aan miidiyaa qabeenyi ummata bal’aa Oromoo itti dhangala’ee bitame isin harka akka jiru yoomiyyuu dagachuu hinqabdan.Tokkummaa biyya teenya Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf carraaqqiin eegaltan cimuu qaba.Naannolee adda addaa keessatti dameen banattan madda odeeffannoo keessanii ta’uu qaba.Dhimma biyyaafi Naannoo Oromiyaa irratti akkuma Oromoon dubbatu sabaafi sab-lammoonni kanneen biroonis akka dubbataniif haalli mijaa’uu qaba,gama kanaan carraaqqiin eegaltan jiraatus gahaa akka hin taane hubatamaa jira.
Fakkeenyaaf kanuma dhiyeenyaa haa ilaalluutii, dhimma daangaa da’eeffateen rakkoo mudate irratti Oromoo qofa miti kan dubbachuu qabu.Waldhabdeen kun kan Ummata Oromoofi Sumaalee Itiyoophiyaa miti.Kanaaf Sumaaleenis dhimma kana akka balaaleeffatuufi tokkummaa Oromoo wajjin qabu sagalee isaatiin mirkaneessuu danda’uu qaba.Kana gochuu kan danda’u ammoo OBN!Dhugaadha miidiyaawwan kanneen biroos gama dhugaa baasuutiin hojjechuu qabu.Dirqamni isin irra jiru ammoo guddaadha.Kana hubachuudhaan hojjechutu filatamaan yaadakooti.
Miidiyaan kamiyyuu haala rakkoon mudate itti fufuufi quuqamni dabalaa deemuun hojjechuu hinqabu!Kun isinis kan dabalatedha.Inumaatu dirqamni OBN irra jiru ol’aanaa ta’uu beektanii haqaan waan gamaa gamana  jiru hojjechuun murteessaadha.ilaalchaafi gorsakoo fudhachuuf hin dirqamtan.”Abbaatu of mara” jedhe Bofni jedhama mitiiree?

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa