Irreechi Irree keenya-Ob.Lammaa Magarsaa



Irreechi Oromoo iddoo miidhaginaafi tokkummaa keenya itti mul’ifnu ta’uu qaba jedhan pireezidaatiin bulchiinsa mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa.

Ob.Lammaan ibsa Oromiyaa biroodkaastiing Neetiwoork(OBN) kennaniin. Oromoon hundi mallaattoo eenyummaa keenyaa kabajachuufi kabajisiisuun akka irra eegamus dhaamaniiru.
Tokkummaan wayita ammaa Saba Oromootiin uumame Irreecha irratti qabatamaan akka mul’achuu qabus himan.
Dogongorri barreeffamaa siidaa yaadannoo lammiiwwan waggaa darbe du’aniif ijaarame irratti barreeffames akka sirraa’e beeksisan.
Dhimmi rakkoo Naannoo Oromiyaafi sumaalee Itiyoophiyaa sababiinsaa daangaa akka ta’e Mootummaan naannoo Oromiyaa hin amanu kan jedhan pireezidaantichi balaballii malaammaltummaa waan cufameef harka kiraa sassabdotaafi saamtotaatu keessa jira jedhaniiru.
Mootumman naannoo Oromiyaa hawaasa iddoo jireenya isaa irraa buqqaafame dandamachiisuuf hojjechaa akka jirus obbo Lammaan beeksisaniiru. 
Obbo Lammaan ibsa OBN'f kennan kanaan dhimmoolee Naannoo Oromiyaa kanneen biroo akkasumas waa'ee tokkummaa Saba Oromoo uumamaa jiruufi akkaataa daran cimuu ittiin qabu irrattis kallattii kaa'aniiru

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman