Afaan Oromoo Afaan Hojii Mootummaa Federaalaa akka hin taaneef kan mormu eenyu?

Tolawaaq Waarii'tiin


“Cirracha bishaanii baay’inni jechakee
Kallacha tokkummaa hundee bilisummaa
Afaan Oromoo hundee Oromummaa”
Jechuudhaan bareechee weellise artiistiin beekamaan Dr.kabajaa Alii Birraa.
Afaan Oromoo afaan miliyoonotaan dubbatamudha.Kana waakkachuu kan danda’u eenyu laata?Sabaa fi sab lammootni naannoo Oromiyaatiin ala jiran hedduun isaanii hariiroo obbolummaa cimaa Ummata Oromoo bal’aa waliin waan qabaniif jireenya isaanii guyyuu keessatti Afaan Oromootiin walii galu. Akka fakkeenyaatti Naannoo Sabaa fi Sab Lammoota fi Ummattoota Kibbaatti kan argaman Sabootni akka
ü  Geede’oo
ü  Burjii
ü  Sidaamaa
ü  Haadiyyaa
ü  Kaafaa
ü  Shakkaa
ü  Majangir
ü  Qabeenaa
ü  Koonsoo
ü  Yam
ü  Daawuroo fi kkf. hariiroo guyyaa guyyaa Ummata Oromoo waliin qabaniin Afaan Oromootti bal’inaan fayyadamu.
Naannoolee Beenishaangul Gumuz fi Gaambeellaa keessatti kan argaman obboloota keenya kan ta’an sabootni
ü  Gumuz
ü  Shinaashaa
ü  Maa’oo Koomoo
ü  Anyuwaak
ü  Majangir fi Nuuweeris bali’inaan Afaan Oromootti fayyadamu.
Naannoo Amaaraa Godina addaa Oromoo Kamiseetti Afaan Oromoo afaan hojii fi barnootaati. Mootummaan Naannoo Amaaraa guddina Afaan Oromoof jecha Sagantaa Televizhiinii fi Raadiyoo Naannoo isaaniirratti yeroo ramaduun tamsaasa Afaan Oromootiin gaggeessaa jiru. Naannoo Harariittis Afaan Oromoo Afaan Hararii waliin Afaan hojii Naannichaa ta’ee tajaajilaa jira.
Ummatni Obbolaa Naannoo Soomaalee Itiyoophiyaa keessa jirus hariiroo obbolummaa yeroo dheeraa Ummata Oromoo waliin qabu irraa kan ka’e walquunnamtii Ummta Oromoo waliin guyyaa guyyaatti taasisuun Afaan Oromootiin fayyadama
Dhugaan armaan olitti tutuqame kun Afaan Oromoo Afaan sabaa fi sab lammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa hundaa akka ta’e agarsiisa. Guddinni afaan kanaa ummata biyya kanaa hunda fayyada.Mootummaan Naannoo Oromiyaa Afaan Oromoo afaan hojii dabalataa mootummaa federaalaa akka ta’u hojjetaa jira.
Afaan Oromoo Afaan hojii mootummaa federaalaa yoo ta’e ummata Oromoo qofa utuu hintaane sabaa fi sablammoota hedduutu fayyadama.Afaanichi sadarkaa federaalaatti afaan hojii yoo ta’e sirna federaalizimii biyya keenyaatiif utubaa cimaa ta’ee tokkuummaa biyya kanaa boqonnaa itti aanutti ceesisa. Kanaafuu, Afaan Oromoo afaan hojii dabalataa Mottummaa Federaalaa ta'uun sabaa fi sab lammoota hedduu kan fayyaduu fi tokkummaa biyya keenyaa kan cimsuu ta'uun isaa hubatamee qabsoo afaanicha afaan hojii dabalataa mootummaa federaalaa taasisuuf eegalame namni hunduu tumsuu qaba.
Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa Federaalaa akka hin taaneef eenyufa’itu mormaa?
Akka armaan olitti tarreessuuf yaalametti Afaan Oromoo Saba Oromoo bal’aa dabalatee sabaafi sablammoota hedduutu dubbata.Haa ta’uutii humnoonni afaan Oromoo caasaalee mootummaa Federaalaa keessatti afaan hojii akka hin taane barbaadan akka jiran mamii tokko malee dubbachuun ni danda’ama.
Jalqaba irratti Afaan Oromoo afaan hojii Mootummaa Federaalaa akka hin taaneef mudhii qabatanii kan morman harcaatoota sirna nafxanyootaati.Harcaatoonni sirna kanaan duraa kun biyya keessattis ta’e biyyaalee alaa adda addaa keessatti wal gurmeessanii socho’aa jiru,Egaa humnoonni kun Afaan Oromoo Afaan Amaaraatiin wal bira Afaan hojii mootummaa Federaalaa akka hin taaneef ilaalchi of tuulummaa isaan qabaniifi hidda gadi fageeffatee ture gufuu ol’aanaadha.
Humnoonni kanneen biroo Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa Federaalaa akka hin taaneef balaaleffataniifi morman kasaartoota siyaasaati.Humnoonni kunis biyya keessaafi biyyaalee alaatti kan argamanidha.Humnoonni kun Afaan Oromoo sadarkuma guddinaa amma irra ga’ee jiruunuu dallansuu ol’aanaa qabu.Afaan kun afaan hojii mootummaa Federaalaa ta’uu danda’uun ammoo abidda inaaffaatiin isaan bobeessee waxalaan.
Inaaffaadhaan boba’anii waxalamuu jalaa ba’uuf adeemsa shiraa baraniin humnoonni kun kutannoodhaan akka morman beekamaadha.Kanaan dura Afaan Oromoo qubee laatiniitiin barreessuun faranjii gurraacha ta’uu’fii? Jechuudhaan baacaniiru.Kan isiniif wayyu qubee Saabaatiin barreessuudha jechuunis gorsuuf yaalaniiru.Kan isaan barbaadan garuu hin taane.
Humnoonni sadaffaan Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa Federaalaa akka hin taaneef morman humnoota biyya alaa guddina Itiyoophiyaa arguu hin barbaannedha.Diinonni biyya keenyaa alaa kun eenyufa’i akka ta’an silaa beekna.Keessumattuu diinoonni biyya keenyaa kun kan qabeenya uumamaa nuti qabnutti akka hin fayyadamneef barbaadan Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa akka hin taaneef mormuun isaanii waan hin oolledha.
Mormii isaanii kana ammoo akkuma kanaan dura baran maallaqa isaanii baasuudhaan hojiirra oolchuu hin dhiisan.Kana ammoo kan hojiirra oolchan humnoota siyaasaa kasaaraniifi humnoota of tuultootatti fayyadamuudhaan akka ta’e beekamaadha.
Egaa “Abjuu sodaa hirriiba malee hin bulan”akkuma jedhamu shira humnoota gamaa gamana taa’anii socho’an kanaan yaaddofnee afaan keenya Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa Federaalaa akka ta’uuf qabsoo taasisaa jirru irraa duubatti hin deebinu.Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa yoo ta’e kan fayyadamu Saba Oromoo bal’aa dabalatee saboota sablammootaafi ummattoota Itiyoophiyaa miliyoonaan lakkaa’aman waan ta’eef tumsa barbaachisu taasisuudhaan bu’aa barbaadamu argachuuf kutannoodhaan hojjechuun yeroonsaa ammadha.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman