Hegereef har’a Biqiltuu dhaabuu qabna!
Finfinnee Waxabajjii 27/2011(Tolawaaq Waarii) Dhimmi
biqilqtuu dhaabuu xiyyeeffannoo guddaa argachuu qaba.Waa’een Biqiltuu dhaabuu bara
jijjiirraa jaarraa amma keessa jirru kana irraa eegalee akka xiyyeeffannoo
argatuuf carraaqqiin taasifameera.Garuu hamma barbaadametti bu’aan hin argamne.
Duulli Bar-kumee haarawaatti Biqiltuu lama dhaabuu adeemsifamee ture.Bu’aan
duula sanaan argame rakkoo manca’ina qabeenya bosonaa biyya keenyaa wajjin wal
qabatee jiru wajjin yoo wal bira qabamee ilaalamu kan wal gitu miti.
Biqiltuun
duulaan dhaabame sunis meeqatu late?meeqatu bade? jedhamee yoo xiinxalamu
deebiin quubsaan waan jiru hin fakkaatu.
Kanaaf
kan darbe dhiisuudhaan kan fuulduraa yaaduutu wayya waan ta’eef waa’ee duula
Biqiltuu dhaabuu baranaatiif xiyyeeffannoo barbaachisu kenninee socho’uu qabna.
Muummichi
ministiraa keenya jabaan fakkeenya ta’anii biqiltuu dhaabaa jiru.Kutannoofi
xiiqiin Dr.Abiy Ahmad hunda kakaasuu kan danda’udha.Carraaqii guddaa kana
kanneen gadi qican jiraatanis hawaasini bal’aan biyyattii ni
deeggara.Carraaqqii kana deeggaruu qofaan ammoo gahaa hin ta’u,qabatamaan
hojiidhaan mul’achuu qaba!
Biqiltuu
kan dhaabnu dhaloota ammaa qofaaf miti.Dhaloota boruutiif yaaduudhaan hegeree
boruu miidhagsuuf har’a Biqiltuu dhaabuu qabna.Xiyyeeffannoo mootummaan dhimma
kanaaf kenne kana sababeeffachuudhaan har’a yoo hojjechuu baanne rakkooleen har’a
nu marsan borus hin dhabaman.
Kanaaf
kan boruu miidhagsuuf har’a carraaquutu furmaata waaraa fida waan ta’eef haala
mijaawaa amma jirutti fayyadamuudhaan hegeree boruu miidhagsuuf akkaataa
saganteeffameen har’a Biqiltuu haa dhaabnu!
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ