Hoj-maneen nutti baay’ifame gabrummaa waggaa 150 hin caalu!



Finfinnee Adoolessa 10/2011(Tolawaaq Waarii) Har’a Oromootu Itiyoophiyaa bulchaa jira.Oromoon carraa kana kennaadhaan hin arganne.Qabsoo bara dheeraa lakkoofsiseen mirga abbaa biyyummaa argate.Wanti akkanumatti kennamu hin jiru.Ifaajiitu bu’aa barbaadamu argamsiisa.Oromoon ifaajiisaa bara hedduutiin rakkoo hedduu isarra gahaa ture dandamatee injifatee har’a irra ga’e.
Amma imala injifannoorra jirra.Imalli injifannoo Oromoo ammoo akka argaafi dhag’aa jirrutti gufuun itti heddummatus daran cimee itti fufa malee gonkumaa duubatti akka hin deebine beekamuu qaba!Numa keessaa dhugaa kana hubachuu kan dadhabetu oliif gadi raafamee diinni Oromoo akka wixiffatu taasisaa jira.Wixiffannaa diinaa kana kan dhabamsiifnu tokkummaa keenya yoo cimsinedha.

Tokkummaa Oromoo akka sibiilaatti yoo jabeessine diinni nu sodaatti.Diinni duruu nu sodaatti.Diinni waan sodaattuuf sababa adda addaa uumtee akka nuti adda facaanuufi wal hin taane gooti.Kan Oromoo taatee dhalatte hundi dhugaa kana beeki,qalbeeffadhu! 
Waan har’a nu harga jiruun dabareetu nu gahe jennee akka bour hin beekne etaanee kaan hin miinu,miidhuufis hin sochoonu.Dudhaan Oromoon duruu qabu kana nun-dhaalchifne.Hunda waliin jiraachuu beekna.Malaafi tooftaa kaan ofitti ittiin qabnu qabna.Amma kanatti fayyadamuu qabna!Dudhaa Oromummaadhaan qabnu gannee diina ofitti hin baay’ifnu.
Kana jechuun walitti dhufeenyi kaan wajjin qabnu seeraafi heera kan kabajeefi kan kabajisiise ta’uu qaba jechuudha.Wal sossobuun hin jiru.Sossobachuus hin feenu!Waan seeraafi heeraan arganne irra dhaabbachuudhaan biyya bulchina.Diinagdee keenya jabeeffanna.Heeraafi seera cabsee kan nutti dhufe ammoo ga’uumsaan ofirraa qolanna!Ammas daran haa jabaannu.Gufuun gamaa-gamanaa nutti baay’ifamaa jiru gabrummaa Oromoon waggaa 150 baatee jiraate hin caalu! #Oromia #Oromiyaa #unity

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa