Dhaamsa Saboota,sab-lammootaafi Ummattoota Itiyoophiyaa-Saba Oromootiif

Ummanni Oromoo deeggarsa muummicha ministiraa Dr.Abiyyi Ahmadiifi jijjiiramaaf qabu torban tokkoon dura jechuunis Amajjii 25-26/2013 akka adeemsise ni beekama.Hiriirri deeggarsaa godinaaleefi magaalota gara garaa keessatti adeemsifame kun ajaa’ibsiisaa ture.Dhaadannoowwan ergaa adda addaa qaban hiriirota deeggarsaa kanneen irratti dhaga’amaniiru.

Gareewwan xixiqqoon tokkummaa saba Oromoo sodaatan hiriira deeggarsaa Ummanni miliyoonaan lakkaa’amu irratti argame kana kan ummanni dirqamsiifamee akka ba’u taasifamedha jechuun gadi qicuuf yaalaniiru.Kana jechuusaaniitiinis taajjabbiidhaaf of saaxilaniiru.

Oromoon dirqamaan erga ba’ee saboonni,sab-lammoonniifi Ummattoonni Itiyoophiyaa kanneen biroos dirqamaan hiriira deeggarsaa taasisanii?Deebiin gaaffii kanaa hamtuufi shirtuu bira jira.


Dhimma hamtuufi shirtuu iddoo adda addaa biyya keessaafi biyyaalee alaa teessee wacaa jirtu barreeffama birootinin itti deebi’a.Amma gara mata duree dhimma dhaamsa saboota,sab-lammootaafi Ummattoota Itiyoophiyaa kanneen biroo irraa Saba Oromootiif darbetti isin haa deebisu.

Ummattoonni Itiyoophiyaa Naannoo Oromiyaatiin ala jiraatanis deeggarsa Dr.Abiyyi Ahmadiifi itti fufiinsa jijjiiramaatiif qaban hiriira deeggarsaa ba’uudhaan mul’isaniiru,mul’isaas jiru.Dhaamsi guddaan darbe firas diinas dhaqqabeera.Dhaamsi saba Oromootiif darbe nutis mamii malee isin wajjin jirra,akkuma Oromoon tokkummaadhaan dirreetti ba’uudhaan deeggarsa muummicha ministiraa Dr.Abiyyiif qabu ibsate nutis Oromoofi hooggansa Dr.Abiyyi wajjin jirra jechuudhaan dhaamsa guddaa dabarse.Diinaafis akeekkachiisa kenne.

Tarkaanfiin saboonni sab-lammoonniifi Ummattoonni Itiyoophiyaa fudhatan kun yoo Oromoon tokkoomee socho’u nutis tokkummaasaa utubna,ummata tokkoomee mirgaafi faayidaasaa kabajisiisu wajjin fayyadamna jechuusaati.

Diinni keessan diina keenya jechuudhaanis dhaamsa dabarfate.Yoo tokko taanee sochoonu hamtuufi shirtuun nudura dhaabbachuu hin dandeessu jedhe.Oromoon duruu hammataadha ummata hammataa kana wajjin nagaadhaan jiraanna jechuun dhaamsa guddaa dabarfate.

Hiriira deeggarsaa kana irratti xiqqaafi guddaatu hirmaate,qaamolee hawaasaa gara garaatu daangaa tokko malee deeggarsa Oromootiif qabu kutannoodhaan mul’ise.Akka diinni Oromoo jechaa ture miti dubbiin, jechuudhaan diinatti dhugaa hime.Oromoon biyya bulchuu danda’a jechuudhaan haqa jiru itti hime.

Dhugaan Ummattootaan himame kun ammoo mataa diinotaa bowwaafachiisuudhaan waan ta’an isaan wallaalchise.Ummanni dirqamaan deeggarsaaf akka ba’u taasifame jechuun olola sobaa akka ololan isaan taasise,xiqqaafi guddaadhaan akka taajjabamaniifis isaan saaxiluudhaan qullaatti isaan hanbise.

Filannoon bara 2013 dhufaa jira.Filannoo kana irratti sagalee kennuuf baatiiwwan afur qofaatu hafe.Filannoo kana irrattis Ummanni bal’aan eenyuun akka filatu garanumaa hamtuufi shirtuutti hime.Filannoon seenaa qabeessi kun karaa nagaatiin akka xumuramuuf,filannoo boodas jiruufi jireenyi hawaasaa tasgabbaa’ee akka itti fufuuf tokkummaan Ummattoonni amma wal hubachuudhaan mul’isan daran cimee itti fufuu qaba.Dubbiftootakoo yeroo kennitanii barreeffama kana waan naaf dubbiftaniif galatoomaa!Barreeffama gabaabaa dhimmoota adda addaa irratti hubannoo keessan gabbisuu danda’u akkan qabadhee dhufu hin shakkinaa.Nagaatti

 

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman