Salphina ABO’n haguuggateefi haala har’aa

 

Finfinnee,Guraandhala 05/2013(TW)Addi Bilisummaa Oromoo(ABO’n) dhaaba maqaa saba bal’aa Oromoo qabatee qabsaa’aa turedha.Dhaabbanni kun qabsoo keessatti umurii hedduu akka lakkoofsiise ni beekama.Maqaa Oromoo qabatee Saba Oromootiif qabsaa’aa turuudhaan kaayyoowwan qabsaa’aa tureefis hanga tokko galma ga’aniiru jechuun ni danda’ama.

Fakkeenyaaf Oromoon aadaafi seenaasaa gabroonfattootaan jalaa dhokfamee ture bakka kufee kaasee akka dagaagfatuuf qabsoo taasifame keessaa ABO’n qooda guddaa qaba,shoora inni gumaaches haaluun hin danda’amu.Sabni Oromoo afaansaa akka dagaagfatuufi Afaan Oromoo Afaan hojiifi barnootaa akka ta’uuf carraaqqii taasifame keessattis dhaabbanni kun ga’ee hin tuffatamne gumaacheera.

Amma dhaabbanni qabsoo keessatti waggoota lakkoofsise kun dulloomee,jaaree jira.Waan dulloomee jaareefis gocha badii adda addaa isa irraa hin eegamne keessa galeera.Kan umurii lakkoofsise bilchina horata malee deebi’ee xobbee hin ta’u.Kan umurii dheeraa argate dhalootaaf abdii ta’a malee dhaloota yaaddoodhaaf hin saaxilu.ABO’n maqaa sabaa qabatee madaa darbe hooqaa jiraachuudhaan dhalootatti yaaddoo uume.Taayitaa qofa yaadee lammii darare.Qondaaltoonni ABO (Daawud Ibsaafi miiltoon isaanii) faayidaa dhuunfaa dursanii diina Oromootti michoomuudhaan salphina haguuggatan.

ABO’n iddoo baay’eetti kan qoqqoodame waggoota hedduun duradha.Hanqinni qulqullina ilaalchaa waan mudateef rakkoo kanaaf saaxilame jechuun waan danda’amu natti fakkaata.Miseensonni buleeyyiin dhaabbatichaa hanga tokko ilaalcha sirrii qaban kanneen ilaalcha badaafi faallaa qaban wajjin garaa garummaa uuman.

Garaa garummaan miseensota dhaabbatichaa kun ammoo gara addaan  fofottoquutti isaan geesse.Garaa garummaa isaan jidduutti uumameen of dararuudhaan,Ummata Oromoos dararamaaf saaxilanii turan.Kannneen ilaalcha ummata bal’aa fayyadamaa taasisuu danda’u qabatannii daandii sirrii qabataniin galatoomaa jechuun kanneen ammoo faayidaa dhuunfaa qofatti goranii diinattis firoomanii Ummata Oromoo rakkoo lakkaa’amee hin dhumneef saaxilan qeequun barbaachisaadha.

Xiyyeeffannoon barreeffama kanaa hooggantoota ABO buleeyyii keessaa kanneen daandii dogongoraa qabatanii dhalootas dogongorsanii rakkoodhaaf saaxilan qeequudhaan haala qabatamaa amma jiru mul’isuudha.

Biyya keenya Ityoophiyaatti qabsoo Qeerroon Oromoofi humnoonni keessaa waggoota sadiin dura kutannoodhaan taasisaniin jijjiiramni erga dhufee waggaa sadaffaa lakkaa’uuf jirra,inumaatuu waggaa sadaffaatti dhiyaachaa jirra.

Hooggantoonni ABO buleeyyiin sababa jijjiirama kanaatiin hooggantoota jijjiiramaatiin kadhatamanii, jiruu baqattummaa keessaa ba’anii gara biyyaatti deebi’an.Wayita gara biyyaatti deebi’anis simannaan seenaa-qabeessi Magaalaa Finfinneetti akka taasifameef ni yaadatama.Yeroo sanatti Oromoon abdii guutuu qabatee ture.Fedhiin guddaan demokraasiif jiru mul’achaa dhufe.

Jijjiiramni dhufe akka finiinee itti fufuuf humnoonni jijjiirama fidan kaka’uumsa ol’aanaadhaan socho’an.Deeggarsi hooggansa jijjiiramaatiif taasifamaa tures biyya keessaafi biyya alaatti babal’atee itti fufe.Deeggarsa ol’aanaa hawaasni hoogganaa jijjiiramaa muummicha ministiraa Dr.Abiy Ahamadiif qabu oolee bulee kan arge humni taayitaa irraa fonqolchame mufannaa cimaa keessa seene.

Hooggantoonni TPLF utuu hinyaadin tasa taayitaa irraa bu’uudhaan gara Magaalaa Maqaleetti baqatan Dr.Abiy akka ajjeefamuuf shira xaxuu eegalan.Shira hooggantoonni wayyaanee Magaalaa Maqalee taa’anii xaxaa turanitti ABO  shaneen hirmaannaa bal’aa gochaa akka ture shakkamus adda ba’ee dhimmichi qulqqullaa’ee erga beekamee bubbuleera.


Amma hoogganaan ABO-shanee Daawud Ibsaa qaaniifi saalfii guddaa keessa jira jedheen yaada.Wayyaanee wajjin walitti dhufeenya hin qabnu jechaa turanis hidhattoonnisaanii humna wayyaaneetti makamanii Raayyaa ittisaa Itiyoophiyaa wayita waraanan qabatamaan akka argaman mirkanaa’eera.Leetanaal Janaraal Baacaa Dabalee ibsa kanaan dura adda waraanaatti kennaniin dhugaa kana mirkaneessaniiru.Miseensonni shanee too’annoo jala oolfamuudhaan seeratti dhiyaatanis haqa kana himaa jiru.Hidhattoonni shanee alaabaa ABO qabatanii wayyaanee wajjin raayyaa ittisaa Itiyoophiyaa wayita waraanan argaman.Kan wayyaanee abaaraa ture taayitaaf jecha wayyaaneetti michoomee argamuun ajaa’ibsiisaadha!

Hooggantoonni wayyaanees ta’e ABO akkasumas humoonni abdiidhaan isaan marsanii turan hundumtuu amma qaanii haguuggataniiru.Wayyaaneen dhaadannaa baayi’isee of tulummaadhaan waraana eegalus moo’amuudhaan daaraa ta’eera. Hooggantoonni TPLF baqatanis adamsamaa jiru.Kanneen abdii qabatanii isaan jala shubbisaa turanis amma qaaniirra jiru,salphataniiru.Har’ammoo boru qabamnee seera duratti dhiyaanna jechuunis yaaddoo cimaa irra akka jiran ni beekama.

Hin duune inuma jirra jechuuf kanneen wixiffachaa jirantu nama kofalchiisa.Olola fudhatama hin qabne ololaa ooluun amma gatii hin qabu.Jawaar Siraaj Mahaammadiifi Baqqala Garbaa  nyaata lagachuudhaan du’uuf jiru jechuun watwaataa ooluun amma wanti fiduu danda’u tokkollee hin jiru.Jarreen kun nyaata malee torban lamaa ol turan,du’uuf jiru jechuun kakaasiidhaaf wixiffachaa ooluun OMN baqatee jiruun lallabaa ooluun wanti fidu hin jiru.Kan too’annaa seeraa jala jiru,seeraan gaafatamee waan balleesseef gaafatama!kanuma! Maal haabaasuuf dhama raasuu?

 

 

 

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman