Dr. Alii Birraa Irraa Maal Baranna?

Finfinnee,Guraandhala 04/2013(TW)Dheengadda Jila guddaa oolle! Jila kabaja Dr Alii Birraa! Qalbi qabeessi waan baayyee jila sana irraa hubata! Jireenyi kabajamoo Dr Alii mataa isaattuu barnoota.

1. Qajeeltoo fi kutannoo qabaannaan gufuu hunda ceetee tulluu taata! Nama 1950-oota keessa Alii xiqqaa turetu hardha akka bakkalcha barii ifee addunya torban irraa muldhata!
2. Yaada moo'ataa qabaannaan adiif gurraachatu si jaalata! Kabajamoo Dr Aliin bareedina, jaalala, araara, dhiifama, tokkummaa, seenaa, aadaa, barnoota, bilisummaa, obbolommaa fi wal-qixxummaa waan leelliseef addunyaa hundi dinqisiifata!
3. Yoo sabaaf of kennite ashaaraa waaru dhalootaaf teechifta! Walleelee Dr Alii kanneen akka Asaabala hoo, Rabbi moo Namumaa, Barnoota..ammas barnoota, Afaan Oromoo, Bareeda addunyaa, Ispoortii ..Ispoortii, A.B jennee kaanaa fi kkf dhaloota dhufaa darbaatu ittiin jiraata!
4. Yoo ogummaa keetti fuulleffatte sabaaf mallattoo taata! Wallee Dr Alii keessaan urgaa, duudhaa fi safuu Oromoo qulqulluu ganamaa santu muldhata! Kabajamoo Dr Aliin maqaa fi kabaja Oromoo qabatee addunyaa gubbaa marfata!
5. Gaafa fayyaalummaan biyyaaf waa gumaatte deebitee gumaata dachaa kumaatama argatta! Dhugaan kun Kabajaan dheengadda Dr Aliif kenname irraa muldhata! Xiqqaa-guddaa, dhiiraa-dubartii, beekaa-waallaa, mootummaa-mormituu fi saba hundatu Dr Alii galateeffata!

Yoo carroomte ammoo jijjiirama wareegama keetiin dhufe agarta. Ganna sadi dura aangawaan nama Oromoof dubbatu kabajuun hafee dubbisuuyyuu ni sodaata! Hardha garuu angafoota akka Leencoo Lataa, Galaasaa Dilboo, Leencoo Baatii, Dr Diimaa Nagawoo fi Dr Alii Birraa dirree bilisoomte irratti jeneraalota jajjaboo fi hooggansa mootummaa waliin argatta! Milkiin kana caale hin jiru!

VIA:Taayyee D.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman