Duulli diigumsa Itiyoophiyaa hinmilkaa’u!
Finfinnee Bitootessa 24/2013(TW) Gufuun jijjiiramaa biyya keessaafi biyya alaa akka jiru nibeekama.Gufuuwwan lamaanuu walsooru,waltumsu.Tokkoomuudhaan diigumsa Itiyoophiyaa saffisiifna jechuun abjootu.Qindaa’uudhaan socho’u.Itiyoophiyaa maal yoo goone diiguu dandeenyaa?jechuun mari’atu.
Mariisaaniitiin shira xaxu.Shira mari’atanii
xaxan hojiirra oolchuuf socho’u.walitti bu’iinsa sabaafi amantaa uumuudhaan
kaayyoo diigumsa biyyaa galmaan ga’achuuf halkanii guyyaa wixiffatu.
Haala kanaan hanga ammaatti socho’aa jiru.Waldhabdee namoota dhuunfaa jidduutti mudate olkaasuudhaan waldhabdee sabootaa taasisuuf heddu carraaqu.Dhalataan Oromoofi dhalataan Amaaraa tokko dhimma dhuunfaatiin yoo wal dhaban isa kana finiisanii ol kaasuudhaan saba Oromoofi Amaaraatu waldhabe jedhu,saboota kanneen birootis akkasuma.
Namoonni amantaa gara garaa qaban dhimma
dhuunfaatiin yoo waldhabanis walitti bu’iinsi amantaa waan uumame
fakkeessuudhaan akka malee afarsu.Miidiyaawwan
biyya keessaafi biyya alaa gama kanaan dhimmicha afarsuudhaan deeggarsa
taasisaniifis qabu.
Waggoota sadeen darban haala kanaan socho’uudhaan
miidhaawwan hedduu geessisaniiru.Garuu jijjiirama qabsoo miliyoonootaatiin
dhufe gufachiisuu hindandeenye.Humnoonni kun amma abdii kutannaarra waan
jiraniif kallattuumaan lubbuu namaa ajjeesuutti ce’an.Qindoominni ABO
shanee,harcaatoota wayyaanee bukutooftee ,Gibtsiifi ergamtoota kamiiyyuu Itiyoophiyaa diiguu hindanda’u.
Hmnoonni kun Maalif abdii kutatanii?Ummata bal’aatu isaan dhaggeeffachuu
dide.Dhageettii dhabnaan mira abdii kutachuutiin nama walitti waamuudhaan
ajjeesuu eegalan.Humnoonni biyya keessaafi biyya alaa kun kallattii adda
addaatiin ajandaa bocuudhaan socho’anis,lubbuu lammiiwwanii balleessanis kaayyoon
diigumsa Itiyoophiyaa isaan qabatan gonkumaa galma ga’uu hindanda’u.Jijjiiramnis
hingufatu.Ca’uumsiifi badhaadhinni Itiyoophiyaa nimirkanaa’a.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ