"Yeroon taaksii miti dhaabbatee nama hineegu"

 Finfinnee Bitootessa 24/2013(TW)Hogganaan jijjiiramaa waggaa sadeen har'aa gara taayitaa muummicha ministiraa Itiyoophiyaatti akka dhufan mirkaneessan.Dura taa'aa ADWUI ta'an.Itti aanee mana marii bakka bu'oota ummataatiitti dhiyaatanii haasawa seena qabeessa taasisuun muummicha ministiraa Itiyoophiyaa ta'uun muudaman.Oromoon biyya kanatti muummicha ministiraa maalif hinta'u?jechuun kanneen gaafachaa turan deebii guutuufi mamii hinqabne argatan.Humnoonni adda addaa ammoo utuu hin hinturin taayitaa guddicha muummichi ministiraa biyya hogganuuf qabatan kan gadi qicuu eegalan.


Muummichi keenya taayitaa qabatanii gadi hinteenye.Borumtiisaatti sochii itti fufiinsa qabu taasisan.Carraaqqii bal'aa lakkaawwamee hin dhumne taasisaniinis beekkamtii argachuudhaan Looreetii Nagaa addunyaa ta'uudhaan badhaafaman,maqaa Oromoofi Itiyoophiyaas addunyaa irratti waamisisan.Goomattoonniifi mormitoonnisaanii garuu har'as bakkuma dur turan jiru.Ajaa'iba!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa