Hoogganaa cimaa biyya diigumsarraa baraaree ceesisaa jiru
Finfinnee Bitootessa 24/2013(TW) Muummicha ministiraa keenya Dr.Abiy Ahmad kan jibban irra kan jaalatutu daran caala.Muummichi keenya hoogganaa cimaa biyya diigama irraa baraaredha.Dhugaa Kana kan haalu diina Oromoofi Itiyoophiyaa qofadha!
Carraaqqiin muummichi ministiraa Itiyoophiyaa kutannoodhaan taasisaa jiran abdii kutachuudhaan kan duubatti deebi'u akka hin taane qabaatamaan mul'ateera.Humnoonni adda addaa muummichi keenya abdii kutachuudhaan gara duubaatti akka deebi'aniif dhakaan isaan hingaragalchine hinjiru.Carraaqqiin Dr.Abiy taasisaa jiran deeggarsa ummata miliyoonaan lakkaa'amuu waan qabuuf gonkumaa duubatti hin deebi'u.Goomattoonni isinumati abdii kutadhaa.Abdii kutachuudhaan gocha abdii kutannaa raawwachaa akka jirtan silaa nibeekama.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ