Ibsa Ijjannoo Yaa’ii dhaabbatummaa ODP Hirmaattota Yaa’ii dhaabbatummaa 9ffaan qophaa’e ---- Barri isaa fagoodha yaadannoon isaa ammoo dhiyoodha DhDUO kaleessaa, ODP hardhaa imala waggoota darbanii keessatti daandiin irra darbe kan injifannoon baayyeen itti galmaawan tahullee gufuuwwan isa mudataniis salphaa miti. Yaa ta’u malee duudhaan dhaloota isaarraa qabee Oromummaan dagaagfataatiifii qajeeltoo jireenya isaa godhachaa dhufe kufanii ka’uuf halaalatti quba qabuun dura quba ofitti qabanii of dhaggeeffatanii ofitti deebi’uun of ceepheessaa of haaroomsaa deemuudha. Seenaa kufanii ka’uutiif kan akka dubbii hanqaaquu yookiin killee caphaan alaa dhuftu du’a, caphaan keessaa futtaatu lubbuu akka taatee rakkoofii gaaga’ama hamaa hamma Ummanni Qabsoofnuuf duugda nutti gara galuu gahee turee yaadannoo yeroo dhiyooti. Paartiin keenya Qabsoo keessoo isaatti karaarraa maqnee karatti yaa deebinuu taasiseen bu’aan harra naannoo keenya bira dabree biyyaaf ifuu ...